< 詩篇 7 >

1 大衛指着便雅憫人古實的話,向耶和華唱的流離歌。 耶和華-我的上帝啊,我投靠你! 求你救我脫離一切追趕我的人,將我救拔出來!
Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala; warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;
2 恐怕他們像獅子撕裂我, 甚至撕碎,無人搭救。
yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti, akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.
3 耶和華-我的上帝啊,我若行了這事, 若有罪孽在我手裏,
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe yoo harka koo keessa yakki jiraate,
4 我若以惡報那與我交好的人- 連那無故與我為敵的,我也救了他,
yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe, yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,
5 就任憑仇敵追趕我,直到追上, 將我的性命踏在地下, 使我的榮耀歸於灰塵。 (細拉)
diinni koo ariʼee na haa qabatu; jireenya koo lafatti haa dhidhiitu; ulfina koos awwaara keessa haa buusu.
6 耶和華啊,求你在怒中起來, 挺身而立,抵擋我敵人的暴怒! 求你為我興起!你已經命定施行審判!
Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi; dheekkamsa diinota kootti kaʼi. Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.
7 願眾民的會環繞你! 願你從其上歸於高位!
Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu; atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.
8 耶和華向眾民施行審判; 耶和華啊,求你按我的公義和我心中的純正判斷我。
Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu. Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti, akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.
9 願惡人的惡斷絕! 願你堅立義人! 因為公義的上帝察驗人的心腸肺腑。
Yaa Waaqa qajeelaa, kan yaadaa fi garaa namaa qortu, fincila hamootaa balleessi; qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.
10 上帝是我的盾牌; 他拯救心裏正直的人。
Gaachanni koo Waaqa; inni gara toleeyyii ni oolcha.
11 上帝是公義的審判者, 又是天天向惡人發怒的上帝。
Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha; inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.
12 若有人不回頭,他的刀必磨快, 弓必上弦,預備妥當了。
Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate, inni goraadee isaa ni qarata; iddaa isaas dabsee qopheeffata.
13 他也預備了殺人的器械; 他所射的是火箭。
Inni meeshaa nama ajjeesu qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.
14 試看惡人因奸惡而劬勞, 所懷的是毒害,所生的是虛假。
Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa; jalʼina garaatti baata; soba dhala.
15 他掘了坑,又挖深了, 竟掉在自己所挖的阱裏。
Inni gad fageessee boolla qota; boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.
16 他的毒害必臨到他自己的頭上; 他的強暴必落到他自己的腦袋上。
Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa; jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.
17 我要照着耶和華的公義稱謝他, 歌頌耶和華至高者的名。
Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha; maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.

< 詩篇 7 >