< 詩篇 62 >

1 大衛的詩,照耶杜頓的作法,交與伶長。 我的心默默無聲,專等候上帝; 我的救恩是從他而來。
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti; fayyinni koos isa biraa naa dhufa.
2 惟獨他是我的磐石,我的拯救; 他是我的高臺,我必不很動搖。
Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.
3 你們大家攻擊一人,把他毀壞, 如同毀壞歪斜的牆、將倒的壁,要到幾時呢?
Isin hamma yoomiitti nama miitu? Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti, akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?
4 他們彼此商議,專要從他的尊位上把他推下; 他們喜愛謊話,口雖祝福,心卻咒詛。 (細拉)
Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa, guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu; isaan sobatti ni gammadu. Afaan isaaniitiin ni eebbisu; garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.
5 我的心哪,你當默默無聲,專等候上帝, 因為我的盼望是從他而來。
Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti; abdiin koo isa biraa dhufaatii.
6 惟獨他是我的磐石,我的拯救; 他是我的高臺,我必不動搖。
Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.
7 我的拯救、我的榮耀都在乎上帝; 我力量的磐石、我的避難所都在乎上帝。
Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira; kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.
8 你們眾民當時時倚靠他, 在他面前傾心吐意; 上帝是我們的避難所。 (細拉)
Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa; garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa; Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.
9 下流人真是虛空; 上流人也是虛假; 放在天平裏就必浮起; 他們一共比空氣還輕。
Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti; gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma; yoo madaaliidhaan madaalaman lachanuu qilleensa caalaa salphatu.
10 不要仗勢欺人, 也不要因搶奪而驕傲; 若財寶加增,不要放在心上。
Waan saamichaan argattan hin amanatinaa; waan hatameenis hin koorinaa. Yoo qabeenyi keessan guddate illee, qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.
11 上帝說了一次、兩次,我都聽見: 就是能力都屬乎上帝。
Waaqni yeroo tokko dubbate; ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe; kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha.
12 主啊,慈愛也是屬乎你, 因為你照着各人所行的報應他。
Yaa Gooftaa araarri kan kee ti. Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.

< 詩篇 62 >