< 路加福音 19 >
Yesuus Yerikoo seenee achi keessa darbaa ture.
Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture.
3 他要看看耶穌是怎樣的人;只因人多,他的身量又矮,所以不得看見,
Innis Yesuus nama akkamii akka taʼe arguu barbaade; garuu gabaabaa waan tureef, sababii baayʼina namootaatiif isa arguu hin dandeenye.
4 就跑到前頭,爬上桑樹,要看耶穌,因為耶穌必從那裏經過。
Yesuus waan karaa sana irra darbaa tureef, Zakkewoos isa arguuf jedhee fiigee dura darbee muka qilxuu tokko yaabe.
5 耶穌到了那裏,抬頭一看,對他說:「撒該,快下來!今天我必住在你家裏。」
Yesuus yommuu iddoo sana gaʼetti ol milʼatee, “Yaa Zakkewoos, harʼa mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad buʼi” jedheen.
Innis yommusuma gad buʼee gammachuudhaan isa simate.
7 眾人看見,都私下議論說:「他竟到罪人家裏去住宿。」
Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti, “Inni keessummaa ‘Nama cubbamaa’ taʼuu dhaqe!” jedhanii guungumuu jalqaban.
8 撒該站着對主說:「主啊,我把所有的一半給窮人;我若訛詐了誰,就還他四倍。」
Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe.
9 耶穌說:「今天救恩到了這家,因為他也是亞伯拉罕的子孫。
Yesuus deebisee akkana jedheen; “Namichi kunis waan ilma Abrahaam taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera.
Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii.”
11 眾人正在聽見這些話的時候,耶穌因為將近耶路撒冷,又因他們以為上帝的國快要顯出來,就另設一個比喻,說:
Yesuusis utuma isaan waan kana dhagaʼaa jiranuu itti fufee, fakkeenya tokko isaanitti hime; kanas sababii inni Yerusaalemitti dhiʼaatee fi sababii namoonni waan mootummaan Waaqaa yeruma sana mulʼatu seʼaniif dubbate.
Innis akkana jedhe; “Namichi sanyii mootii tokko muudamee mootii taʼee deebiʼuuf biyya fagoo dhaqe.
13 便叫了他的十個僕人來,交給他們十錠銀子,說:『你們去做生意,直等我回來。』
Namichi sunis garboota isaa keessaa nama kudhan waamee, ‘Hamma ani deebiʼutti maallaqa kanaan daldalaa’ jedhee minnaanii kudhan isaanitti kenne.
14 他本國的人卻恨他,打發使者隨後去,說:『我們不願意這個人作我們的王。』
“Namoonni biyya isaa garuu isa jibbanii, ‘Akka namichi kun nurratti mootii taʼu hin feenu!’ jedhanii bakka buʼoota isaanii isa duubaan ergatan.
15 他既得國回來,就吩咐叫那領銀子的僕人來,要知道他們做生意賺了多少。
“Innis erga muudamee mootii taʼee deebiʼee booddee garboonni inni maallaqa itti kennee ture sun ittiin daldalanii maal akka argatan beekuuf jedhee nama itti ergee isaan waamsise.
16 頭一個上來,說:『主啊,你的一錠銀子已經賺了十錠。』
“Garbichi jalqabaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa kudhan dhaleera’ jedheen.
17 主人說:『好!良善的僕人,你既在最小的事上有忠心,可以有權柄管十座城。』
“Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii, ati waan gaarii hojjette. Sababii ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateef, magaalaa kudhan irratti taayitaa qabaadhu’ jedheen.
18 第二個來,說:『主啊, 你的一錠銀子已經賺了五錠。』
“Garbichi lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa shan dhaleera’ jedheen.
“Gooftaan isaas deebisee, ‘Atis magaalaa shan irratti moʼi’ jedheen.
20 又有一個來說:『主啊,看哪,你的一錠銀子在這裏,我把它包在手巾裏存着。
“Inni sadaffaan immoo dhufee akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee kunoo ti; ani huccuudhaan maree dhokseen ture.
21 我原是怕你,因為你是嚴厲的人;沒有放下的,還要去拿, 沒有種下的,還要去收。』
Ati gara jabeessa waan taateef ani sin sodaadhe; ati waan hin kaaʼatin fudhatta; waan hin facaasinis haammatta.’
22 主人對他說:『你這惡僕,我要憑你的口定你的罪。你既知道我是嚴厲的人,沒有放下的,還要去拿,沒有種下的,還要去收,
“Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa nana; ani dubbuma afaan keetiitiin sittin mura; ati akka ani nama dabaa waan hin kaaʼatin fudhatu, waan hin facaasinis haammatu taʼe beekta mitii?
23 為甚麼不把我的銀子交給銀行,等我來的時候,連本帶利都可以要回來呢?』
Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf maaliif maallaqa koo mana baankii naa hin kaaʼin ree?’
24 就對旁邊站着的人說:『奪過他這一錠來,給那有十錠的。』
“Gooftichis warra achi dhadhaabataniin, ‘Minnaanii sana isa harkaa fuudhaatii namicha minnaanii kudhan qabuuf kennaa’ jedhe.
“Isaanis deebisanii, ‘Yaa Gooftaa, inni duraanuu minnaanii kudhan qaba’ jedhaniin.
26 主人說:『我告訴你們,凡有的,還要加給他;沒有的,連他所有的也要奪過來。
“Inni immoo deebisee akkana jedhe; ‘Ani isinittin hima; kan qabu hundaafuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama;
27 至於我那些仇敵,不要我作他們王的,把他們拉來,在我面前殺了吧!』」
diinota koo kanneen akka ani isaan irratti mootii taʼu hin barbaadin immoo as fidaatii fuula koo duratti isaan gogorraʼaa.’”
Yesuus erga waan kana dubbatee booddee Yerusaalemitti ol baʼuuf isaan dura deemaa ture.
29 將近伯法其和伯大尼,在一座山名叫橄欖山那裏,就打發兩個門徒,說:
Innis akkuma Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen tulluu Gaara Ejersaa jedhamu biraa sanatti dhiʼaateen barattoota isaa keessaa lama erge;
30 「你們往對面村子裏去,進去的時候,必看見一匹驢駒拴在那裏,是從來沒有人騎過的,可以解開牽來。
akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu. Isa hiikaatii as fidaa.
31 若有人問為甚麼解牠,你們就說:『主要用牠。』」
Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif hiiktu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada’ jedhaa.”
Warri ergamanis dhaqanii waan hunda akkuma inni isaanitti himetti argatan.
33 他們解驢駒的時候,主人問他們說:「解驢駒做甚麼?」
Utuu isaan ilmoo harree sana hiikaa jiranuus warri harree sanaa, “Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan.
Isaanis, “Gooftaatu isa barbaada” jedhanii deebisan.
35 他們牽到耶穌那裏,把自己的衣服搭在上面,扶着耶穌騎上。
Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis harree sana irra buusan; Yesuusinis irra teessisan.
Utuu inni deemuus namoonni uffata isaanii karaa irra afan.
37 將近耶路撒冷,正下橄欖山的時候,眾門徒因所見過的一切異能,都歡樂起來,大聲讚美上帝,
Yeroo inni daandii Tulluu Ejersaa irraa gad buʼutti dhiʼaatettis, barattoonni hundi hojii dinqii arganii turan hundatti gammadanii, sagalee guddaan akkana jedhanii Waaqa galateeffachuu jalqaban.
38 說: 奉主名來的王是應當稱頌的! 在天上有和平; 在至高之處有榮光。
“Mootiin maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Nagaan samii irratti, ulfinnis ol gubbaatti!”
39 眾人中有幾個法利賽人對耶穌說:「夫子,責備你的門徒吧!」
Namoota achi turan keessaas Fariisonni tokko tokko Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, barattoota kee ifadhu!” jedhan.
40 耶穌說:「我告訴你們,若是他們閉口不說,這些石頭必要呼叫起來。」
Innis deebisee, “Ani isinittin hima; yoo isaan calʼisan illee dhagoonni ni iyyu” jedheen.
Yesuusis yommuu Yerusaalemitti dhiʼaatee magaalattii argetti ni booʼeef;
42 說:「巴不得你在這日子知道關係你平安的事;無奈這事現在是隱藏的,叫你的眼看不出來。
akkanas jedhe; “Utuu atumti waan harʼa nagaa siif kennu beektee gaarii ture! Amma garuu ija kee duraa dhokfameera.
43 因為日子將到,你的仇敵必築起土壘,周圍環繞你,四面困住你,
Guyyoonni itti diinonni kee koobii sitti ijaaranii, si marsanii, karaa hundaanis baʼuu si dhowwan sitti ni dhufuutii.
44 並要掃滅你和你裏頭的兒女,連一塊石頭也不留在石頭上,因你不知道眷顧你的時候。」
Diinonni siʼii fi ijoollee kee warra dallaa kee keessa jiraatan biyyootti maku. Isaan dhagaa tokko dhagaa kaan irratti hin dhiisan; ati yeroo itti Waaqni gara kee dhufu hin beekneetii.”
Yesuus mana qulqullummaa seenee warra gurgurachaa turan ariʼuu jalqabe.
46 對他們說:「經上說: 我的殿必作禱告的殿, 你們倒使它成為賊窩了。」
Innis, “‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’ jedhamee barreeffameera; isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu” isaaniin jedhe.
47 耶穌天天在殿裏教訓人。祭司長和文士與百姓的尊長都想要殺他,
Guyyuma guyyaanis mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi dura buʼoonni sabaa garuu isa ajjeesuudhaaf jabeessanii barbaadaa turan.
Taʼus isaan karaa ittiin isa ajjeesan hin arganne; namoonni hundinuu yaada tokkoon waan inni dubbate dhaggeeffachaa turaniitii.