< 約伯記 5 >

1 你且呼求,有誰答應你? 諸聖者之中,你轉向哪一位呢?
“Mee waami, namni deebii siif kennu jiraa? Qulqulloota keessaas ati gara isa kamiitti gorta?
2 忿怒害死愚妄人; 嫉妒殺死癡迷人。
Nama gowwaa aariitu ajjeesa; raatuus hinaaffaatu galaafata.
3 我曾見愚妄人扎下根, 但我忽然咒詛他的住處。
Namni gowwaan hidda isaa gad fageeffatee nan arge; manni isaa garuu yoosuma abaarame.
4 他的兒女遠離穩妥的地步, 在城門口被壓,並無人搭救。
Ijoolleen isaa nagaa hin qaban; isaan karra duratti burkutaaʼan; namni isaan oolchus hin jiru.
5 他的莊稼有飢餓的人吃盡了, 就是在荊棘裏的也搶去了; 他的財寶有網羅張口吞滅了。
Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata; inni dheebotes qabeenya isaa hawwa.
6 禍患原不是從土中出來; 患難也不是從地裏發生。
Rakkinni biyyoo keessaa hin burquutii; dhiphinnis lafa keessaa hin biqilu.
7 人生在世必遇患難, 如同火星飛騰。
Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaʼu namni rakkinaaf dhalata.
8 至於我,我必仰望上帝, 把我的事情託付他。
“Garuu utuu ana taʼee Waaqa nan barbaaddadha; dhimma koos fuula isaa duratti nan dhiʼeeffadhan ture.
9 他行大事不可測度, 行奇事不可勝數:
Inni dinqiiwwan qoranii bira gaʼuu hin dandeenye, hojiiwwan dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye hojjeta.
10 降雨在地上, 賜水於田裏;
Inni bokkaadhaan lafa ni quubsa; lafa qotiisaas bishaan ni obaasa.
11 將卑微的安置在高處, 將哀痛的舉到穩妥之地;
Warra gad qabaman ol baasa; warra gaddanis iddoo nagaatti ol kaasa.
12 破壞狡猾人的計謀, 使他們所謀的不得成就。
Akka hojiin harka isaanii hin milkoofneef, inni karoora jalʼootaa ni fashaleessa.
13 他叫有智慧的中了自己的詭計, 使狡詐人的計謀速速滅亡。
Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba; malli jalʼootaa immoo dafee ni bada.
14 他們白晝遇見黑暗, 午間摸索如在夜間。
Guyyaan dukkana isaanitti taʼa; guyyaa saafaas akka nama dukkana keessa jiruu qaqqabannaadhaan deemu.
15 上帝拯救窮乏人 脫離他們口中的刀和強暴人的手。
Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa, harka nama jabaa jalaas ni baasa.
16 這樣,貧寒的人有指望, 罪孽之輩必塞口無言。
Kanaafuu hiyyeessi abdii qaba; jalʼinnis afaan isaa ni cufata.
17 上帝所懲治的人是有福的! 所以你不可輕看全能者的管教。
“Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha; kanaafuu ati adabbii Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin.
18 因為他打破,又纏裹; 他擊傷,用手醫治。
Inni ni madeessa; ni fayyisas; inni ni cabsa; harka isaatiinis deebisee ni fayyisa.
19 你六次遭難,他必救你; 就是七次,災禍也無法害你。
Balaa jaʼa jalaa si baasa; torba keessattis hin miidhamtu.
20 在饑荒中,他必救你脫離死亡; 在爭戰中,他必救你脫離刀劍的權力。
Bara beelaa duʼa jalaa, lola keessattis rukuttaa goraadee jalaa si baasa.
21 你必被隱藏,不受口舌之害; 災殃臨到,你也不懼怕。
Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta; yommuu badiisni dhufuttis hin sodaattu.
22 你遇見災害饑饉,就必嬉笑; 地上的野獸,你也不懼怕。
Badiisaa fi beelatti ni kolfita; bineensota lafaas hin sodaattu.
23 因為你必與田間的石頭立約; 田裏的野獸也必與你和好。
Dhagoota bakkee wajjin kakuu galta; bineensonni bosonaas nagaadhaan si wajjin jiraatu.
24 你必知道你帳棚平安, 要查看你的羊圈,一無所失;
Dunkaanni kee nagaan akka jiru ni beekta; qabeenya kee ni toʼatta; wanni tokko illee si jalaa hin badu.
25 也必知道你的後裔將來發達, 你的子孫像地上的青草。
Ijoolleen kee akka baayʼatan, sanyiiwwan kees akkuma marga lafaa akka taʼan ni beekta.
26 你必壽高年邁才歸墳墓, 好像禾捆到時收藏。
Akkuma bissiin midhaanii yeroo isaatti walitti qabamu sana, atis bara dheeraa jiraattee awwaala seenta.
27 這理,我們已經考察,本是如此。 你須要聽,要知道是與自己有益。
“Nu waan kana qoranneerra; innis dhugaa dha. Kanaafuu qalbeeffadhu; ofii keetiifis beeki.”

< 約伯記 5 >