< 約伯記 31 >

1 我與眼睛立約, 怎能戀戀瞻望處女呢?
“Ani ija koo wajjin kakuu galeera; yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?
2 從至上的上帝所得之分, 從至高全能者所得之業是甚麼呢?
Carraan namni Waaqa samii biraa qabu, dhaalli inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu maali?
3 豈不是禍患臨到不義的, 災害臨到作孽的呢?
Hamootaaf badiisa, warra jalʼina hojjetaniif immoo dhaʼicha mitii?
4 上帝豈不是察看我的道路, 數點我的腳步呢?
Inni karaa koo hin arguu? Tarkaanfii koo hundas hin lakkaaʼuu?
5 我若與虛謊同行, 腳若追隨詭詐; (
“Yoo ani karaa sobaa irra deemee yookaan miilli koo gara gowwoomsaatti ariifatee jiraate,
6 我若被公道的天平稱度, 使上帝可以知道我的純正;)
Waaqni madaalii dhugaatiin na haa madaalu; akka ani hirʼina hin qabne illee haa beeku;
7 我的腳步若偏離正路, 我的心若隨着我的眼目, 若有玷污粘在我手上;
yoo tarkaanfiin koo karaa irraa goree, garaan koo waan iji koo argu duukaa buʼee jiraate yookaan yoo harki koo xuraaʼee jiraate,
8 就願我所種的有別人吃, 我田所產的被拔出來。
waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu; midhaan koos haa buqqifamu.
9 我若受迷惑,向婦人起淫念, 在鄰舍的門外蹲伏,
“Yoo garaan koo dubartiidhaan gowwoomfamee jiraate, yookaan yoo ani balbala ollaa koo jalatti riphee eeggadhe,
10 就願我的妻子給別人推磨, 別人也與她同室。
niitiin koo midhaan nama biraa haa daaktu; namoonni biraas ishee wajjin haa ciisan.
11 因為這是大罪, 是審判官當罰的罪孽。
Kun hammina; kan abbaa murtiitiinis adabamuu qabuu dha.
12 這本是火焚燒,直到毀滅, 必拔除我所有的家產。
Kun ibidda hamma Barbadeessutti waa gubuu dha; midhaan ani qabu hundas gubee balleessa ture.
13 我的僕婢與我爭辯的時候, 我若藐視不聽他們的情節;
“Yoo ani yeroo isaan na himatanitti, tajaajiltoota koo dhiiraa fi dubartii murtii qajeelaa dhowwadhee jiraadhe,
14 上帝興起,我怎樣行呢? 他察問,我怎樣回答呢?
yeroo Waaqni kaʼutti ani maalan godha? Yoo inni na gaafates ani maalan deebisa?
15 造我在腹中的,不也是造他嗎? 將他與我摶在腹中的豈不是一位嗎?
Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii? Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii?
16 我若不容貧寒人得其所願, 或叫寡婦眼中失望,
“Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe, yookaan yoo ani akka iji haadha hiyyeessaa dadhabu godhee jiraadhe,
17 或獨自吃我一點食物, 孤兒沒有與我同吃; (
yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin kophaa koo nyaadhee jiraadhe,
18 從幼年時孤兒與我同長,好像父子一樣; 我從出母腹就扶助 寡婦。)
ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise; dhaloota kootii jalqabees haadha hiyyeessaa karaa argisiise.
19 我若見人因無衣死亡, 或見窮乏人身無遮蓋;
Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu, yookaan rakkataa uffata of irraa hin qabne tokko argee
20 我若不使他因我羊的毛得暖, 為我祝福;
sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef, yoo garaan isaa na hin eebbisin,
21 我若在城門口見有幫助我的, 舉手攻擊孤兒;
yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee ijoollee abbaa hin qabnetti harka koo ol kaasee jiraadhe,
22 情願我的肩頭從缺盆骨脫落, 我的膀臂從羊矢骨折斷。
irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu; irreen koo buusaa isaatti haa cabu.
23 因上帝降的災禍使我恐懼; 因他的威嚴,我不能妄為。
Ani sababiin dhaʼicha Waaqaa sodaadhee fi sababiin surraa isaa kabajeef waan akkanaa hojjechuu hin dandeenye.
24 我若以黃金為指望, 對精金說:你是我的倚靠;
“Yoo ani warqee abdadhee yookaan warqee qulqulluudhaan, ‘Ati irkoo koo ti’ jedhee jiraadhe,
25 我若因財物豐裕, 因我手多得資財而歡喜;
yoo ani qabeenya koo guddaatti, milkaaʼina harki koo argatetti gammadee jiraadhe,
26 我若見太陽發光, 明月行在空中,
yoo ani aduu iftu argee yookaan jiʼa miidhaginaan deemu ilaalee kabajee,
27 心就暗暗被引誘, 口便親手;
akkasiinis garaan koo dhoksaan gowwoomfamee afaan koo harka koo dhungatee jiraate,
28 這也是審判官當罰的罪孽, 又是我背棄在上的上帝。
wanni kun cubbuu adabamuu qabuu dha; ani Waaqa samiitiif hin amanamne tureetii.
29 我若見恨我的遭報就歡喜, 見他遭災便高興; (
“Yoo ani badiisa diina kootiitti gammadee yookaan rakkina isa irra gaʼeef ililchee jiraadhe,
30 我沒有容口犯罪, 咒詛他的生命;)
ani jireenya isaa abaaruudhaan akka afaan koo cubbuu hojjetu hin eeyyamne.
31 若我帳棚的人未嘗說, 誰不以主人的食物吃飽呢? (
Yoo namoonni mana koo jiraatan, takkumaa, ‘Eenyutu buddeena mana Iyyoob nyaatee hin quufin?’ hin jedhin,
32 從來我沒有容客旅在街上住宿, 卻開門迎接行路的人;)
sababii manni koo karaa deemtuuf banaa tureef, keessummaan kam iyyuu ala hin bulu ture.
33 我若像亞當 遮掩我的過犯, 將罪孽藏在懷中;
Yoo ani akkuma namoonni godhan sana balleessaa koo garaatti qabadhee cubbuu koos dhokfadhee jiraadhe,
34 因懼怕大眾, 又因宗族藐視我使我驚恐, 以致閉口無言,杜門不出;
ani waldaa guddaa sodaadhee yookaan tuffiin gosaa na naasisee, calʼisee gad baʼuu dhiiseeraa?
35 惟願有一位肯聽我! (看哪,在這裏有我所劃的押, 願全能者回答我!)
“Maaloo ani utuu nama na dhagaʼu argadhee! Ani mallattoo falmii koo nan mallatteessa; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu deebii naaf haa kennu; himataan koo dubbii isaa barreeffamaan haa dhiʼeeffatu.
36 願那敵我者所寫的狀詞在我這裏! 我必帶在肩上,又綁在頭上為冠冕。
Dhugumaan ani gatiittii koo irratti waan kana nan baadha; akka gonfoottis mataa irra nan kaaʼadhan ture.
37 我必向他述說我腳步的數目, 必如君王進到他面前。
Tokkoo tokkoo tarkaanfii koo isatti nan hima; akkuma ilma mootiittis isatti nan dhiʼaadhan ture.
38 我若奪取田地,這地向我喊冤, 犂溝一同哭泣;
“Yoo lafti koo natti iyyitee boʼoon ishee hundinuu imimmaaniin jiidhe,
39 我若吃地的出產不給價值, 或叫原主喪命;
yoo ani kaffaltii malee midhaan ishee nyaadhe, yookaan akka hojjettoonni isaa lubbuu isaanii dhaban godhee jiraadhe,
40 願這地長蒺藜代替麥子, 長惡草代替大麥。 約伯的話說完了。
qooda qamadii qoraattiin, qooda garbuus aramaan itti haa biqilu.” Dubbiin Iyyoob xumurame.

< 約伯記 31 >