< 尼希米記 2 >
1 亞達薛西王二十年尼散月,在王面前擺酒,我拿起酒來奉給王。我素來在王面前沒有愁容。
Waggaa digdammaffaa bara Arxeksis Mootichaatti jiʼa Niisaan keessa yeroo daadhiin wayinii isaaf dhiʼeeffametti ani daadhii wayinii sana fuudhee mootichaaf nan kenne. Ani fuula isaa duratti gaddee hin beeku;
2 王對我說:「你既沒有病,為甚麼面帶愁容呢?這不是別的,必是你心中愁煩。」於是我甚懼怕。
kanaafuu mootichi, “Ati utuu hin dhukkubsatin fuulli kee maaliif waan gadde fakkaata? Kun gadda garaa keessaati malee waan biraa miti” naan jedhe. Anis akka maleen sodaadhe;
3 我對王說:「願王萬歲!我列祖墳墓所在的那城荒涼,城門被火焚燒,我豈能面無愁容嗎?」
mootichaanis, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Utuu magaalaan abbootiin koo keessatti awwaalaman barbadooftee jirtuu, utuu karrawwan ishees ibiddaan barbadeeffamanii jiranuu fuulli koo maaliif hin gaddu?” nan jedhe.
4 王問我說:「你要求甚麼?」於是我默禱天上的上帝。
Mootichis, “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” naan jedhe. Kanaafuu ani Waaqa samii kadhadheen
5 我對王說:「僕人若在王眼前蒙恩,王若喜歡,求王差遣我往猶大,到我列祖墳墓所在的那城去,我好重新建造。」
akkana jedhee mootichaaf nan deebise; “Yoo wanni kun mooticha gammachiisee garbichi kee fuula kee duratti surraa argate, akka ani magaalattii deebisee ijaaruuf gara Yihuudaa, gara magaalaa abbootiin koo itti awwaalamanitti na ergi.”
6 那時王后坐在王的旁邊。王問我說:「你去要多少日子?幾時回來?」我就定了日期。於是王喜歡差遣我去。
Kana irratti mootichi utuma mootittiin isa bira teessuu, “Karaan kee yeroo hammamii fudhata? Atis yoomi deebita?” jedhee na gaafate. Na erguun fedhii mootichaa taʼe; anis yeroo nan murteeffadhe.
7 我又對王說:「王若喜歡,求王賜我詔書,通知大河西的省長准我經過,直到猶大;
Ammas ani akkanan isaan jedhe; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, akka isaan hamma ani Yihuudaa gaʼutti nagaadhaan na dabarsaniif bulchitoota Laga Efraaxiis Gamaatiif xalayaan anaaf haa kennamu.
8 又賜詔書,通知管理王園林的亞薩,使他給我木料,做屬殿營樓之門的橫樑和城牆,與我自己房屋使用的。」王就允准我,因我上帝施恩的手幫助我。
Akkasumas akka inni laaxaa ani ittiin dareeraa karra daʼannoo mana qulqullummaa, dallaa magaalaa sanaa fi kan mana ani itti galuuf jiruu tolfadhu naaf kennuuf Aasaaf eegduu bosona mootichaaf xalayaan naaf haa barreeffamu.” Sababii harki Waaqa koo tolaan sun narra tureef mootichi waan ani kadhadhe naa kenne.
9 王派了軍長和馬兵護送我。我到了河西的省長那裏,將王的詔書交給他們。
Kanaafuu ani gara bulchitoota Gama Laga Efraaxiis dhaqee xalayoota mootichaa isaanitti nan kenne. Mootichi ajajjoota waraanaa fi abbootii fardeenii na wajjin ergee ture.
10 和倫人參巴拉,並為奴的亞捫人多比雅,聽見有人來為以色列人求好處,就甚惱怒。
Sanbalaax Hooroonichii fi Xoobbiyaan qondaaltichi Amoon sun yeroo waan kana dhagaʼanitti sababii namni Israaʼeliif waan tolaa yaadu tokko dhufeef akka malee ni raafaman.
Ani ergan Yerusaalem dhaqee bultii sadii achi bubbulee booddee
12 我夜間起來,有幾個人也一同起來;但上帝使我心裏要為耶路撒冷做甚麼事,我並沒有告訴人。除了我騎的牲口以外,也沒有別的牲口在我那裏。
halkaniin kaʼee namoota muraasa wajjin nan baʼe. Ani waan Waaqni koo akka ani Yerusaalemiif godhu garaa koo keessa kaaʼe nama tokkotti iyyuu hin himne. Horii tokkicha ani yaabbadhe sana malee horiin tokko illee na bira hin turre.
13 當夜我出了谷門,往野狗井去,到了糞廠門,察看耶路撒冷的城牆,見城牆拆毀,城門被火焚燒。
Ani halkaniin Karra Sululaatiin gad baʼee gara Boolla Bishaan Jawweetii fi gara Karra Dikee dhaqee dallaa Yerusaalem kan diigamee fi karrawwan ishee kanneen ibiddaan barbadeeffaman sana irra naannaʼeen ilaale.
14 我又往前,到了泉門和王池,但所騎的牲口沒有地方過去。
Ergasiis ani ittuma fufee gara Karra Burqaa fi gara Haroo mootichaa nan dhaqe; garuu karaan horii ani yaabbadhe dabarsu tokko illee hin turre;
15 於是夜間沿溪而上,察看城牆,又轉身進入谷門,就回來了。
kanaafuu ani halkaniin karaa sululaatiin ol baʼee dallaa sana nan ilaale. Dhuma irrattis dugda duubatti deebiʼee Karra Sululaatiin ol nan seene.
16 我往哪裏去,我做甚麼事,官長都不知道。我還沒有告訴猶大平民、祭司、貴冑、官長,和其餘做工的人。
Sababii ani hamma gaafasitti Yihuudootatti yookaan lubootatti yookaan namoota bebeekamootti yookaan qondaaltotatti yookaan namoota hojii sana hojjechuuf jiran biraa kamitti iyyuu homaa hin himiniif qondaaltonni sun gara ani dhaqe yookaan waan ani hojjechaa ture hin beekne.
17 以後,我對他們說:「我們所遭的難,耶路撒冷怎樣荒涼,城門被火焚燒,你們都看見了。來吧,我們重建耶路撒冷的城牆,免得再受凌辱!」
Anis akkana isaaniin nan jedhe; “Isin rakkoo nu keessa jirru ni argitu; Yerusaalem diigamteerti; karrawwan ishees ibiddaan gubamaniiru. Kottaa nu akka siʼachi nama kolfaa hin taaneef dallaa Yerusaalem deebifnee ni ijaarraa.”
18 我告訴他們我上帝施恩的手怎樣幫助我,並王對我所說的話。他們就說:「我們起來建造吧!」於是他們奮勇做這善工。
Ani waaʼee harka Waaqa koo kan narra jiru tolaa sanaa fi waan mootichi naan jedhe illee isaanitti nan hime. Isaanis, “Kottaa kaanee deebisnee haa ijaarru” jedhanii deebisan. Kanaafuu isaan hojii gaarii kana jalqaban.
19 但和倫人參巴拉,並為奴的亞捫人多比雅和阿拉伯人基善聽見就嗤笑我們,藐視我們,說:「你們做甚麼呢?要背叛王嗎?」
Garuu Sanbalaaxi Hooroonichi, Xoobbiyaan qondaaltichi Amoonii fi Gesheem namni Arabaa sun waan kana dhageenyaan nutti qoosanii nutti kolfan. Isaanis, “Wanni isin hojjettan kun maali? Isin mootichatti fincilaa jirtu moo?” jedhanii gaafatan.
20 我回答他們說:「天上的上帝必使我們亨通。我們作他僕人的,要起來建造;你們卻在耶路撒冷無分、無權、無紀念。」
Ani immoo akkana jedheen deebii kenneef; “Waaqni samii fiixaan nuuf baasa. Nu garboonni isaa immoo kaanee ni ijaarra; isin garuu Yerusaalem keessaa qooda yookaan mirga yookaan yaadannoo tokko illee hin qabdan.”