< 詩篇 16 >
1 大衛的金詩。 上帝啊,求你保佑我, 因為我投靠你。
Miiktaamii Daawit. Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii, ati na eegi.
2 我的心哪,你曾對耶和華說:你是我的主; 我的好處不在你以外。
Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti; ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha.
3 論到世上的聖民,他們又美又善, 是我最喜悅的。
Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha; anis isaanitti baayʼee nan gammada.
4 以別神代替耶和華的, 他們的愁苦必加增; 他們所澆奠的血我不獻上; 我嘴唇也不提別神的名號。
Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan, gaddi isaanii ni guddata. Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu; yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.
5 耶和華是我的產業, 是我杯中的分; 我所得的,你為我持守。
Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti; ixaa koos situ naa jiraachisa.
6 用繩量給我的地界,坐落在佳美之處; 我的產業實在美好。
Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera; dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.
7 我必稱頌那指教我的耶和華; 我的心腸在夜間也警戒我。
Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha; halkanis yaadni koo na qajeelcha.
8 我將耶和華常擺在我面前, 因他在我右邊,我便不致搖動。
Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba. Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
9 因此,我的心歡喜,我的靈快樂; 我的肉身也要安然居住。
Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos nagaadhaan jiraata;
10 因為你必不將我的靈魂撇在陰間, 也不叫你的聖者見朽壞。 (Sheol )
ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii, yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu. (Sheol )
11 你必將生命的道路指示我。 在你面前有滿足的喜樂; 在你右手中有永遠的福樂。
Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.