< 耶利米書 47 >

1 法老攻擊迦薩之先,有耶和華論非利士人的話臨到先知耶利米。
Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:
2 耶和華如此說: 有水從北方發起,成為漲溢的河, 要漲過遍地和其中所有的, 並城和其中所住的。 人必呼喊; 境內的居民都必哀號。
Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira; bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa. Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru, magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala. Uummanni ni booʼa; warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;
3 聽見敵人壯馬蹄跳的響聲 和戰車隆隆、車輪轟轟; 為父的手就發軟, 不回頭看顧兒女。
kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii, girrisa gaariiwwan diinaatii fi qaqawweessa goommaa isaaniitiif. Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan; harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.
4 因為日子將到, 要毀滅一切非利士人, 剪除幫助泰爾、西頓所剩下的人。 原來耶和華必毀滅非利士人, 就是迦斐託海島餘剩的人。
Filisxeemota hunda balleessuuf hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa gargaaruuf hafan hundas balleessuuf guyyaan sun dhufeeraatii. Waaqayyo Filisxeemota, hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.
5 迦薩成了光禿; 平原中所剩的亞實基倫歸於無有。 你用刀劃身,要到幾時呢?
Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti; Ashqaloon ni calʼisti. Yaa hambaa dirree irraa isin hamma yoomiitti of ciccirtu?
6 耶和華的刀劍哪,你到幾時才止息呢? 你要入鞘,安靖不動。
“Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyoo ati hamma yoomiitti hin boqonne? Manʼee keetti deebiʼi; calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.
7 耶和華既吩咐你攻擊亞實基倫和海邊之地, 他已經派定你,焉能止息呢?
Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu, yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fi qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti inni akkamitti boqochuu dandaʼa?”

< 耶利米書 47 >