< 彌迦書 2 >

1 禍哉,那些在床上圖謀罪孽、造作奸惡的! 天一發亮,因手有能力就行出來了。
Warra daba karoorfatan kanneen siree isaanii irra ciisanii hammina yaadaniif wayyoo! Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu.
2 他們貪圖田地就佔據, 貪圖房屋便奪取; 他們欺壓人,霸佔房屋和產業。
Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu; manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu. Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa, dhaala isaas ni fudhatu.
3 所以耶和華如此說: 我籌劃災禍降與這族; 這禍在你們的頸項上不能解脫; 你們也不能昂首而行, 因為這時勢是惡的。
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira. Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan; yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii.
4 到那日,必有人向你們提起悲慘的哀歌, 譏刺說:我們全然敗落了! 耶和華將我們的分轉歸別人, 何竟使這分離開我們? 他將我們的田地分給悖逆的人。
Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu; akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu; ‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra; qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera. Inni narraa fudhata! Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’”
5 所以在耶和華的會中, 你必沒有人拈鬮拉準繩。
Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee waldaa Waaqayyoo keessaa hin qabaattu.
6 他們說:你們不可說預言; 不可向這些人說預言, 不住地羞辱我們。
Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa; waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa; salphinni nutti hin dhufu” jedhu.
7 雅各家啊,豈可說耶和華的心不忍耐嗎? 這些事是他所行的嗎? 我-耶和華的言語豈不是與行動正直的人有益嗎?
Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa? Hafuurri Waaqayyoo obsa hin qabuu? Inni waan akkasii ni hojjetaa?” “Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu?
8 然而,近來我的民興起如仇敵, 從那些安然經過不願打仗之人身上剝去外衣。
Sabni koo akka diinaatti kaʼeera. Isin namoota yaaddoo malee achiin darban kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu.
9 你們將我民中的婦人從安樂家中趕出, 又將我的榮耀從她們的小孩子盡行奪去。
Isin dubartoota saba kootii manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu. Eebba koos bara baraan ijoollee isaanii irraa fudhattu.
10 你們起來去吧! 這不是你們安息之所; 因為污穢使人毀滅, 而且大大毀滅。
Kaʼaatii asii deemaa! Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti; isheen xurooftee diigamtee baddeerti.
11 若有人心存虛假,用謊言說: 我要向你們預言得清酒和濃酒。 那人就必作這民的先知。
Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee, ‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe; inni raajii saba kanaa taʼa!
12 雅各家啊,我必要聚集你們, 必要招聚以色列剩下的人, 安置在一處,如波斯拉的羊, 又如草場上的羊群; 因為人數眾多就必大大喧嘩。
“Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan isin hunda walitti nan qaba; ani hambaa Israaʼel walitti nan fida. Ani akkuma hoolota gola keessaatti, akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida; lafti sunis tuuta namaatiin guutamti.
13 開路的在他們前面上去; 他們直闖過城門,從城門出去。 他們的王在前面行; 耶和華引導他們。
Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema; isaan cabsanii karraan baʼu. Mootiin isaanii isaan dura baʼa; Waaqayyo fuula isaanii dura deema.”

< 彌迦書 2 >