< 民數記 2 >
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
2 「以色列人要各歸自己的纛下,在本族的旗號那裏,對着會幕的四圍安營。
“Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa faajjii ofii isaanii jalatti faajjii maatii isaa wajjin dunkaana irraa xinnuma fagaatee naannoo dunkaana wal gaʼii haa qubatu.”
3 在東邊,向日出之地,照着軍隊安營的是猶大營的纛。有亞米拿達的兒子拿順作猶大人的首領。
Gama baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin: kutaawwan qubata Yihuudaa faajjii isaanii jala haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Yihuudaa Nahishoon ilma Amiinaadaabii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 74,600.
5 挨着他安營的是以薩迦支派。有蘇押的兒子拿坦業作以薩迦人的首領。
Gosti Yisaakor isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Yisaakor Naatnaaʼel ilma Zuuwaar ture.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 54,400.
7 又有西布倫支派。希倫的兒子以利押作西布倫人的首領。
Gosti Zebuuloon kanatti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Zebuuloon Eliiyaab ilma Heeloonii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 57,400.
9 凡屬猶大營、按着軍隊被數的,共有十八萬六千四百名,要作第一隊往前行。
Namoonni qubata Yihuudaatti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 186,400 turan. Isaanis duraan dursanii qajeelu.
10 「在南邊,按着軍隊是呂便營的纛。有示丟珥的兒子以利蓿作呂便人的首領。
Gama kibbaatiin: kutaawwan qubata Ruubeen faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Ruubeen Eliizuur ilma Shedeeʼuurii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 46,500.
12 挨着他安營的是西緬支派。蘇利沙代的兒子示路蔑作西緬人的首領。
Gosti Simiʼoon isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan gosa Simiʼoon Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 59,300.
14 又有迦得支派。丟珥的兒子以利雅薩作迦得人的首領。
Gosti Gaad isaanitti haa aanu. Hoogganaan gosa Gaad Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeelii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 45,650.
16 凡屬呂便營、按着軍隊被數的,共有十五萬一千四百五十名,要作第二隊往前行。
Namoonni qubata Ruubeenitti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 151,450 turan. Isaan kunneenis warra duraatti aananii deemu.
17 「隨後,會幕要往前行,有利未營在諸營中間。他們怎樣安營就怎樣往前行,各按本位,各歸本纛。
Ergasiis dunkaanni wal gaʼiitii fi qubanni Lewwotaa qubatawwan gidduu haa deeman. Isaanis akkuma toora qubata isaaniitti tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii eeggatanii faajjii isaanii jala haa deeman.
18 「在西邊,按着軍隊是以法蓮營的纛。亞米忽的兒子以利沙瑪作以法蓮人的首領。
Gama dhiʼaatiin gareen qubata Efreem faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ilmaan Efreem Eliishaamaa ilma Amiihuudii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 40,500:
20 挨着他的是瑪拿西支派。比大蓿的兒子迦瑪列作瑪拿西人的首領。
Gosti Minaasee isaanitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Minaasee Gamaaliʼeel ilma Phedaasuurii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 32,200.
22 又有便雅憫支派。基多尼的兒子亞比但作便雅憫人的首領。
Gosti Beniyaam itti haa aanu. Hoogganaan ilmaan Beniyaam Abiidaan ilma Gaadeyoonii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 35,400:
24 凡屬以法蓮營、按着軍隊被數的,共有十萬零八千一百名,要作第三隊往前行。
Namoonni qubata Efreemitti lakkaaʼaman hundis kutaa kutaa isaaniitti 108,100 turan. Isaan kunneen immoo kutaa sadaffaa taʼanii deeman.
25 「在北邊,按着軍隊是但營的纛。亞米沙代的兒子亞希以謝作但人的首領。
Gama kaabaatiin kutaawwan qubata Daan faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan gosa Daan Ahiiʼezer ilma Amiishadaayii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 62,700.
27 挨着他安營的是亞設支派。俄蘭的兒子帕結作亞設人的首領。
Gosti Aasheer isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Aseer Fagiʼeel ilma Okraanii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 41,500:
29 又有拿弗他利支派。以南的兒子亞希拉作拿弗他利人的首領。
Gosti Niftaalemitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Niftaalem Ahiiraa ilma Eenaanii ti.
Lakkoobsi kutaa isaas namoota 53,400:
31 凡但營被數的,共有十五萬七千六百名,要歸本纛作末隊往前行。」
Namoonni qubata Daaniitti lakkaaʼaman hundis 157,600 turan. Isaanis dhuma irratti faajjii isaanii jalaan haa deeman.
32 這些以色列人,照他們的宗族,按他們的軍隊,在諸營中被數的,共有六十萬零三千五百五十名。
Namoonni kunneen saba Israaʼel warra akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼamanii dha. Lakkoobsi warra qubata keessaa kanneen kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaman hundaa 603,550.
33 惟獨利未人沒有數在以色列人中,是照耶和華所吩咐摩西的。
Lewwonni garuu akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
34 以色列人就這樣行,各人照他們的家室、宗族歸於本纛,安營起行,都是照耶和華所吩咐摩西的。
Akkasiin Israaʼeloonni waan Waaqayyo Musee ajaje hunda hojjetan; isaanis haaluma kanaan faajjii isaanii jala haa qubatan; haaluma kanaanis tokkoon tokkoon isaanii balbalaa fi maatii isaanii wajjin baʼanii haa deeman.