< 利未記 25 >
Waaqayyo Gaara Siinaa irratti Museedhaan akkana jedhe;
2 「你曉諭以色列人說:你們到了我所賜你們那地的時候,地就要向耶和華守安息。
“Akkana jedhii Israaʼelootatti himi: ‘Yommuu biyya ani isinii kennutti galtan, biyyattiin mataan ishee sanbata Waaqayyoo haa kabajju.
3 六年要耕種田地,也要修理葡萄園,收藏地的出產。
Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; waggaa jaʼa immoo wayinii kee irraa qori; ija isaas walitti qabadhu.
4 第七年,地要守聖安息,就是向耶和華守的安息,不可耕種田地,也不可修理葡萄園。
Waggaa torbaffaatti garuu lafti sanbata boqonnaa haa qabaatu; kunis sanbata Waaqayyoof kabajamuu dha. Lafa qotiisaa kee hin facaafatin yookaan wayinii kee irraa hin qorin.
5 遺落自長的莊稼不可收割;沒有修理的葡萄樹也不可摘取葡萄。這年,地要守聖安息。
Waan ofiin biqile hin haammatin yookaan wayinii hin qoramin irraa ija walitti hin qabatin. Lafti boqonnaa waggaa tokkoo haa argattu.
6 地在安息年所出的,要給你和你的僕人、婢女、雇工人,並寄居的外人當食物。
Wanni lafti waggaa sanbataatti kennitu nyaata kee haa taʼu jechuunis siʼi mataa keetiif, garboota kee dhiiraa fi dubartiidhaaf, warra qaxaramanii hojjetanii fi alagoota yeroodhaaf si wajjin jiraataniif nyaata haa taʼu;
7 這年的土產也要給你的牲畜和你地上的走獸當食物。」
akkasumas horii keetii fi bineensa daggalaa kanneen biyya kee keessa jiraataniif nyaata haa taʼu. Wanni lafti baaftu kam iyyuu haa nyaatamu.
8 「你要計算七個安息年,就是七七年。這便為你成了七個安息年,共是四十九年。
“‘Waggoota sanbataa torba jechuunis waggoota torba yeroo torba lakkaaʼi; waggoonni sanbataa torban waggoota afurtamii sagal taʼu.
9 當年七月初十日,你要大發角聲;這日就是贖罪日,要在遍地發出角聲。
Guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti immoo guutummaa biyya keessanii keessatti malakata dhageessisi; Guyyaa Araarri Buʼuttis guutummaa biyyaa keessatti malakata dhageessisaa.
10 第五十年,你們要當作聖年,在遍地給一切的居民宣告自由。這年必為你們的禧年,各人要歸自己的產業,各歸本家。
Waggaa shantamaffaa qulqulleessaatii guutummaa biyyattii keessatti jiraattota hundaaf bilisummaa labsaa. Kunis iyyoobeeliyyuu isinii taʼa; tokkoon tokkoon namaa deebiʼee gara qabeenya isaattii fi gara maatii isaatti haa galu.
11 第五十年要作為你們的禧年。這年不可耕種;地中自長的,不可收割;沒有修理的葡萄樹也不可摘取葡萄。
Waggaan shantamaffaan iyyoobeeliyyuu isiniif haa taʼu; hin facaafatinaa; waan ofiin biqile hin haammatinaa; wayinii hin qoramin irraas ija isaa walitti hin qabatinaa.
12 因為這是禧年,你們要當作聖年,吃地中自出的土產。
Kun sababii iyyoobeeliyyuu taʼeef qulqulluu isiniif haa taʼu; waan lafa qotiisaa irraa galfamu nyaadhaa.
“‘Waggaa Iyyoobeeliyyuu kana keessa tokkoon tokkoon namaa gara qabeenya isaatti haa deebiʼu.
14 你若賣甚麼給鄰舍,或是從鄰舍的手中買甚麼,彼此不可虧負。
“‘Yoo nama saba kee taʼetti lafa gurgurte yookaan waan tokko isa irraa bitte, wal hin gowwoomsinaa.
15 你要按禧年以後的年數向鄰舍買;他也要按年數的收成賣給你。
Ati waggoota waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee jiran irratti hundooftee nama saba keetii irraa bitadhu. Innis baayʼina waggoota galchaa midhaanii lakkaaʼee sitti haa gurguru.
16 年歲若多,要照數加添價值;年歲若少,要照數減去價值,因為他照收成的數目賣給你。
Yoo waggaan baayʼee taʼe gatii isaa dabaliif; yoo waggaan isaa gabaabaa taʼe immoo gatii isaa hirʼisi; sababiin isaa wanni inni sitti gurguru baayʼina midhaanii ti.
17 你們彼此不可虧負,只要敬畏你們的上帝,因為我是耶和華-你們的上帝。」
Wal hin cunqursinaa; garuu Waaqa sodaadhaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
18 「我的律例,你們要遵行,我的典章,你們要謹守,就可以在那地上安然居住。
“‘Ajaja koo duukaa buʼaa; seera koo illee eegaa; isinis biyyattii keessa nagaan ni jiraattu.
19 地必出土產,你們就要吃飽,在那地上安然居住。
Lafti ija ni kenniti; isinis hamma quuftanitti nyaattu; nagaadhaanis ni jiraattu.
20 你們若說:『這第七年我們不耕種,也不收藏土產,吃甚麼呢?』
Isinis, “Nu yoo facaafachuu yookaan midhaan keenya walitti qabachuu baanne waggaa torbaffaatti maal nyaanna?” jettanii gaafattu taʼa.
21 我必在第六年將我所命的福賜給你們,地便生三年的土產。
Akka lafti midhaan waggaa sadiif gaʼu isinii kennituuf ani waggaa jaʼaffaatti eebba koo isiniif nan erga.
22 第八年,你們要耕種,也要吃陳糧,等到第九年出產收來的時候,你們還吃陳糧。」
Yeroo waggaa saddeettaffaatti facaafattanittis waanuma duraan galfattan irraa nyaattu; hamma midhaan waggaa saglaffaa walitti qabattanitti midhaanuma kana nyaattu.
23 「地不可永賣,因為地是我的;你們在我面前是客旅,是寄居的。
“‘Lafti sababii kanuma koo taateef bara baraan hin gurguramin; isin anaaf alagaa fi keessummoota.
Biyya akka dhaalaatti qabattan guutuu keessatti waan ittiin lafa furtan baasaa.
25 你的弟兄若漸漸窮乏,賣了幾分地業,他至近的親屬就要來把弟兄所賣的贖回。
“‘Obboleessi kee tokko hiyyoomee lafa isaa yoo gurgure, namni fira isaa kan dhiʼoo taʼe dhufee waan firri isaa gurgure sana haa furuuf.
26 若沒有能給他贖回的,他自己漸漸富足,能夠贖回,
Garuu yoo namichi sun fira lafa isaa furuuf dhabee inni mataan isaa waan ittiin lafa isaa furatu argate,
27 就要算出賣地的年數,把餘剩年數的價值還那買主,自己便歸回自己的地業。
waggoota yeroo inni lafa isaa gurgure sanaa as jiran lakkaaʼee namicha itti gurgure sanaaf maallaqa isaa haa deebisu; innis gara lafa ofiitti haa deebiʼu.
28 倘若不能為自己得回所賣的,仍要存在買主的手裏直到禧年;到了禧年,地業要出買主的手,自己便歸回自己的地業。
Garuu yoo waan namicha sanaaf deebisu dhabee, wanni inni gurgure sun hamma waggaa iyyoobeeliyyuutti harkuma namicha bite sanaa haa turu. Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa ni deebiʼaaf; innis gara qabeenya isaatti ni deebiʼa.
29 「人若賣城內的住宅,賣了以後,一年之內可以贖回;在一整年,必有贖回的權柄。
“‘Namni yoo magaalaa dallaa qabdu keessatti mana jireenyaa gurgurate, gaafa gurguratee jalqabee waggaa tokko keessatti furachuu dandaʼa. Mirgi furachuu isaas hamma waggaa tokkootti tura.
30 若在一整年之內不贖回,這城內的房屋就定准永歸買主,世世代代為業;在禧年也不得出買主的手。
Yoo utuu waggaan tokko hin guutin furamuu baate manni magaalaa dallaa qabdu keessatti argamu sun qabeenya namicha biteetii fi kan sanyii isaa taʼee hafa. Waggaa Iyyoobeeliyyuuttis hin deebiʼu.
31 但房屋在無城牆的村莊裏,要看如鄉下的田地一樣,可以贖回;到了禧年,都要出買主的手。
Manneen gandoota dallaan itti hin ijaaramin keessa jiran garuu waan akka lafa baadiyyaatti hedamaniif furamuu dandaʼu. Bara Iyyoobeeliyyuuttis ni deebifamu.
32 然而利未人所得為業的城邑,其中的房屋,利未人可以隨時贖回。
“‘Lewwonni garuu manneen isaanii kanneen magaalaawwan isaanii keessatti argaman furachuuf yeroo kam iyyuu mirga qabu.
33 若是一個利未人不將所賣的房屋贖回,是在所得為業的城內,到了禧年就要出買主的手,因為利未人城邑的房屋是他們在以色列人中的產業。
Qabeenyi Lewwotaa furamuu ni dandaʼa; manneen magaalaa isaan qabatan keessatti gurguraman bara Iyyoobeeliyyuutti ni deebifamu; manneen magaalaa Lewwotaa keessatti argaman Israaʼeloota gidduutti qabeenya Lewwotaatii.
34 只是他們各城郊野之地不可賣,因為是他們永遠的產業。」
Lafti dheedaa kan naannoo magaalaa isaaniitti argamu garuu sababii qabeenya isaanii kan bara baraa taʼeef hin gurguramin.
35 「你的弟兄在你那裏若漸漸貧窮,手中缺乏,你就要幫補他,使他與你同住,像外人和寄居的一樣。
“‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee isin gidduutti of gargaaruu dadhabe, akka inni isin gidduu jiraachuu dandaʼuuf akkuma alagaa yookaan keessummaa tokko gargaartutti isa gargaar.
36 不可向他取利,也不可向他多要;只要敬畏你的上帝,使你的弟兄與你同住。
Akka namni sun si wajjin jiraachuu dandaʼuuf Waaqa kee sodaadhu malee dhala tokko iyyuu isa irraa hin fudhatin.
37 你借錢給他,不可向他取利;借糧給他,也不可向他多要。
Maallaqa kee dhalaan hin liqeessiniif yookaan nyaata kee buʼaa itti herregattee hin kenniniif.
38 我是耶和華-你們的上帝,曾領你們從埃及地出來,為要把迦南地賜給你們,要作你們的上帝。」
Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Kanaʼaan isiniif kennuu fi Waaqa keessan taʼuuf biyya Gibxii isin baasee dha.
39 「你的弟兄若在你那裏漸漸窮乏,將自己賣給你,不可叫他像奴僕服事你。
“‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee sitti of gurgure akka garbichaatti isa hin hojjechiifatin.
40 他要在你那裏像雇工人和寄居的一樣,要服事你直到禧年。
Inni akka hojjetaa qaxaramaa yookaan nama yeroodhaaf isin wajjin jiraatuu haa taʼu; inni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti siif haa hojjetu.
41 到了禧年,他和他兒女要離開你,一同出去歸回本家,到他祖宗的地業那裏去。
Ergasii inni ijoollee isaa wajjin gad haa lakkifamu; inni gara maatii isaatii fi qabeenya abbootii isaatti haa deebiʼu.
42 因為他們是我的僕人,是我從埃及地領出來的,不可賣為奴僕。
Israaʼeloonni sababii garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baasee fide taʼaniif akka garbootaatti hin gurguramin.
Waaqa kee sodaadhu malee gara jabinaan isaan hin bulchin.
“‘Garboonni kee dhiironnii fi dubartoonni saboota naannoo kee jiraatan gidduudhaa haa dhufan; isin isaan keessaa garboota bitachuu dandeessu.
45 並且那寄居在你們中間的外人和他們的家屬,在你們地上所生的,你們也可以從其中買人;他們要作你們的產業。
Akkasumas keessummoota isin gidduu jiraatanii fi maatii isaanii warra biyya keessanitti dhalatan keessaa garboota bitachuu dandeessu; isaanis qabeenya keessan haa taʼan.
46 你們要將他們遺留給你們的子孫為產業,要永遠從他們中間揀出奴僕;只是你們的弟兄以色列人,你們不可嚴嚴地轄管。
Akka qabeenya dhaalamuutti ijoollee keessanitti dabarsuu dandeessu; bara jireenya isaanii guutuus isaan garboomfachuu dandeessu; Israaʼeloota obboloota keessan taʼan garuu gara jabinaan hin bulchinaa.
47 「住在你那裏的外人,或是寄居的,若漸漸富足,你的弟兄卻漸漸窮乏,將自己賣給那外人,或是寄居的,或是外人的宗族,
“‘Yoo alagaan yookaan keessummaan si wajjin jiraatu tokko sooromee obboleessi kee immoo hiyyoomee alagaa si wajjin jiraatutti yookaan maatii alagaa sanaatti of gurgure,
inni erga of gurguree booddee furamuuf mirga qaba. Firoota isaa keessaas namni tokko isa furuu dandaʼa.
49 或伯叔、伯叔的兒子,本家的近支,都可以贖他。他自己若漸漸富足,也可以自贖。
Obboleessi abbaa isaa yookaan ilmi obboleessa abbaa isaa yookaan aantee isaa keessaa firri dhiigaa isa furuu dandaʼa. Yookaan inni iyyuu yoo soorome of furuu dandaʼa.
50 他要和買主計算,從賣自己的那年起,算到禧年;所賣的價值照着年數多少,好像工人每年的工價。
Innii fi namichi isa bite sun waggaa inni itti of gurguree jalqabee hamma waggaa Iyyoobeeliyyuutti haa lakkaaʼan. Gatiin furii isaas baayʼina waggoota sanaa irratti hundaaʼa; yeroon inni namicha isa bitate sana bira ture immoo akka nama qacaramee hojjete tokkootti herregama.
51 若缺少的年數多,就要按着年數從買價中償還他的贖價。
Yoo akka herrega isaaniitti waggoonni baayʼeen hafan inni gatii ittiin bitame sana keessaa harka baayʼee namicha sanaaf deebisuu qaba.
52 若到禧年只缺少幾年,就要按着年數和買主計算,償還他的贖價。
Yoo waggoonni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti hafan muraasa taʼan inni waggoota hafan sana herregatee gatii furama isaa haa kaffalu.
53 他和買主同住,要像每年雇的工人,買主不可嚴嚴地轄管他。
Inni akkuma nama waggaa waggaatti qaxaramu tokkootti isa wajjin haa jiraatu; fuula kee durattis inni gara jabinaan isa hin bulchin.
54 他若不這樣被贖,到了禧年,要和他的兒女一同出去。
“‘Yoo inni karaa kanneeniin furamuu baates innii fi ijoolleen isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuutti furamuu qabu;
55 因為以色列人都是我的僕人,是我從埃及地領出來的。我是耶和華-你們的上帝。」
Israaʼeloonni garboota kootii. Isaan garboota koo kanneen ani biyya Gibxii baasee fidee dha. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.