< 詩篇 72 >

1 所羅門的詩。 上帝啊,求你將判斷的權柄賜給王, 將公義賜給王的兒子。
Faarfannaa Solomoon. Yaa Waaqi, murtii kee mootiidhaaf, qajeelumma kee immoo ilma mootiitiif kenni.
2 他要按公義審判你的民, 按公平審判你的困苦人。
Innis saba keetiif qajeelummaadhaan murteessa; hiyyeeyyiifis murtii qajeelaa kenna.
3 大山小山都要因公義使民得享平安。
Tulluuwwan badhaadhummaa, gaarran immoo ija qajeelummaa sabaaf haa fidan.
4 他必為民中的困苦人伸冤, 拯救窮乏之輩, 壓碎那欺壓人的。
Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; ijoollee rakkattootaa ni oolcha; cunqursituu immoo ni barbadeessa.
5 太陽還存,月亮還在, 人要敬畏你,直到萬代!
Namoonni hamma aduun jiraattuu fi hamma jiʼi jiraatutti, dhalootaa hamma dhalootaatti si sodaatu.
6 他必降臨,像雨降在已割的草地上, 如甘霖滋潤田地。
Inni akkuma bokkaa marga haamame irratti roobuu, akkuma tiifuu lafa jiisuuttis ni dhufa.
7 在他的日子,義人要發旺, 大有平安,好像月亮長存。
Bara isaa keessa qajeelummaan ni daraara; nageenyis hamma jiʼi dhabamutti ni baayʼata.
8 他要執掌權柄,從這海直到那海, 從大河直到地極。
Innis galaanaa hamma galaanaatti, Laga Efraaxiisii hamma moggaa lafaatti ni bulcha.
9 住在曠野的,必在他面前下拜; 他的仇敵必要舔土。
Warri gammoojjii keessa jiraatan fuula isaa duratti ni sagadu; diinonni isaas biyyoo arraabu.
10 他施和海島的王要進貢; 示巴和西巴的王要獻禮物。
Mootonni Tarshiishii fi mootonni biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu; mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf.
11 諸王都要叩拜他; 萬國都要事奉他。
Mootonni hundinuus isaaf ni sagadu; saboonni hundinuus isa ni tajaajilu.
12 因為,窮乏人呼求的時候,他要搭救; 沒有人幫助的困苦人,他也要搭救。
Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu, hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii.
13 他要憐恤貧寒和窮乏的人, 拯救窮苦人的性命。
Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa; nama rakkataas duʼa jalaa baasa.
14 他要救贖他們脫離欺壓和強暴; 他們的血在他眼中看為寶貴。
Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura; dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii.
15 他們要存活。 示巴的金子要奉給他; 人要常常為他禱告,終日稱頌他。
Umuriin isaa haa dheeratu; warqeen Shebaa isaaf haa kennamu. Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan; guyyaa guutuus isa haa eebbisan.
16 在地的山頂上,五穀必然茂盛; 所結的穀實要響動,如黎巴嫩的樹林; 城裏的人要發旺,如地上的草。
Lafa irratti midhaan akka malee haa baayʼatu; fiixee tulluuwwanii irras asii fi achi haa raafamu. Iji isaa akka Libaanoon haa tolu; akka marga lafaas haa misu.
17 他的名要存到永遠, 要留傳如日之久。 人要因他蒙福; 萬國要稱他有福。
Maqaan isaa bara baraan haa jiraatu; Akkuma aduus itti fufee haa jiraatu. Saboonni hundinuu isaan ni eebbifamu; jarris eebbifamaa jedhaanii isa waamu.
18 獨行奇事的耶和華-以色列的上帝 是應當稱頌的!
Inni kophaa isaa waan dinqii hojjetu, Waaqayyo Waaqni, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
19 他榮耀的名也當稱頌,直到永遠。 願他的榮耀充滿全地! 阿們!阿們!
Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu; lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu.
20 耶西的兒子-大衛的祈禱完畢。
Kadhannaan Daawit ilma Isseey as irratti xumurame.

< 詩篇 72 >