< 詩篇 38 >
1 大衛的紀念詩。 耶和華啊,求你不要在怒中責備我, 不要在烈怒中懲罰我!
Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf. Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
Xiyyooliin kee na waraananiiru; harki kees akka malee natti ulfaateera.
3 因你的惱怒,我的肉無一完全; 因我的罪過,我的骨頭也不安寧。
Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera; sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera.
Cubbuun koo na liqimseeraatii; akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera.
Sababii gowwummaa kootiitiif, madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes.
Ani gad nan qabame; gadis nan cabe; guyyaa guutuus gaddaan oola.
Dugdi koo na bobaʼa; dhagni koos fayyaa hin qabu.
Ani laafeera; akka malees bututeera; garaan koo dhiphatee ani aadaan jira.
9 主啊,我的心願都在你面前; 我的歎息不向你隱瞞。
Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha; argansuun koo si duraa hin dhokatu.
10 我心跳動,我力衰微, 連我眼中的光也沒有了。
Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera; ifni ija kootiis badeera.
11 我的良朋密友因我的災病都躲在旁邊站着; 我的親戚本家也遠遠地站立。
Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan; firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu.
12 那尋索我命的設下網羅; 那想要害我的口出惡言, 終日思想詭計。
Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru; warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu; guyyaa guutuus hammina natti yaadu.
Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii.
Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera.
15 耶和華啊,我仰望你! 主-我的上帝啊,你必應允我!
Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha; yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita.
16 我曾說:恐怕他們向我誇耀; 我失腳的時候,他們向我誇大。
Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan hin eeyyamin” jedheeraatii.
Ani kufuu gaʼeeraatii; dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne.
Ani balleessaa koo nan himadha; sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.
19 但我的仇敵又活潑又強壯, 無理恨我的增多了。
Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha; warri sababii malee na jibbanis hedduu dha.
Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti; ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii.
21 耶和華啊,求你不要撇棄我! 我的上帝啊,求你不要遠離我!
Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin; yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin.
Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko, na gargaaruudhaaf ariifadhu!