< 約伯記 7 >

1 人在世上豈無爭戰嗎? 他的日子不像雇工人的日子嗎?
“Jireenyi namaa lafa irratti qabsoo cimaa mitii? Barri isaas akkuma bara nama qacaramaa tokkootii mitii?
2 像奴僕切慕黑影, 像雇工人盼望工價;
Akkuma garbicha gaaddisa galgalaa hawwuu, yookaan akkuma hojjetaa mindaa isaa eegatu tokkoo,
3 我也照樣經過困苦的日月, 夜間的疲乏為我而定。
jiʼoonni faayidaa hin qabne naa qoodaman; halkanoonni dhiphinaas naa ramadaman.
4 我躺臥的時候便說: 我何時起來,黑夜就過去呢? 我盡是反來覆去,直到天亮。
Yommuun ciisutti, ‘Ani yoomin kaʼa?’ jedheen yaada. Halkan natti dheerata; anis hamma bariʼutti nan gaggaragala.
5 我的肉體以蟲子和塵土為衣; 我的皮膚才收了口又重新破裂。
Nafni koo raammoo fi qonyanyaa uffateera; gogaan koo babbaqaqee malaʼaa jira.
6 我的日子比梭更快, 都消耗在無指望之中。
“Barri koo kolloo wayya dhooftuu caalaa ariifata; innis abdii malee dhuma.
7 求你想念,我的生命不過是一口氣; 我的眼睛必不再見福樂。
Egaa yaa Waaqayyo, akka jireenyi koo akkuma qilleensaa taʼe yaadadhu; iji koo lammata waan gaarii hin argu.
8 觀看我的人,他的眼必不再見我; 你的眼目要看我,我卻不在了。
Iji amma na argu siʼachi na hin argu; ati na barbaadda; garuu ani hin jiru.
9 雲彩消散而過; 照樣,人下陰間也不再上來。 (Sheol h7585)
Akkuma duumessi bittinnaaʼee badus namni awwaalame hin deebiʼu. (Sheol h7585)
10 他不再回自己的家; 故土也不再認識他。
Inni lammata mana isaatti hin deebiʼu; iddoon isaas siʼachi isa hin beeku.
11 我不禁止我口; 我靈愁苦,要發出言語; 我心苦惱,要吐露哀情。
“Kanaafuu ani cal hin jedhu; ani hafuura koo dhiphate sanaan nan dubbadha; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan guunguma.
12 我對上帝說:我豈是洋海, 豈是大魚,你竟防守我呢?
Ati eegduu natti ramaduun kee, ani galaana moo yookaan bineensa galaanaa ti?
13 若說:我的床必安慰我, 我的榻必解釋我的苦情,
Yommuu ani, ‘Sireen koo na jajjabeessa; wanni ani irra ciisu guungummii koo naa xinneessa’ jedhutti,
14 你就用夢驚駭我, 用異象恐嚇我,
ati abjuu keessa na sodaachifta; mulʼataanis na rifachiifta.
15 甚至我寧肯噎死,寧肯死亡, 勝似留我這一身的骨頭。
Kanaafuu ani akkasitti jiraachuu irra of hudhee duʼuu nan filadha.
16 我厭棄性命,不願永活。 你任憑我吧,因我的日子都是虛空。
Jireenya koo nan jibba; ani bara baraan hin jiraadhu. Na dhiisi; jiraachuun koo faayidaa hin qabuutii.
17 人算甚麼,你竟看他為大, 將他放在心上?
“Akka ati isa leelliftuuf, akka qalbii kee isa irra keessuufis namni maali?
18 每早鑒察他, 時刻試驗他?
Ati ganama ganama isa xiinxaltee yeroo yerootti isa qorta.
19 你到何時才轉眼不看我, 才任憑我咽下唾沫呢?
Ati ija kee narraa hin buqqiftuu? Hamma ani hancufa liqimsutti kophaa koo na hin dhiiftuu?
20 鑒察人的主啊,我若有罪,於你何妨? 為何以我當你的箭靶子, 使我厭棄自己的性命?
Yaa isa nama eegdu, yoon cubbuu hojjedhe iyyuu ani maalan si godha? Ati maaliif waan itti akeekkattu na godhatte? Ani baʼaa sitti taʼeeraa?
21 為何不赦免我的過犯, 除掉我的罪孽? 我現今要躺臥在塵土中; 你要殷勤地尋找我,我卻不在了。
Ati maaliif balleessaa koo irra dabartee cubbuu koo illee naaf hin dhiifne? Yeroon ani itti biyyoo keessa ciisu gaʼeeraatii; ati na barbaadda; garuu ani hin argamu.”

< 約伯記 7 >