< 那鴻書 3 >

1 禍哉!這流人血的城, 充滿謊詐和強暴- 搶奪的事總不止息。
Magaalattii dhiigaatiif, kan sobaan guutamteef, kan saamichaan guutamteef, kan warri hammina hojjetan keessaa hin dhabamne sanaaf wayyoo!
2 鞭聲響亮,車輪轟轟, 馬匹踢跳,車輛奔騰,
Iyyi qaccee, kakaksuun gommaa, gulufuun fardaa, didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama!
3 馬兵爭先,刀劍發光, 槍矛閃爍,被殺的甚多, 屍首成了大堆, 屍骸無數,人碰着而跌倒,
Abbaan fardaa ni gulufa; goraadeen ni balaqqisa; eeboon ni calaqqisa! Balaan hedduun nama irra gaʼeera; namni baayʼeen duʼeera; reeffi lakkoobsa hin qabu; namoonnis reeffa isaaniitti gufatu;
4 都因那美貌的妓女多有淫行, 慣行邪術,藉淫行誘惑列國, 用邪術誘惑多族。
kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu, giiftii falfaltootaa, kan sagaagaltummaa isheetiin saboota, tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.
5 萬軍之耶和華說:我與你為敵; 我必揭起你的衣襟,蒙在你臉上, 使列國看見你的赤體, 使列邦觀看你的醜陋。
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani sitti kaʼeen jira. Ani uffata kee fuula keetti ol soqola. Ani sabootatti qullaa kee, mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa.
6 我必將可憎污穢之物拋在你身上, 辱沒你,為眾目所觀。
Ani xuriidhaan sin faala; akka malee sin tuffadha; waan kolfaa illee sin godha.
7 凡看見你的,都必逃跑離開你, 說:尼尼微荒涼了!有誰為你悲傷呢? 我何處尋得安慰你的人呢?
Namni si argu hundi sirraa baqatee, ‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha. Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?”
8 你豈比挪亞們強呢? 挪亞們坐落在眾河之間,周圍有水; 海作她的濠溝, 又作她的城牆。
Ati, Nooʼi Amoon biyya laga Abbayyaa irraa kan bishaaniin marfamte sana caaltaa? Lagni daʼoo ishee ti; bishaanis dallaa ishee ti.
9 古實和埃及是她無窮的力量; 弗人和路比族是她的幫手。
Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha; Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti.
10 但她被遷移,被擄去; 她的嬰孩在各市口上也被摔死。 人為她的尊貴人拈鬮; 她所有的大人都被鍊子鎖着。
Taʼus isheen boojiʼamtee biyya ormaatti geeffamte. Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irratti miciriqfamanii dhuman. Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufatanii namoonni ishee gurguddoonni hundinuu foncaadhaan hidhaman.
11 你也必喝醉,必被埋藏, 並因仇敵的緣故尋求避難所。
Atis ni machoofta; ni dhokattas; diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta.
12 你一切保障必像無花果樹上初熟的無花果, 若一搖撼就落在想吃之人的口中。
Daʼoon kee hundi mukkeen harbuu kanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata; yeroo mukkeen sun hurgufamanitti iji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa.
13 你地上的人民如同婦女; 你國中的關口向仇敵敞開; 你的門閂被火焚燒。
Mee raayyaawwan kee ilaali; isaan hundinuu dubartoota! Karrawwan biyya keetii diinota keetiif balʼatanii banamanii jiru; ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera.
14 你要打水預備受困; 要堅固你的保障, 踹土和泥,修補磚窯。
Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu; humna hittisaa kee jajjabeeffadhu! Suphee tolfadhu; dhoqqee suphee dhiittadhu; xuubii tolfadhu.
15 在那裏,火必燒滅你; 刀必殺戮你, 吞滅你如同蝻子。 任你加增人數多如蝻子, 多如蝗蟲吧!
Achitti ibiddi si fixa; goraadeenis si cicciree akkuma korophisaas si barbadeessa. Akka korophisaa hori; akkuma hawwaannisaa baayʼadhu.
16 你增添商賈,多過天上的星; 蝻子吃盡而去。
Ati hamma isaan urjii samii caalaa baayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta; isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisanii ergasii barrisanii deemu.
17 你的首領多如蝗蟲; 你的軍長彷彿成群的螞蚱, 天涼的時候齊落在籬笆上, 日頭一出便都飛去, 人不知道落在何處。
Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti; qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaa kan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti; yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu; namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku.
18 亞述王啊,你的牧人睡覺; 你的貴冑安歇; 你的人民散在山間,無人招聚。
Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu; namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru. Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabanii tulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru.
19 你的損傷無法醫治; 你的傷痕極其重大。 凡聽你信息的必都因此向你拍掌。 你所行的惡誰沒有時常遭遇呢?
Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu; miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha. Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuu kufaatii keetti harka walitti rurrukuta; gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaan eenyutu hin miidhamin?

< 那鴻書 3 >