< 士師記 2 >

1 耶和華的使者從吉甲上到波金,對以色列人說:「我使你們從埃及上來,領你們到我向你們列祖起誓應許之地。我又說:『我永不廢棄與你們所立的約。
Ergamaan Waaqayyoo Gilgaalii Bookiimitti ol baʼee akkana jedhe; “Ani Gibxii isin baasee biyya ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sanatti isin fideera. Akkanas nan jedhe; ‘Ani kakuu isin wajjin gale sana gonkumaa hin diigu;
2 你們也不可與這地的居民立約,要拆毀他們的祭壇。你們竟沒有聽從我的話!為何這樣行呢?』
isinis warra lafa kana irra jiraatan wajjin kakuu hin galinaa; iddoo aarsaa isaanii garuu caccabsaa.’ Taʼus isin naaf hin ajajamne. Isin maaliif waan kana gootan?
3 因此我又說:『我必不將他們從你們面前趕出;他們必作你們肋下的荊棘。他們的神必作你們的網羅。』」
Kanaafuu ani amma akka fuula keessan duraa ariʼee isaan hin baafne isinitti nan hima; isaan iddaa isinitti taʼu; waaqonni isaanii immoo kiyyoo isinitti taʼu.”
4 耶和華的使者向以色列眾人說這話的時候,百姓就放聲而哭;
Yeroo ergamaan Waaqayyoo waan kana Israaʼeloota hundatti dubbatetti namoonni sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan;
5 於是給那地方起名叫波金。眾人在那裏向耶和華獻祭。
isaanis iddoo sana Bookiim jedhanii waaman. Achittis Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessan.
6 從前約書亞打發以色列百姓去的時候,他們各歸自己的地業,佔據地土。
Erga Iyyaasuun Israaʼeloota gad dhiisee booddee tokkoon tokkoon isaanii biyyattii dhaaluuf gara dhaala ofii isaanii deeman.
7 約書亞在世和約書亞死後,那些見耶和華為以色列人所行大事的長老還在的時候,百姓都事奉耶和華。
Uummanni bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan guddaa Waaqayyo Israaʼeliif godhe argan sunis Waaqayyoon tajaajilan.
8 耶和華的僕人、嫩的兒子約書亞,正一百一十歲就死了。
Iyyaasuun ilmi Nuuni garbichi Waaqayyoo waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe.
9 以色列人將他葬在他地業的境內,就是在以法蓮山地的亭拿‧希烈,在迦實山的北邊。
Isaanis lafa dhaala isaa Timnaat Herees kan biyya gaaraa Efreemitti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan.
10 那世代的人也都歸了自己的列祖。後來有別的世代興起,不知道耶和華,也不知道耶和華為以色列人所行的事。
Erga dhaloonni sun guutuun gara abbootii isaaniitti walitti qabamanii booddee dhaloonni Waaqayyoon hin beekin yookaan waan inni saba Israaʼeliif godhe hin beekin kan biraa kaʼe.
11 以色列人行耶和華眼中看為惡的事,去事奉諸巴力,
Israaʼeloonnis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Baʼaaliinis ni tajaajilan.
12 離棄了領他們出埃及地的耶和華-他們列祖的上帝,去叩拜別神,就是四圍列國的神,惹耶和華發怒;
Isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana ni dhiisan. Waaqota adda addaa kanneen saboota naannoo isaanii jiraatanii duukaa buʼan; ni waaqeffatanis. Waaqayyonis dheekkamsaaf kakaasan;
13 並離棄耶和華,去事奉巴力和亞斯她錄。
isaan isa dhiisanii Baʼaalii fi Ashtooretin waaqeffataniiruutii.
14 耶和華的怒氣向以色列人發作,就把他們交在搶奪他們的人手中,又將他們付與四圍仇敵的手中,甚至他們在仇敵面前再不能站立得住。
Waaqayyos Israaʼelootatti dheekkamee saamtota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne. Diinota naannoo isaanii kanneen isaan of irraa ittisuu hin dandeenye hundatti isaan gurgure.
15 他們無論往何處去,耶和華都以災禍攻擊他們,正如耶和華所說的話,又如耶和華向他們所起的誓;他們便極其困苦。
Yommuu Israaʼeloonni lolaaf baʼanitti akkuma inni duraan kakate sanatti harki Waaqayyoo isaanitti hammaatee akka isaan moʼataman godha ture. Isaanis rakkina guddaa keessa buʼan.
16 耶和華興起士師,士師就拯救他們脫離搶奪他們人的手。
Waaqayyos abbootii murtii kanneen saamtota jalaa isaan baasan isaaniif kaase.
17 他們卻不聽從士師,竟隨從叩拜別神,行了邪淫,速速地偏離他們列祖所行的道,不如他們列祖順從耶和華的命令。
Isaan garuu waaqota biraa wajjin sagaagalanii isaan waaqeffatan malee abbootii murtii sana hin dhaggeeffanne. Karaa abbootiin isaanii Waaqayyoof ajajamuudhaan irra deemaa turan sana irraa dafanii jalʼatan; isaan waan abbootiin isaanii godhan hin goone.
18 耶和華為他們興起士師,就與那士師同在。士師在世的一切日子,耶和華拯救他們脫離仇敵的手。他們因受欺壓擾害,就哀聲歎氣,所以耶和華後悔了。
Waaqayyo yeroo abbaa murtii tokko isaanii kaasetti hamma abbaan murtii sun jirutti isa wajjin jiraatee harka diinota isaanii jalaa isaan baasa ture; Waaqayyo yeroo isaan sababii warra isaan cunqursanii fi warra isaan miidhaniitiin wawwaatanitti garaa laafaaf tureetii.
19 及至士師死後,他們就轉去行惡,比他們列祖更甚,去事奉叩拜別神,總不斷絕頑梗的惡行。
Yommuu abbaan murtii sun duʼu garuu isaan waaqota biraa duukaa buʼuudhaan, tajaajiluu fi isaan waaqeffachuudhaan abbootii isaanii iyyuu caalaa gara hamminaatti deebiʼan. Hojii hamminaatii fi mataa jabina isaanii irraas hin deebiʼan ture.
20 於是耶和華的怒氣向以色列人發作。他說:「因這民違背我吩咐他們列祖所守的約,不聽從我的話,
Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti akka malee dheekkamee akkana jedhe; “Waan sabni kun kakuu ani abbootii isaatiif gale sana cabsee anas dhagaʼuu dideef,
21 所以約書亞死的時候所剩下的各族,我必不再從他們面前趕出,
ani siʼachi saboota Iyyaasuun yeroo duʼetti isaan gidduutti dhiise sana isaan duraa ariʼee hin baasu.
22 為要藉此試驗以色列人,看他們肯照他們列祖謹守遵行我的道不肯。」
Karaa saboota kanaatiinis akka isaan akkuma abbootii isaanii karaa Waaqayyoo eeganii irra deddeebiʼanii fi akka isaan hin eegne ilaaluuf jedhee Israaʼelin nan qora.”
23 這樣耶和華留下各族,不將他們速速趕出,也沒有交付約書亞的手。
Kanaafuu Waaqayyo akka saboonni kunneen achumatti hafan eeyyame; harka Iyyaasuuttis dabarsee isaan kennuudhaan dafee achii isaan hin baafne.

< 士師記 2 >