< 詩篇 103 >

1 大衛的詩。 我的心哪,你要稱頌耶和華! 凡在我裏面的,也要稱頌他的聖名!
Faarfannaa Daawit. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi; keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.
2 我的心哪,你要稱頌耶和華! 不可忘記他的一切恩惠!
Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi; tola isaa hundas hin irraanfatin.
3 他赦免你的一切罪孽, 醫治你的一切疾病。
Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa; dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;
4 他救贖你的命脫離死亡, 以仁愛和慈悲為你的冠冕。
jireenya kee boolla irraa ni baraara; jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;
5 他用美物使你所願的得以知足, 以致你如鷹返老還童。
akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis, inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.
6 耶和華施行公義, 為一切受屈的人伸冤。
Waaqayyo warra cunqurfaman hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.
7 他使摩西知道他的法則, 叫以色列人曉得他的作為。
Inni karaa isaa Museetti, hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise.
8 耶和華有憐憫,有恩典, 不輕易發怒,且有豐盛的慈愛。
Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
9 他不長久責備, 也不永遠懷怒。
Inni yeroo hunda hin dheekkamu; aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;
10 他沒有按我們的罪過待我們, 也沒有照我們的罪孽報應我們。
inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne; yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.
11 天離地何等的高, 他的慈愛向敬畏他的人也是何等的大!
Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;
12 東離西有多遠, 他叫我們的過犯離我們也有多遠!
akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.
13 父親怎樣憐恤他的兒女, 耶和華也怎樣憐恤敬畏他的人!
Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu, Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
14 因為他知道我們的本體, 思念我們不過是塵土。
inni akka nu itti uumamne ni beekaatii; akka nu biyyoo taanes ni yaadata.
15 至於世人,他的年日如草一樣。 他發旺如野地的花,
Barri namaa akkuma margaa ti; akka abaaboo dirrees ni misa;
16 經風一吹,便歸無有; 它的原處也不再認識它。
inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada; iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.
17 但耶和華的慈愛歸於敬畏他的人, 從亙古到永遠; 他的公義也歸於子子孫孫-
Jaalalli Waaqayyoo garuu bara baraa hamma bara baraatti warra isa sodaatan wajjin ni jiraata; qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;
18 就是那些遵守他的約、 記念他的訓詞而遵行的人。
warra kakuu isaa eeganitti, warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.
19 耶和華在天上立定寶座; 他的權柄統管萬有。
Waaqayyo teessoo isaa samii keessa dhaabbateera; mootummaan isaas waan hunda bulcha.
20 聽從他命令、成全他旨意、 有大能的天使,都要稱頌耶和華!
Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon, warri dubbii isaatiif ajajamtanis Waaqayyoon eebbisaa.
21 你們作他的諸軍,作他的僕役, 行他所喜悅的,都要稱頌耶和華!
Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa warri fedhii isaa guuttan Waaqayyoon eebbisaa.
22 你們一切被他造的, 在他所治理的各處, 都要稱頌耶和華! 我的心哪,你要稱頌耶和華!
Uumamawwan bulchiinsa isaa jala lafa hunda jirtan hundi Waaqayyoon eebbisaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.

< 詩篇 103 >