< 箴言 30 >
1 雅基的兒子亞古珥的言語就是真言。 這人對以鐵和烏甲說:
Jecha Aguur ilma Yaaqee. Dubbiin nama kanaa akkana jedhee Iitiiʼeeliitti dubbatame: “Innis Iitiiʼeeliittii fi Ukaalitti dubbate:
Ani dhugumaan doofaa nama hundaa gadii ti; ani hubannaa namni qabu hin qabu.
Ani ogummaa hin baranne yookaan beekumsa Isa Qulqulluu sanaa hin qabu.
4 誰升天又降下來? 誰聚風在掌握中? 誰包水在衣服裏? 誰立定地的四極? 他名叫甚麼? 他兒子名叫甚麼? 你知道嗎?
Eenyutu samiitti ol baʼee deebiʼee dhufe? Kan harki isaa bubbee walitti qabe eenyu? Namni bishaan uffataan mare eenyu? Kan daarii lafaa hunda jabeessee dhaabe eenyu? Maqaan isaatii fi maqaan ilma isaa eenyu? Mee yoo beekte natti himi!
5 上帝的言語句句都是煉淨的; 投靠他的,他便作他們的盾牌。
“Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
6 他的言語,你不可加添, 恐怕他責備你,你就顯為說謊言的。
Dubbii isaatti homaa hin dabalin; yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta.
“Yaa Waaqayyo ani wantoota lama sin kadhadha; isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin.
8 求你使虛假和謊言遠離我; 使我也不貧窮也不富足; 賜給我需用的飲食,
Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni.
9 恐怕我飽足不認你,說: 耶和華是誰呢? 又恐怕我貧窮就偷竊, 以致褻瀆我上帝的名。
Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee ‘Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha; yookaan hiyyoomee hatee, akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa.
10 你不要向主人讒謗僕人, 恐怕他咒詛你,你便算為有罪。
“Garbicha tokko gooftaa isaa biratti hin hamatin, yoo kanaa achii inni si abaaraa; atis waan kanatti ni gaafatamta.
“Dhaloota abbaa isaa abaaru kan haadha isaa illee hin eebbifnetu jira;
12 有一宗人,自以為清潔, 卻沒有洗去自己的污穢。
dhaloota qulqulluu of seʼu, kan xurii isaa irraa hin qulqulleeffamintu jiru;
dhaloota iji isaa akka malee of tuulu, kan baalleen ija isaas nama tuffatutu jira;
14 有一宗人,牙如劍,齒如刀, 要吞滅地上的困苦人和世間的窮乏人。
dhaloota hiyyeeyyii lafa irraa fixuuf rakkattoota illee gidduu namaatii balleessuuf ilkaan isaa goraadee, haʼoon isaa immoo billaa taʼe jira.
15 螞蟥有兩個女兒, 常說:給呀,給呀! 有三樣不知足的, 連不說「夠的」共有四樣:
“Dhulaandhulli intallan, ‘Kenni! Kenni!’ jedhanii iyyan lama qabdi. “Wantoota gonkumaa hin quufne sadiitu jira; kanneen gonkumaa, ‘Nu gaʼe!’ hin jenne immoo afurtu jira:
16 就是陰間和石胎, 浸水不足的地,並火。 (Sheol )
isaanis Siiʼool, gadameessa maseene, lafa gonkumaa bishaan hin quufnee fi ibidda gonkumaa, ‘Na gaʼe!’ hin jennee dha. (Sheol )
17 戲笑父親、藐視而不聽從母親的, 他的眼睛必為谷中的烏鴉啄出來,為鷹雛所吃。
“Ija abbaatti qoosu, kan ajaja haadhaa tuffatu arraagessa sululaatiin baafama; joobiraanis ni nyaatama.
18 我所測不透的奇妙有三樣, 連我所不知道的共有四樣:
“Wantoonni akka malee na dinqisiisan sadiitu jira; afur immoo ani hin hubadhu; kunis:
19 就是鷹在空中飛的道; 蛇在磐石上爬的道; 船在海中行的道; 男與女交合的道。
Karaan risaa samii irra, karaan bofaa kattaa irra, karaan doonii galaana guddaa irra, karaan dhiiraa immoo dubartii wajjin taʼuu isaa ti.
20 淫婦的道也是這樣: 她吃了,把嘴一擦就說: 我沒有行惡。
“Karaan ejjituu kana: Isheen waa nyaattee afaan haqatti; ergasii immoo, ‘Ani homaa hin balleessine’ jetti.
“Lafti waan sadii jalatti hollatti; afur immoo baachuu hin dandeessu; kunis:
Garbicha mootii taʼu, gowwaa nyaatee quufu,
dubartiin jibbamte yeroo dhirsa argattu, garbittii giiftii ishee dhaaltu.
“Wantoonni xixinnoon afur lafa irra jiru; taʼu illee isaan akka malee ogeeyyii dha; isaanis:
Goondaawwan tuuta jabina hin qabnee dha; taʼus isaan yeroo bonaa nyaata isaanii walitti qaban;
osoleewwan uumamawwan humna hin qabnee dha; garuu kattaa keessa jiraatu;
hawwaannisni mootii hin qabu; garuu tarree galee yaaʼa;
loccuun harkaan qabamuu dandeessi; garuu masaraa mootii keessatti argamti.
“Wantoota deemsa tolan sadiitu jira; kanneen tarkaanfii bareedanis afurtu jira; isaanis:
Leenca bineensa hunda keessaa jabaa, kan waan tokko illee sodaatee duubatti hin deebine;
korma indaanqoo kan kooraa deemu, korbeessa reʼeetii fi, mootii loltoota isaa dura deemu.
32 你若行事愚頑,自高自傲, 或是懷了惡念,就當用手摀口。
“Ati yoo of jajuudhaan gowwoomte, yookaan yoo hammina malatte, harka kee afaan kee irra kaaʼadhu!
33 搖牛奶必成奶油; 扭鼻子必出血。 照樣,激動怒氣必起爭端。
Akkuma aannan raasuun dhadhaa baasu, funyaan micciiruunis dhiiga baasu sana, aarii kakaasuun lola fida.”