< 詩篇 65 >

1 大衛的詩歌,交與伶長。 上帝啊,錫安的人都等候讚美你; 所許的願也要向你償還。
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata; wareegni keenyas siif galfama.
2 聽禱告的主啊, 凡有血氣的都要來就你。
Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu, namni hundinuu gara kee ni dhufa.
3 罪孽勝了我; 至於我們的過犯,你都要赦免。
Yeroo cubbuun na moʼattetti, ati yakka keenya nuu dhiifteerta.
4 你所揀選、使他親近你、住在你院中的, 這人便為有福! 我們必因你居所、你聖殿的美福知足了。
Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha! Nus waan gaarii mana keetiitiin, kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.
5 拯救我們的上帝啊,你必以威嚴秉公義應允我們; 你本是一切地極和海上遠處的人所倚靠的。
Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita; daarii lafaa hundumaaf, galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;
6 他既以大能束腰, 就用力量安定諸山,
ati humna uffatteerta; jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;
7 使諸海的響聲和其中波浪的響聲, 並萬民的喧嘩,都平靜了。
ati huursaa galaanaa, huursaa dhaʼaa bishaanii, raafama uummataas ni calʼisiifte.
8 住在地極的人因你的神蹟懼怕; 你使日出日落之地都歡呼。
Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu; ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti, akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.
9 你眷顧地,降下透雨, 使地大得肥美。 上帝的河滿了水; 你這樣澆灌了地, 好為人預備五穀。
Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta; akka malees ni gabbifta; akka namootaaf midhaan kennaniifis lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru; ati kanumaaf qopheessiteertaatii.
10 你澆透地的犂溝,潤平犂脊, 降甘霖,使地軟和; 其中發長的,蒙你賜福。
Boʼoo isaa bishaan quubsita; biyyoo isaas wal qixxeessita; tiifuu bokkaatiinis ni jiifta; biqila isaas ni eebbifta.
11 你以恩典為年歲的冠冕; 你的路徑都滴下脂油,
Gaarummaa keetiin bara ni gonfita; daandiiwwan kees cooma coccobsu.
12 滴在曠野的草場上。 小山以歡樂束腰;
Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa; gaarranis gammachuudhaan guutamu.
13 草場以羊群為衣; 谷中也長滿了五穀。 這一切都歡呼歌唱。
Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu; sululoonni midhaaniin haguugamu; isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.

< 詩篇 65 >