< 士師記 21 >
1 以色列人在米斯巴曾起誓說:「我們都不將女兒給便雅憫人為妻。」
Israaʼeloonni, “Nu keessaa namni tokko illee Beniyaamotatti intala isaa heerumsiisuu hin qabu” jedhanii Miisphaatti wal kakachiisanii turan.
2 以色列人來到伯特利,坐在上帝面前直到晚上,放聲痛哭,
Sabnis gara Beetʼeel dhaqanii hamma galgalaatti fuula Waaqaa dura taaʼuudhaan sagalee isaanii ol fuudhanii hiqqifatanii booʼan.
3 說:「耶和華-以色列的上帝啊,為何以色列中有這樣缺了一支派的事呢?」
Isaanis, “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, wanni kun maaliif Israaʼel irra gaʼe? Harʼa gosti tokko maaliif Israaʼel keessaa dhabamaa?” jedhanii iyyan.
4 次日清早,百姓起來,在那裏築了一座壇,獻燔祭和平安祭。
Namoonnis guyyaa itti aanutti ganamaan iddoo aarsaa tolchanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessan.
5 以色列人彼此問說:「以色列各支派中,誰沒有同會眾上到耶和華面前來呢?」先是以色列人起過大誓說,凡不上米斯巴到耶和華面前來的,必將他治死。
Ergasiis Israaʼeloonni, “Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa gosti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhanii gaafatan. Namni fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin haa ajjeefamu jedhanii Miisphaatti walii kakatanii turaniitii.
6 以色列人為他們的弟兄便雅憫後悔,說:「如今以色列中絕了一個支派了。
Israaʼeloonni garuu obboloota isaanii Beniyaamotaaf garaa laafanii akkana jedhan; “Harʼa gosti tokko Israaʼel irraa citeera.
7 我們既在耶和華面前起誓說,必不將我們的女兒給便雅憫人為妻,現在我們當怎樣辦理、使他們剩下的人有妻呢?」
Egaa warra hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya? Nu akka intallan keenya isaanitti hin heerumsiifne Waaqayyoon kakanneerraatii.”
8 又彼此問說:「以色列支派中誰沒有上米斯巴到耶和華面前來呢?」他們就查出基列‧雅比沒有一人進營到會眾那裏;
Ergasiis, “Gosti Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhan. Isaanis akka namni tokko iyyuu Yaabeesh Giliʼaadii gara qubataa wal gaʼiidhaaf hin dhufin beekan.
9 因為百姓被數的時候,沒有一個基列‧雅比人在那裏。
Yeroo namoota lakkaaʼanittis akka namni Yaabeesh Giliʼaad tokko iyyuu achi hin jirre hubatan.
10 會眾就打發一萬二千大勇士,吩咐他們說:「你們去用刀將基列‧雅比人連婦女帶孩子都擊殺了。
Kanaafuu waldaan sun loltoota kuma kudha lama gara Yaabeesh Giliʼaad ergee akka isaan warra achi jiraatan, dubartootaa fi daaʼimman dabalanii goraadeedhaan fixan ajaje.
11 所當行的就是這樣:要將一切男子和已嫁的女子盡行殺戮。」
Isaanis, “Wanni isin gochuu qabdan kanaa dha; dhiira hundaa fi dubartoota durbummaa hin qabne hunda ajjeesaa” jedhan.
12 他們在基列‧雅比人中,遇見了四百個未嫁的處女,就帶到迦南地的示羅營裏。
Isaanis namoota Yaabeesh Giliʼaad keessa jiraatan keessaa dubarran takkumaa dhiirri bira hin gaʼin dhibba afur argatan; gara biyya Kanaʼaan kan qubata Shiilootti argamu sanaattis isaan fidan.
13 全會眾打發人到臨門磐的便雅憫人那裏,向他們說和睦的話。
Ergasiis waldaan guutuun Beniyaamota kattaa Rimoon bira jiraatanitti waamicha nagaa ergan.
14 當時便雅憫人回來了,以色列人就把所存活基列‧雅比的女子給他們為妻,還是不夠。
Beniyaamonnis yeroo sanatti ni dachaʼan; dubartoonni Yaabeesh Giliʼaad kanneen duʼa jalaa baraaraman akka niitota isaaniif taʼaniif kennamaniif; garuu hunda isaanii wal hin geenye.
15 百姓為便雅憫人後悔,因為耶和華使以色列人缺了一個支派。
Namoonnis sababii Waaqayyo gosoota Israaʼel gidduutti gargari baʼumsa uumeef Beniyaamiif gaddan.
16 會中的長老說:「便雅憫中的女子既然除滅了,我們當怎樣辦理、使那餘剩的人有妻呢?」
Maanguddoonni waldaas akkana jedhan; “Dubartoonni Beniyaam dhumaniiru; egaa dhiirota hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya?
17 又說:「便雅憫逃脫的人當有地業,免得以色列中塗抹了一個支派。
Akka gosti tokko Israaʼel keessaa hin badneef Beniyaamonni hafan dhaaltota argachuu qabu.
18 只是我們不能將自己的女兒給他們為妻;因為以色列人曾起誓說,有將女兒給便雅憫人為妻的,必受咒詛。」
Nu Israaʼeloonni sababii, ‘Namni intala isaa Beniyaamotatti heerumsiisu haa abaaramu’ jennee kakanneef, intallan keenya niitummaadhaan isaanii kennuu hin dandeenyu.
19 他們又說:「在利波拿以南,伯特利以北,在示劍大路以東的示羅,年年有耶和華的節期」;
Kunoo ayyaanni Waaqayyoo tokko wagguma waggaan Shiilootti ni ayyaaneffama; Shiiloon kunis Beetʼeel irraa gara kaabaatti, karaa Beetʼeelii baʼee Sheekemitti geessu irraa gara baʼaatti akkasumas Leboonaa irraa gara kibbaatti argamti.”
20 就吩咐便雅憫人說:「你們去,在葡萄園中埋伏。
Kanaafuu isaan akkana jedhanii Beniyaamota gorsan; “Dhaqaa iddoo dhaabaa wayinii keessa riphaa eeggadhaa.
21 若看見示羅的女子出來跳舞,就從葡萄園出來,在示羅的女子中各搶一個為妻,回便雅憫地去。
Ilaalaa; yommuu dubarri Shiiloo sirbaaf baʼanitti iddoo dhaabaa wayinii keessaa baʼaatii tokkoo tokkoo keessaniif niitii tokko tokko qabaadhaatii gara Beniyaamitti deebiʼaa.
22 他們的父親或是弟兄若來與我們爭競,我們就說:『求你們看我們的情面,施恩給這些人,因我們在爭戰的時候沒有給他們留下女子為妻。這也不是你們將女子給他們的;若是你們給的,就算有罪。』」
Yommuu abbootiin isaanii yookaan obboloonni isaanii nutti himatanitti, ‘Sababii nu yeroo waraanaatti tokkoo tokkoo isaaniitiif niitii arguu hin dandaʼiniif isin isaan gargaaruudhaan dhiifama nuu godhaa; isinis sababii jaallattanii dubara keessan hin kenniniif balleessaa hin qabdan’ jennaan.”
23 於是便雅憫人照樣而行,按着他們的數目從跳舞的女子中搶去為妻,就回自己的地業去,又重修城邑居住。
Beniyaamonnis akkuma isaanitti himame sana godhan; utuma dubarran sirbaa jiranuus tokkoon tokkoon namaa tokko tokko butee akka niitii isaa taatuuf fudhatee qajeele. Ergasiis gara dhaala isaaniitti deebiʼanii magaalaa isaanii haaromfatanii achi jiraatan.
24 當時以色列人離開那裏,各歸本支派、本宗族、本地業去了。
Yeroo sanattis ijoolleen Israaʼel iddoo sanaa kaʼanii gara mana isaanii, gara gosa isaanii, gara lammii isaaniitii fi gara dhaala isaaniitti deebiʼan.
Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.