< 約翰福音 21 >

1 這些事以後,耶穌在提比哩亞海邊又向門徒顯現。他怎樣顯現記在下面:
Wantoota kanneen booddee Yesuus ammas galaana Xibeeriyaas biratti barattoota isaatti of mulʼise. Haalli inni ittiin of mulʼises akkana ture:
2 有西門‧彼得和稱為低土馬的多馬,並加利利的迦拿人拿但業,還有西庇太的兩個兒子,又有兩個門徒,都在一處。
Simoon Phexros, Toomaas inni Didimoos jedhamu, Naatnaaʼel namichi Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewoosii fi barattoonni biraa lama walii wajjin turan.
3 西門‧彼得對他們說:「我打魚去。」他們說:「我們也和你同去。」他們就出去,上了船;那一夜並沒有打着甚麼。
Simoon Phexrosis, “Ani qurxummii qabuu nan dhaqa” isaaniin jedhe; isaanis, “Nus si wajjin dhaqna” jedhaniin. Gad baʼaniis bidiruu yaabbatan; halkan sana garuu homaa hin qabne.
4 天將亮的時候,耶穌站在岸上,門徒卻不知道是耶穌。
Ganama bariidhaanis Yesuus qarqara galaanichaa irra dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Yesuus taʼe hin beekne.
5 耶穌就對他們說:「小子!你們有吃的沒有?」他們回答說:「沒有。」
Innis isaan waamee, “Ijoolle, qurxummii tokko illee hin qabdanii?” jedhee gaafate. Isaan immoo, “Hin qabnu” jedhanii deebisan.
6 耶穌說:「你們把網撒在船的右邊,就必得着。」他們便撒下網去,竟拉不上來了,因為魚甚多。
Innis, “Karaa mirga bidiruutiin kiyyoo gad darbadhaa; qurxummii ni argattuu” jedheen. Kanaafuu isaan kiyyoo sana gad darbatan; sababii baayʼina qurxummiitiifis kiyyoo sana harkisuu dadhaban.
7 耶穌所愛的那門徒對彼得說:「是主!」那時西門‧彼得赤着身子,一聽見是主,就束上一件外衣,跳在海裏。
Barataan inni Yesuus isa jaallachaa ture sunis, “Inni Gooftaa dha!” jedhee Phexrositti hime. Kanaafuu Simoon Phexros yommuu “Inni Gooftaa dha” jechuu isaa dhagaʼetti waan marxoo isaa of irraa baasee tureef, marxoo isaa marxifatee bishaanitti gad utaale.
8 其餘的門徒離岸不遠,約有二百肘,就在小船上把那網魚拉過來。
Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lama caalaa hin fagaatiniif kiyyoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa bidiruudhaan dhufan.
9 他們上了岸,就看見那裏有炭火,上面有魚,又有餅。
Yommuu lafatti baʼanittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan.
10 耶穌對他們說:「把剛才打的魚拿幾條來。」
Yesuusis, “Mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!” isaaniin jedhe.
11 西門‧彼得就去,把網拉到岸上。那網滿了大魚,共一百五十三條;魚雖這樣多,網卻沒有破。
Simoon Phexrosis bidiruu sana yaabbatee kiyyoo qurxummiin gurguddaan 153 guute sana gara lafaatti harkise. Kiyyoon sunis qurxummii akkas baayʼattuun guutamu illee hin tarsaane.
12 耶穌說:「你們來吃早飯。」門徒中沒有一個敢問他:「你是誰?」因為知道是主。
Yesuusis, “Kottaa ciree nyaadhaa!” isaaniin jedhe. Barattoota keessaas namni ija jabaatee, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate tokko iyyuu hin turre. Isaan akka inni Gooftaa taʼe beekaniiruutii.
13 耶穌就來拿餅和魚給他們。
Yesuusis dhufee buddeena sana fuudhee isaaniif kenne; qurxummichas akkasuma godhe.
14 耶穌從死裏復活以後,向門徒顯現,這是第三次。
Egaa Yesuus erga duʼaa kaafamee, kana wajjin yeroo sadaffaa barattoota isaatti mulʼate.
15 他們吃完了早飯,耶穌對西門‧彼得說:「約翰的兒子西門,你愛我比這些更深嗎?」彼得說:「主啊,是的,你知道我愛你。」耶穌對他說:「你餵養我的小羊。」
Yesuus erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Innis, “Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedheen.
16 耶穌第二次又對他說:「約翰的兒子西門,你愛我嗎?」彼得說:「主啊,是的,你知道我愛你。」耶穌說:「你牧養我的羊。」
Yesuus amma illee, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Innis deebisee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuus immoo, “Hoolota koo tiksi” jedheen.
17 第三次對他說:「約翰的兒子西門,你愛我嗎?」彼得因為耶穌第三次對他說「你愛我嗎」,就憂愁,對耶穌說:「主啊,你是無所不知的;你知道我愛你。」耶穌說:「你餵養我的羊。
Yeroo sadaffaas, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Phexrosis sababii Yesuus yeroo sadaffaa, “Ati na jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Yaa Gooftaa, ati waan hunda beekta; akka ani si jaalladhus ni beekta” jedheen. Yesuusis akkana jedheen; “Hoolota koo soori.
18 我實實在在地告訴你,你年少的時候,自己束上帶子,隨意往來;但年老的時候,你要伸出手來,別人要把你束上,帶你到不願意去的地方。」
Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati yeroo dargaggeessa turtetti, ofuma keetiin mudhii kee hidhattee lafa barbaadde dhaqxa turte; yeroo dulloomtutti garuu harka kee ni diriirfatta; namni biraas mudhii kee siif hidhee lafa ati hin barbaannetti si geessa.”
19 (耶穌說這話是指着彼得要怎樣死,榮耀上帝。)說了這話,就對他說:「你跟從我吧!」
Yesuusis akka Phexros duʼa akkamiitiin Waaqa ulfeessu argisiisuuf jedhee waan kana dubbate; ergasii, “Na duukaa buʼi” jedheen.
20 彼得轉過來,看見耶穌所愛的那門徒跟着,(就是在晚飯的時候,靠着耶穌胸膛說:「主啊,賣你的是誰?」的那門徒。)
Phexrosis garagalee utuu barataan inni Yesuus isa jaallatu sun isaan duukaa buʼuu arge. Barataan kunis isa yeroo irbaataatti qoma Yesuusiitti irkatee, “Yaa Gooftaa, inni dabarsee si kennu eenyu?” jedhe sanaa dha.
21 彼得看見他,就問耶穌說:「主啊,這人將來如何?」
Phexrosis yommuu isa argetti, “Yaa Gooftaa, namichi kun hoo?” jedhee Yesuusin gaafate.
22 耶穌對他說:「我若要他等到我來的時候,與你何干?你跟從我吧!」
Yesuusis deebisee, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe, maaltu si dhibe? Ati na duukaa buʼi” jedheen.
23 於是這話傳在弟兄中間,說那門徒不死。其實,耶穌不是說他不死,乃是說:「我若要他等到我來的時候,與你何干?」
Kanaaf oduun, “Barataan kun hin duʼu” jedhu obboloota gidduutti odeeffame. Yesuus garuu, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe maaltu si dhibe?” jedhe malee, “Inni hin duʼu” hin jenne.
24 為這些事作見證,並且記載這些事的就是這門徒;我們也知道他的見證是真的。
Inni dubbii kana dhugaa baʼu, kan waan kanas barreesse barataadhuma kana. Akka dhuga baʼumsi isaa dhugaa taʼes nu beekna.
25 耶穌所行的事還有許多,若是一一地都寫出來,我想,所寫的書就是世界也容不下了。
Kana malees Yesuus waan biraa baayʼee hojjeteera. Utuu tokkoon tokkoon isaanii barreeffamanii jiraatanii silaa ani waan addunyaan mataan ishee iyyuu kitaabota barreeffaman sanaaf iddoo gaʼu qabdu hin seʼu.

< 約翰福音 21 >