< 詩篇 70 >

1 大衛的紀念詩,交與伶長。 上帝啊,求你快快搭救我! 耶和華啊,求你速速幫助我!
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti. Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu; yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu.
2 願那些尋索我命的,抱愧蒙羞; 願那些喜悅我遭害的,退後受辱。
Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; warri badii koo hawwan hundi qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
3 願那些對我說阿哈、阿哈的, 因羞愧退後。
Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
4 願一切尋求你的,因你高興歡喜; 願那些喜愛你救恩的,常說:當尊上帝為大!
Warri si barbaadan hundinuu garuu sitti gammadanii haa ililchan; warri fayyisuu kee jaallatan, yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan.
5 但我是困苦窮乏的; 上帝啊,求你速速到我這裏來! 你是幫助我的,搭救我的。 耶和華啊,求你不要耽延!
Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; yaa Waaqi, dafii na qaqqabi. Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqayyo hin turin.

< 詩篇 70 >