< 尼希米記 10 >

1 簽名的是:哈迦利亞的兒子-省長尼希米,和西底家;
Warri chaappaan rukutanis kanneenii dha: Bulchaa biyyaa jechuunis Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa. Zedeqiyaa,
2 祭司:西萊雅、亞撒利雅、耶利米、
Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas,
3 巴施戶珥、亞瑪利雅、瑪基雅、
Phaashihuur, Amariyaa, Malkiyaa,
4 哈突、示巴尼、瑪鹿、
Haxuush, Shebaniyaa, Maluuk,
5 哈琳、米利末、俄巴底亞、
Haariim, Mereemooti, Obaadiyaa,
6 但以理、近頓、巴錄、
Daaniʼel, Ginetoon, Baaruk,
7 米書蘭、亞比雅、米雅民、
Meshulaam, Abiyaa, Miyaamiin,
8 瑪西亞、璧該、示瑪雅;
Maʼaaziyaa, Bilgaayii fi Shemaaʼiyaa. Warri kunneen luboota turan.
9 又有利未人,就是亞散尼的兒子耶書亞、希拿達的子孫賓內、甲篾;
Lewwonni: Yeeshuuʼaa ilma Azaniyaa, ilmaan Heenaadaad keessaa Binuuyii, Qadmiiʼeelii fi
10 還有他們的弟兄示巴尼、荷第雅、基利他、毗萊雅、哈難、
obboloota isaanii: Shebaniyaa, Hoodiyaa, Qeliixaa, Phelaayaa, Haanaan,
11 米迦、利合、哈沙比雅、
Miikaa, Rehoob, Hashabiyaa,
12 撒刻、示利比、示巴尼、
Zakuur, Sheereebiyaa, Shebaniyaa,
13 荷第雅、巴尼、比尼努;
Hoodiyaa, Baanii fi Beniinuu.
14 又有民的首領,就是巴錄、巴哈‧摩押、以攔、薩土、巴尼、
Bulchitoota sabaa: Phaarosh, Fahat Moʼaab, Eelaam, Zaatuu, Baanii,
15 布尼、押甲、比拜、
Bunii, Azgaad, Beebay,
16 亞多尼雅、比革瓦伊、亞丁、
Adooniyaa, Baguwaay, Aadiin,
17 亞特、希西家、押朔、
Ateer, Hisqiyaas, Azuri,
18 荷第雅、哈順、比賽、
Hoodiyaa, Haashum, Beesaay,
19 哈拉、亞拿突、尼拜、
Haariif, Anaatoot, Nebaayi,
20 抹比押、米書蘭、希悉、
Magiphiiʼaash, Meshulaam, Heeziir,
21 米示薩別、撒督、押杜亞、
Mesheezabeel, Zaadoq, Yaaduʼaa,
22 毗拉提、哈難、亞奈雅、
Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa,
23 何細亞、哈拿尼雅、哈述、
Hoosheeʼaa, Hanaaniyaa, Hashuub,
24 哈羅黑、毗利哈、朔百、
Haloheesh, Philihaa, Soobeq,
25 利宏、哈沙拿、瑪西雅、
Rehuum, Hashabnaa, Maʼaseyaa,
26 亞希雅、哈難、亞難、
Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan,
27 瑪鹿、哈琳、巴拿。
Maluuk, Haariimii fi Baʼanaa.
28 其餘的民、祭司、利未人、守門的、歌唱的、尼提寧,和一切離絕鄰邦居民歸服上帝律法的,並他們的妻子、兒女,凡有知識能明白的,
“Namoonni hafan kaan jechuunis luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaatii fi warri Seera Waaqaatiif jedhanii saboota ollaa irraa kophaa of baasan hundinuu niitota isaanii, ilmaanii fi intallan isaanii kanneen waa hubachuu dandaʼan hunda wajjin
29 都隨從他們貴冑的弟兄,發咒起誓,必遵行上帝藉他僕人摩西所傳的律法,謹守遵行耶和華-我們主的一切誡命、典章、律例;
obboloota isaanii bebeekamootti dabalamanii akka Seera Waaqaa kan karaa Musee garbicha Waaqaa sanaatiin kenname sana eeganiif ajaja, seeraa fi labsii Waaqayyo Gooftaa keenyaa hundaaf ajajamaniif abaarsaa fi kakuudhaan waadaa galan.
30 並不將我們的女兒嫁給這地的居民,也不為我們的兒子娶他們的女兒。
“Nu akka warra naannoo keenya jiraatanitti intallan keenya hin heerumsiifne yookaan akka ilmaan keenya illee intallan isaanii hin fuusifne waadaa galla.
31 這地的居民若在安息日,或甚麼聖日,帶了貨物或糧食來賣給我們,我們必不買。每逢第七年必不耕種,凡欠我們債的必不追討。
“Yoo saboonni ollaa keenya jiraatan miʼa daldalaa yookaan midhaan gurguraa guyyaa Sanbataatiin fidan nu guyyaa Sanbataatiin yookaan guyyaa qulqulluu kamiin iyyuu isaan irraa hin bitannu. Waggaa torbaffaa kam iyyuu lafa qotiisaa boqochiifnee idaa hunda namaaf ni dhiifna.
32 我們又為自己定例,每年各人捐銀一舍客勒三分之一,為我們上帝殿的使用,
“Akka waggaa hunda tajaajila mana Waaqa keenyaatiif jennee saqilii argannu harka sadii keessaa harka tokko kenninu itti gaafatamummaa ni fudhanna;
33 就是為陳設餅、常獻的素祭,和燔祭,安息日、月朔、節期所獻的與聖物,並以色列人的贖罪祭,以及我們上帝殿裏一切的費用。
kunis buddeena minjaala irratti dhiʼeeffamuuf, kennaa midhaaniitii fi aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamuuf, aarsaa guyyaa Sanbataatiif, kan ayyaana Baatii Haaraatii fi kan ayyaanota bebeekamoo, aarsaawwan qulqullaaʼoodhaaf, aarsaawwan cubbuu kanneen Israaʼeliif araara buusuuf dhiʼeeffamaniif, akkasumas hojiiwwan mana Waaqa keenyaa keessaa hundaafii dha.
34 我們的祭司、利未人,和百姓都掣籤,看每年是哪一族按定期將獻祭的柴奉到我們上帝的殿裏,照着律法上所寫的,燒在耶和華-我們上帝的壇上。
“Nu, luboonni, Lewwonnii fi sabni yeroo itti tokkoon tokkoon maatiiwwan keenyaa akkuma Seera keessatti barreeffametti waggaa hunda keessaa yeroo murteeffametti iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa irratti bobeessuuf kennaa qoraanii gara mana Waaqa keenyaa fiduu qabnu beekuuf ixaa buufanneerra.
35 又定每年將我們地上初熟的土產和各樣樹上初熟的果子都奉到耶和華的殿裏。
“Akkasumas nu mataa midhaan keenyaatii fi mataa muka ija kennuu hunda waggaa waggaadhaan gara mana Waaqayyoo fiduuf itti gaafatama fudhanneerra.
36 又照律法上所寫的,將我們頭胎的兒子和首生的牛羊都奉到我們上帝的殿,交給我們上帝殿裏供職的祭司;
“Akkuma Seera keessatti barreeffametti hangafa ilmaan keenyaatii fi hangafa loon keenyaa, hangafa horii keenyaatii fi hangafa bushaayee keenyaa gara mana Waaqa keenyaa, luboota achi keessa tajaajilanitti ni geessina.
37 並將初熟之麥子所磨的麵和舉祭、各樣樹上初熟的果子、新酒與油奉給祭司,收在我們上帝殿的庫房裏,把我們地上所產的十分之一奉給利未人,因利未人在我們一切城邑的土產中當取十分之一。
“Kana malees nu daakuu keenya kan bukeeffame irraa, kennaawwan midhaan keenyaa irraa, ija mukkeen keenyaa hunda irraa, daadhii wayinii keenyaa haaraa fi zayitii irraa mataa fuunee gara mankuusaalee mana Waaqa keenyaa lubootatti geessina. Amma illee sababii warri harka kudhan keessaa harka tokko walitti qaban Lewwota taʼaniif magaalaawwan keessa hojjennu hunda keessaa oomisha midhaan keenyaa harka kudhan keessaa harka tokko Lewwotatti geessina.
38 利未人取十分之一的時候,亞倫的子孫中,當有一個祭司與利未人同在。利未人也當從十分之一中取十分之一,奉到我們上帝殿的屋子裏,收在庫房中。
Yeroo Lewwonni kennaa harka kudhan keessaa tokko walitti qabanitti lubni sanyii Aroon keessaa dhalate tokko isaan wajjin jiraachuu qaba; ergasii Lewwonni kennaa walitti qaban sana keessaa harka kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaa, gara mankuusaa qabeenyaatti fiduu qabu.
39 以色列人和利未人要將五穀、新酒,和油為舉祭,奉到收存聖所器皿的屋子裏,就是供職的祭司、守門的、歌唱的所住的屋子。這樣,我們就不離棄我們上帝的殿。
Sabni Israaʼelii fi ilmaan Lewwii kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi kan zayitii gara mankuusaalee miʼi mana qulqullummaa kaaʼamu, iddoo luboonni tajaajilan, eegdonni karraa fi faarfattoonni taaʼanitti fiduu qabu. “Nus mana Waaqa keenyaa hin dagannu.”

< 尼希米記 10 >