< 詩篇 58 >

1 大衛的金詩,交與伶長。調用休要毀壞。 世人哪,你們默然不語,真合公義嗎? 施行審判,豈按正直嗎?
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawiti. Miiktaamii. Yaa bulchitoota, isin dhugumaan waan qajeelaa dubbattanii? Nama gidduuttis murtii qajeelaa kennitanii?
2 不然!你們是心中作惡; 你們在地上秤出你們手所行的強暴。
Akkas miti; isin garaa keessan keessatti hammina yaaddu; harki keessanis lafa irratti goolii kaasa.
3 惡人一出母胎就與上帝疏遠, 一離母腹便走錯路,說謊話。
Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu; gadameessa haadha isaaniitii jalqabniis karaa irraa goranii soba dubbatu.
4 他們的毒氣好像蛇的毒氣; 他們好像塞耳的聾虺,
Hadhaan isaanii akkuma hadhaa bofaa ti; isaan akkuma buutii duudaa gurra isaa cuqqaalatee
5 不聽行法術的聲音, 雖用極靈的咒語也是不聽。
sagalee nama isa raatessuu yookaan nama waan ittiin isa raatessu hojjetu tokkoo dhagaʼuu diduu ti.
6 上帝啊,求你敲碎他們口中的牙! 耶和華啊,求你敲掉少壯獅子的大牙!
Yaa Waaqi ati ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccabsi; qarriffaa leencotaas daaki, yaa Waaqayyo!
7 願他們消滅,如急流的水一般; 他們瞅準射箭的時候,願箭頭彷彿砍斷。
Isaan akkuma bishaan dhangalaʼee baduutti haa badan; yeroo iddaa futtaasanitti xiyyi isaanii haa doomu.
8 願他們像蝸牛消化過去, 又像婦人墜落未見天日的胎。
Akkuma ciilalluu yommuu deemu baquutti, akkuma daaʼima utuu yeroon hin gaʼin dhalatuuttis aduu hin argin.
9 你們用荊棘燒火,鍋還未熱, 他要用旋風把青的和燒着的一齊颳去。
Utuu okkoteen keessan ibidda qoraattiitiin hin hoʼin, jiidhaas taʼu gogaan isaanii haxaaʼamanii balleeffamu.
10 義人見仇敵遭報就歡喜, 要在惡人的血中洗腳。
Namni qajeelaan yommuu haaloo baʼuu kana argutti ni gammada; miilla isaas dhiiga namoota hamootiin ni dhiqata.
11 因此,人必說:義人誠然有善報; 在地上果有施行判斷的上帝!
Yommus namoonni akkana ni jedhu; “Dhugumaan nama qajeelaadhaaf badhaasni jira; dhugumaan Waaqni lafa irratti murtii kennu jira.”

< 詩篇 58 >