< 詩篇 9 >

1 大衛的詩,交與伶長。調用慕拉便。 我要一心稱謝耶和華; 我要傳揚你一切奇妙的作為。
Dura buʼaa faarfattootaatiif; Yeedaloo, “Duʼa ilmaa” jedhamu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.
2 我要因你歡喜快樂; 至高者啊,我要歌頌你的名!
Ani sittin gammada; nan ililchas; yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.
3 我的仇敵轉身退去的時候, 他們一見你的面就跌倒滅亡。
Diinonni koo dugda duubatti ni deebiʼu; ni gufatu; fuula kee duraas ni badu.
4 因你已經為我伸冤,為我辨屈; 你坐在寶座上,按公義審判。
Mirga koo fi dhimma koo qabatteerta; atis murtii qajeelaa kennaa teessoo kee irra teesseerta.
5 你曾斥責外邦,你曾滅絕惡人; 你曾塗抹他們的名,直到永永遠遠。
Saboota ifattee hamootas balleessiteerta; maqaa isaaniis baraa hamma bara baraatti haqxeerta.
6 仇敵到了盡頭; 他們被毀壞,直到永遠。 你拆毀他們的城邑, 連他們的名號都歸於無有。
Diinonni badiisa bara baraatiin balleeffamu; ati magaalaawwan isaanii bubuqqifteerta; seenaan isaaniis barbadeeffameera.
7 惟耶和華坐着為王,直到永遠; 他已經為審判設擺他的寶座。
Waaqayyo garuu bara baraan ni moʼa; teessoo isaas murtiidhaaf dhaabbateera.
8 他要按公義審判世界, 按正直判斷萬民。
Inni qajeelummaadhaan addunyaadhaaf murtii ni kenna; sabootas murtii qajeelaadhaan bulcha.
9 耶和華又要給受欺壓的人作高臺, 在患難的時候作高臺。
Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
10 耶和華啊,認識你名的人要倚靠你, 因你沒有離棄尋求你的人。
Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
11 應當歌頌居錫安的耶和華, 將他所行的傳揚在眾民中。
Waaqayyo isa Xiyoon irra jiraatu faarfannaadhaan jajadhaa; hojii isaa illee saboota keessatti labsaa.
12 因為那追討流人血之罪的-他記念受屈的人, 不忘記困苦人的哀求。
Inni haaloo dhiigaa baasu sunis isaan yaadataatii; iyya warra dhiphataniis hin irraanfatu.
13 耶和華啊,你是從死門把我提拔起來的; 求你憐恤我,看那恨我的人所加給我的苦難,
Yaa Waaqayyo, hammam akka diinonni koo na ariʼatan ilaali! Naaf araaramiitii afaan boolla duʼaa keessaa na baasi;
14 好叫我述說你一切的美德; 我必在錫安城的門因你的救恩歡樂。
kunis ani karra Intala Xiyoon irratti akka galata kee labsuu fi fayyisuu keettis baayʼisee gammaduuf.
15 外邦人陷在自己所掘的坑中; 他們的腳在自己暗設的網羅裏纏住了。
Saboonni boolla qotan keessa buʼan; miilli isaaniis kiyyoodhuma isaan dhoksaniin qabame.
16 耶和華已將自己顯明了,他已施行審判; 惡人被自己手所做的纏住了 (細拉)
Waaqayyo murtii qajeelaa kennuudhaan beekama; hamoonni garuu hojii harka isaaniitiin kiyyoo seenu.
17 惡人,就是忘記上帝的外邦人, 都必歸到陰間。 (Sheol h7585)
Namoonni hamoon, warri Waaqa irraanfatan hundinuus siiʼoolitti gad buʼu. (Sheol h7585)
18 窮乏人必不永久被忘; 困苦人的指望必不永遠落空。
Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.
19 耶和華啊,求你起來,不容人得勝! 願外邦人在你面前受審判!
Yaa Waaqayyo kaʼi; jabinni namaa hin mulʼatin; fuula kee duratti sabootatti haa muramu.
20 耶和華啊,求你使外邦人恐懼; 願他們知道自己不過是人。 (細拉)
Yaa Waaqayyo, sodaa isaanitti buusi; saboonnis akka namuma taʼan haa beekan.

< 詩篇 9 >