< 約書亞記 22 >
1 當時,約書亞召了呂便人、迦得人,和瑪拿西半支派的人來,
Ergasii Iyyaasuun gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee walitti waamee
2 對他們說:「耶和華僕人摩西所吩咐你們的,你們都遵守了;我所吩咐你們的,你們也都聽從了。
akkana jedheen; “Isin waan Museen garbichi Waaqayyoo ajaje hundumaa hojjettaniirtu; waan ani isin ajaje hundas naa ajajamtaniirtu.
3 你們這許多日子,總沒有撇離你們的弟兄,直到今日,並守了耶和華-你們上帝所吩咐你們當守的。
Isin bara dheeraaf, hamma harʼaatti illee obboloota keessan hin daganne; ajaja Waaqayyo Waaqni keessan isinii kennes eegdaniirtu.
4 如今耶和華-你們上帝照着他所應許的,使你們弟兄得享平安,現在可以轉回你們的帳棚,到耶和華的僕人摩西在約旦河東所賜你們為業之地。
Waaqayyo Waaqni keessan akkuma waadaa gale sanatti obboloota keessan boqochiiseera; isin biyya Museen garbichi Waaqayyoo Yordaanos gamaa isinii kenne sanatti gara mana keessaniitti deebiʼaa.
5 只要切切地謹慎遵行耶和華僕人摩西所吩咐你們的誡命律法,愛耶和華-你們的上帝,行他一切的道,守他的誡命,專靠他,盡心盡性事奉他。」
Garuu akka Waaqayyo Waaqa keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Museen garbichi Waaqayyoo isinii kenne sana jabeessaa eegaa.”
6 於是約書亞為他們祝福,打發他們去,他們就回自己的帳棚去了。
Ergasiis Iyyaasuun eebbisee gad isaan dhiise; isaanis gara mana isaaniitti deebiʼan.
7 瑪拿西那半支派,摩西早已在巴珊分給他們地業。這半支派,約書亞在約旦河西,在他們弟兄中,分給他們地業。約書亞打發他們回帳棚的時候為他們祝福,
Museen walakkaa gosa Minaaseetiif Baashaan keessaa lafa kennee ture; Iyyaasuun immoo walakkaa kaaniif Yordaanosiin gama lixaatti obboloota isaanii cinatti lafa kenne. Iyyaasuun yommuu gara mana isaaniitti isaan ergetti isaan eebbise;
8 對他們說:「你們帶許多財物,許多牲畜和金、銀、銅、鐵,並許多衣服,回你們的帳棚去,要將你們從仇敵奪來的物,與你們眾弟兄同分。」
akkanas jedheen; “Qabeenya keessan guddaa jechuunis horii baayʼee, meetii, warqee, naasii fi sibiila akkasumas uffata baayʼee fudhadhaa galaatii boojuu diinota keessan irraa boojitan sana obboloota keessan wajjin qooddadhaa.”
9 於是呂便人、迦得人、瑪拿西半支派的人從迦南地的示羅起行,離開以色列人,回往他們得為業的基列地,就是照耶和華藉摩西所吩咐的得了為業之地。
Kanaafuu gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee gara biyya ofii isaanii gara Giliʼaad ishee akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajajetti argatan sanaatti deebiʼuuf jedhanii Shiiloo ishee Kanaʼaan keessaa sanatti Israaʼeloota dhiisanii deeman.
10 呂便人、迦得人,和瑪拿西半支派的人到了靠近約旦河的一帶迦南地,就在約旦河那裏築了一座壇;那壇看着高大。
Gosti Ruubeen, gostii Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee yommuu Galiilooti biyya Kanaʼaan keessaa kan Yordaanos biraa sana gaʼanitti, iddoo aarsaa guddaa isaa Yordaanos biratti tolchan.
11 以色列人聽說呂便人、迦得人、瑪拿西半支派的人靠近約旦河邊,在迦南地屬以色列人的那邊築了一座壇。
Israaʼeloonni yommuu akka isaan gama Israaʼelootaatiin daarii Kanaʼaan irratti Galiilooti ishee Yordaanos cinaa sanatti iddoo aarsaa tolchan dhagaʼanitti,
12 全會眾一聽見,就聚集在示羅,要上去攻打他們。
guutummaan waldaa Israaʼel isaanitti duuluuf Shiilootti walitti qabaman.
13 以色列人打發祭司以利亞撒的兒子非尼哈,往基列地去見呂便人、迦得人、瑪拿西半支派的人;
Kanaafuu Israaʼeloonni Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa sana gara gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gara walakkaa gosa Minaasee warra Giliʼaad keessa jiraatanitti ergan.
14 又打發十個首領與非尼哈同去,就是以色列每支派的一個首領,都是以色列軍中的統領。
Isa wajjinis hangafoota kudhan, tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif nama tokko ergan; tokkoon tokkoon isaaniis hangafa balbala maatii Israaʼel.
15 他們到了基列地,見呂便人、迦得人,和瑪拿西半支派的人,對他們說:
Isaanis Giliʼaaditti gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee bira dhufanii akkana isaaniin jedhan:
16 「耶和華全會眾這樣說,你們今日轉去不跟從耶和華,干犯以色列的上帝,為自己築一座壇,悖逆了耶和華,這犯的是甚麼罪呢?
“Guutummaan waldaa Waaqayyoo akkana jedha: ‘Isin akkamitti akkanaan amanamummaa Waaqa Israaʼel wajjin qabdan sana cabsitu? Isin akkamitti Waaqayyo irraa garagaltanii isatti finciluudhaan ofii keessaniif iddoo aarsaa tolfattu?
17 從前拜毗珥的罪孽還算小嗎?雖然瘟疫臨到耶和華的會眾,到今日我們還沒有洗淨這罪。
Cubbuun Pheʼoor keessatti hojjetame sun nu hin gaʼuu? Dhaʼichi saba Waaqayyoo irra buʼu iyyuu, nu hamma harʼaatti cubbuu sana irraa of hin qulqulleessine.
18 你們今日竟轉去不跟從耶和華嗎?你們今日既悖逆耶和華,明日他必向以色列全會眾發怒。
Isin ammas Waaqayyo irraa garagaluu keessanii? “‘Yoo isin harʼa Waaqayyotti finciltan inni immoo bori hawaasa Israaʼel hundatti ni dheekkama.
19 你們所得為業之地,若嫌不潔淨,就可以過到耶和華之地,就是耶和華的帳幕所住之地,在我們中間得地業。只是不可悖逆耶和華,也不可得罪我們,在耶和華-我們上帝的壇以外為自己築壇。
Yoo lafti isin qabattan sun xuroofte, gara lafa Waaqayyo iddoo dunkaanni Waaqayyoo dhaabatuu kottaatii nu wajjin lafa qoodadhaa. Garuu iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa malee iddoo aarsaa biraa ofii keessanii tolfattanii Waaqayyotti yookaan nutti hin fincilinaa.
20 從前謝拉的曾孫亞干豈不是在那當滅的物上犯了罪,就有忿怒臨到以色列全會眾嗎?那人在所犯的罪中不獨一人死亡。」
Yeroo Aakaan ilmi Zaaraa waan dhowwamaa taʼe fudhachuudhaan cubbuu hojjetetti waldaa Israaʼel hundatti dheekkamsi hin dhufnee? Namni sababii cubbuu isaatiin duʼe isa qofa miti.’”
21 於是呂便人、迦得人、瑪拿西半支派的人回答以色列軍中的統領說:
Kana irratti gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkana jedhanii hangafoota maatiiwwan Israaʼeliif deebisan;
22 「大能者上帝耶和華!大能者上帝耶和華!他是知道的!以色列人也必知道!我們若有悖逆的意思,或是干犯耶和華(願你今日不保佑我們),
“Waaqayyo Waaqni waaqotaa, Waaqayyo Waaqni waaqotaa ni beeka! Israaʼelis haa beeku! Yoo wanni kun Waaqayyotti finciluuf yookaan isaa ajajamuu diduuf taʼe harʼa nu hin hambisin.
23 為自己築壇,要轉去不跟從耶和華,或是要將燔祭、素祭、平安祭獻在壇上,願耶和華親自討我們的罪。
Yoo nu Waaqayyo irraa deebiʼuuf jennee, aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii, yookaan aarsaa nagaa achi irratti dhiʼeessuuf iddoo aarsaa ofii keenyaa tolfannee jiraanne, Waaqayyo mataan isaa itti nu haa gaafatu.
24 我們行這事並非無故,是特意做的,說:恐怕日後你們的子孫對我們的子孫說:『你們與耶和華-以色列的上帝有何關涉呢?
“Sababiin nu waan kana gooneef ijoolleen keessan gara fuula duraatti ijoollee keenyaan akkana jedhu taʼa jennee sodaannee ti; ‘Isin Waaqayyo Waaqa Israaʼel irraa maali qabdu?
25 因為耶和華把約旦河定為我們和你們這呂便人、迦得人的交界,你們與耶和華無分了。』這樣,你們的子孫就使我們的子孫不再敬畏耶和華了。
Waaqayyo nuu fi isin jechuunis isin gosa Ruubeenii fi gosa Gaad gidduu Yordaanos daarii godhee dhaabeera! Isin Waaqayyo irraa qooda tokko illee hin qabdan.’ Kanaafuu ijoolleen keessan akka ijoolleen keenya Waaqayyoon sodaachuu dhiisan godhu taʼa.
26 因此我們說:『不如為自己築一座壇,不是為獻燔祭,也不是為獻別的祭,
“Sababiin nu, ‘Kottaa qophoofnee iddoo aarsaa tokko tolfannaa; garuu iddoon aarsaa kun kan aarsaan gubamu yookaan qalmi irratti dhiʼeeffamuu miti’ jenneefis kanuma.
27 乃是為你我中間和你我後人中間作證據,好叫我們也在耶和華面前獻燔祭、平安祭,和別的祭事奉他,免得你們的子孫日後對我們的子孫說,你們與耶和華無分了。』
Karaa biraa immoo akka iddoon aarsaa kun akka nu aarsaa keenya kan gubamu, qalma keenyaa fi aarsaa nagaatiin iddoo qulqulluu isaatti Waaqayyoon waaqeffannuuf nu, isinii fi dhaloota dhufu gidduutti dhugaa baatuu taʼuuf. Kana booddee ijoolleen keessan ijoollee keenyaan, ‘Isin Waaqayyo irraa qooda tokko illee hin qabdan’ jechuu hin dandaʼan.
28 所以我們說:『日後你們對我們,或對我們的後人這樣說,我們就可以回答說,你們看我們列祖所築的壇是耶和華壇的樣式;這並不是為獻燔祭,也不是為獻別的祭,乃是為作你我中間的證據。』
“Nus akkana jenne; ‘Yoo isaan baroota dhufuuf jiran keessa nuun yookaan dhaloota keenyaan akkas jedhan, mee fakkii iddoo aarsaa Waaqayyoo kan abbootiin keenya aarsaa gubamu yookaan qalma irratti dhiʼeessuuf utuu hin taʼin akka inni nuu fi isin gidduutti dhuga baatuu taʼuuf tolchan kana ilaalaa jennaan.’
29 我們在耶和華-我們上帝帳幕前的壇以外,另築一座壇,為獻燔祭、素祭,和別的祭,悖逆耶和華,今日轉去不跟從他,我們斷沒有這個意思。」
“Iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa kan dunkaana isaa qulqulluu dura dhaabatu sana malee harʼa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu, kennaan midhaaniitii fi qalmi irratti dhiʼeeffamu kan biraa tolchuudhaan Waaqayyotti fincillee isa irraa garagaluun nurraa haa fagaatu.”
30 祭司非尼哈與會中的首領,就是與他同來以色列軍中的統領,聽見呂便人、迦得人、瑪拿西人所說的話,就都以為美。
Fiinehaas lubichi, qajeelchitoonni sabaatii fi hangafoonni maatiiwwan Israaʼel yommuu waan gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi gosti Minaasee jedhan dhagaʼanitti ni gammadan.
31 祭司以利亞撒的兒子非尼哈對呂便人、迦得人、瑪拿西人說:「今日我們知道耶和華在我們中間,因為你們沒有向他犯了這罪。現在你們救以色列人脫離耶和華的手了。」
Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaas ijoollee Ruubeeniin, ijoollee Gaadii fi ilmaan Minaaseetiin, “Nu harʼa sababii isin waan kana keessatti Waaqayyoof amanamummaa hin dhiisiniif akka Waaqayyo nu wajjin jiru beekneerra. Isin amma Israaʼeloota harka Waaqayyoo jalaa baaftaniirtu” jedhe.
32 祭司以利亞撒的兒子非尼哈與眾首領離了呂便人、迦得人,從基列地回往迦南地,到了以色列人那裏,便將這事回報他們。
Ergasiis Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaa fi qajeelchitoonni sun ijoollee Ruubeenii fi ijoollee Gaad wajjin Giliʼaaditti wal gaʼii godhatanii gara Kanaʼaanitti deebiʼanii oduu achii fidan Israaʼelootatti himan.
33 以色列人以這事為美,就稱頌上帝,不再提上去攻打呂便人、迦得人、毀壞他們所住的地了。
Isaanis oduu kana dhagaʼanii gammadanii Waaqa galateeffatan. Lammatas itti deebiʼanii waaʼee isaanitti duuluu fi biyya gosti Ruubeenii fi gosti Gaad keessa jiraatu sana balleessuu hin dubbanne.
34 呂便人、迦得人給壇起名叫證壇,意思說:這壇在我們中間證明耶和華是上帝。
Gosti Ruubeenii fi gosti Gaadis maqaa kanaan iddoo aarsaa sana moggaasan: Iddoon Aarsaa kun akka Waaqayyo Waaqa taʼe Nu Gidduutti Dhugaa Baatuu dha.