< 士師記 4 >
Erga Eehuud duʼee booddee Israaʼeloonni ammas fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan.
2 耶和華就把他們付與在夏瑣作王的迦南王耶賓手中;他的將軍是西西拉,住在外邦人的夏羅設。
Kanaafuu Waaqayyo Yaabiin mootii Kanaʼaan kan Haazoor taaʼee bulchaa turetti dabarsee isaan gurgure. Ajajaan loltoota isaa Siisaaraa jedhama ture; innis Harooshet Hagooyim keessa jiraata ture.
3 耶賓王有鐵車九百輛。他大大欺壓以色列人二十年,以色列人就呼求耶和華。
Inni sababii gaariiwwan sibiilaa dhibba sagal qabuuf waggaa digdama akka malee Israaʼeloota hacuuce; isaanis gargaarsa barbaacha Waaqayyotti iyyatan.
4 有一位女先知名叫底波拉,是拉比多的妻,當時作以色列的士師。
Yeroo sanatti niitiin Lafiidoot Debooraan raajittiin Israaʼelin bulchaa turte.
5 她住在以法蓮山地拉瑪和伯特利中間,在底波拉的棕樹下。以色列人都上她那裏去聽判斷。
Isheenis biyya gaaraa Efreemitti Muka Meexxii Debooraa kan Raamaa fi Beetʼeel gidduutti argamu sana jala teessee murtii kennaa turte. Sabni Israaʼelis murtii argachuuf gara ishee dhufaa ture.
6 她打發人從拿弗他利的基低斯將亞比挪菴的兒子巴拉召了來,對他說:「耶和華-以色列的上帝吩咐你說:『你率領一萬拿弗他利和西布倫人上他泊山去。
Isheenis Baaraaqi ilma Abiinooʼam biyya Niftaalem magaalaa Qaadeshiitii waamsifatee akkana jetteen; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhee si ajaja; ‘Kaʼi; gosa Niftaalemii fi gosa Zebuuloon keessaa nama kuma kudhan fudhadhuutii Tulluu Taabooriitti ol baʼi.
7 我必使耶賓的將軍西西拉率領他的車輛和全軍往基順河,到你那裏去;我必將他交在你手中。』」
Anis Siisaaraa, ajajaa loltoota Yaabiin sana gaariiwwan lolaatii fi loltoota isaa wajjin akka inni gara Laga Qiishoonitti baʼu nan kakaasa; isas harka keetti dabarsee nan kenna.’”
8 巴拉說:「你若同我去,我就去;你若不同我去,我就不去。」
Baaraaqis, “Yoo ati na wajjin deemte, ani nan deema; yoo ati na wajjin hin deemin garuu anis hin deemu” jedheen.
9 底波拉說:「我必與你同去,只是你在所行的路上得不着榮耀,因為耶和華要將西西拉交在一個婦人手裏。」於是底波拉起來,與巴拉一同往基低斯去了。
Debooraanis, “Ani dhugumaan si faana nan deema. Yoo ati haala kanaan deemte garuu ulfinni siʼiif hin taʼu; Waaqayyo dabarsee Siisaaraa harka dubartiitti kennaatii” jetteen. Kanaafuu Debooraan Baaraaqi faana gara Qaadesh deemte;
10 巴拉就招聚西布倫人和拿弗他利人到基低斯,跟他上去的有一萬人。底波拉也同他上去。
Baaraaqis achitti namoota gosa Zebuuloonii fi gosa Niftaalem walitti waame. Namoonni kuma kudhan isa duukaa buʼan; Debooraanis isa faana deemte.
11 摩西岳父 何巴的後裔,基尼人希百曾離開基尼族,到靠近基低斯、撒拿音的橡樹旁支搭帳棚。
Yeroo sanatti Hebeer namichi gosa Qeen abbaan niitii Musee sun Qeenota ilmaan Hoobaab kaan irraa citee Qaadesh biratti lafa Zaʼaanaaniim jedhamutti qilxuu guddaa jala dunkaana isaa dhaabbatee ture.
12 有人告訴西西拉說:「亞比挪菴的兒子巴拉已經上他泊山了。」
Siisaaraan yommuu akka Baaraaqi ilmi Abiinooʼam sun gara Tulluu Taabooritti ol baʼee dhagaʼetti,
13 西西拉就聚集所有的鐵車九百輛和跟隨他的全軍,從外邦人的夏羅設出來,到了基順河。
gaariiwwan sibiilaa dhibba sagalii fi loltoota isaa kanneen Harooshet Hagooyimii hamma Laga Qiishoonitti argaman hundumaa walitti qabate.
14 底波拉對巴拉說:「你起來,今日就是耶和華將西西拉交在你手的日子。耶和華豈不在你前頭行嗎?」於是巴拉下了他泊山,跟隨他有一萬人。
Kana irratti Debooraan Baaraaqiin, “Kaʼi! Guyyaan Waaqayyo Siisaaraa dabarsee harka keetti kenne harʼa. Kunoo Waaqayyo si dura baʼeera” jette. Kanaafuu Baaraaqi namoota kuma kudhan fudhatee Tulluu Taaboor irraa gad buʼe.
15 耶和華使西西拉和他一切車輛全軍潰亂,在巴拉面前被刀殺敗;西西拉下車步行逃跑。
Waaqayyos akka Siisaaraan, gaariiwwan isaatii fi loltoonni isaa hundinuu goraadeedhaan fuula Baaraaqi duratti moʼatamanii duubatti deebiʼan godhe; Siisaaraan gaarii isaa irraa buʼee miillaan baqate.
16 巴拉追趕車輛、軍隊,直到外邦人的夏羅設。西西拉的全軍都倒在刀下,沒有留下一人。
Baaraaqi garuu gaariiwwanii fi loltoota Siisaaraa hamma Harooshet Hagooyimiitti ariʼe; loltoonni Siisaaraa hundinuu goraadeedhaan dhuman. Namni tokko iyyuu hin hafne.
17 只有西西拉步行逃跑,到了基尼人希百之妻雅億的帳棚,因為夏瑣王耶賓與基尼人希百家和好。
Siisaaraan garuu sababii Yaabiin mooticha Haazoorii fi Hebeer namicha balbala Qeen sana gidduu hariiroon gaariin tureef gara dunkaana Yaaʼeel niitii Hebeer sanaatti miillaan baqate.
18 雅億出來迎接西西拉,對他說:「請我主進來,不要懼怕」;西西拉就進了她的帳棚。雅億用被將他遮蓋。
Yaaʼeelis Siisaaraa simachuuf gad baatee, “Kottu yaa gooftaa koo; kottu ol seeni; hin sodaatin” isaan jette. Innis dunkaana ishee seene; isheenis wayyaa isa irra buuftee dhoksite.
19 西西拉對雅億說:「我渴了,求你給我一點水喝。」雅億就打開皮袋,給他奶子喝,仍舊把他遮蓋。
Innis, “Ani dheebodheera; maaloo bishaan naa kenni” jedheen. Isheenis qabee aannanii bantee waan inni dhugu kenniteefii isa dhoksite.
20 西西拉又對雅億說:「請你站在帳棚門口,若有人來問你說:『有人在這裏沒有?』你就說:『沒有。』」
Innis, “Balbala dunkaanaa dura dhaabadhu; yoo eenyu iyyuu dhufee, ‘Namni as jiraa?’ siin jedhe, ‘hin jiru’ jedhi” isheen jedhe.
21 西西拉疲乏沉睡。希百的妻雅億取了帳棚的橛子,手裏拿着錘子,輕悄悄地到他旁邊,將橛子從他鬢邊釘進去,釘入地裏。西西拉就死了。
Yaaʼeel niitiin Hebeer garuu utuu Siisaaraan hirriba cimaa keessa jiruu qofoo dunkaanaa fi burruusa fudhattee suuta jettee bira geesse. Qofoo sanaanis isa waraantee lafatti hodhite; innis ni duʼe.
22 巴拉追趕西西拉的時候,雅億出來迎接他說:「來吧,我將你所尋找的人給你看。」他就進入帳棚,看見西西拉已經死了,倒在地上,橛子還在他鬢中。
Yommuu Baaraaqi Siisaaraa duukaa buʼee dhufettis, Yaaʼeel isa simachuudhaaf gad baatee, “Kottu nama ati barbaaddu sittan argisiisaa” jetteen. Kanaafuu inni ishee wajjin gara dunkaanichaatti ol seenee Siisaaraa akkuma illeen isaa qofoodhaan waraanametti reeffa isaa arge.
Waaqnis gaafa sana akka Yaabiin mootiin Kanaʼaanotaa fuula Israaʼelootaa duratti moʼatamu godhe.
24 從此以色列人的手越發有力,勝了迦南王耶賓,直到將他滅絕了。
Harki Israaʼelootaas hamma isaan Yaabiin mooticha Kanaʼaanotaa galaafatanitti jajjabaachaa deeme.