< 以賽亞書 54 >

1 你這不懷孕、不生養的要歌唱; 你這未曾經過產難的要發聲歌唱,揚聲歡呼; 因為沒有丈夫的比有丈夫的兒女更多。 這是耶和華說的。
“Yaa dubartii dhabduu, kan takkumaa hin daʼin, amma faarfadhu; ati kan takkumaa ciniinsifattee hin beekin iyyii faarfadhu; guddisiitii ililchi. Ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu” jedha Waaqayyo.
2 要擴張你帳幕之地, 張大你居所的幔子,不要限止; 要放長你的繩子, 堅固你的橛子。
“Iddoo dunkaana keetii balʼifadhu; golgaa dunkaana keetii balʼisii diriirsi; walitti hin dachaasin; funyoo kee dheereffadhu; qofoo kees jabeeffadhu.
3 因為你要向左向右開展; 你的後裔必得多國為業, 又使荒涼的城邑有人居住。
Ati gara mirgaattii fi gara bitaatti ni babalʼattaatii; sanyiiwwan kee saboota ni dhaalu; magaalaawwan isaanii kanneen duwwaa hafan keessas ni qubatu.
4 不要懼怕,因你必不致蒙羞; 也不要抱愧,因你必不致受辱。 你必忘記幼年的羞愧, 不再記念你寡居的羞辱。
“Hin sodaatin; ati hin qaanoftuutii. Hin yaaddaʼin; ati hin salphattuutii; Qaanii ijoollummaa keetii ni dagatta; tuffii dhirsi kee sirraa duunaan sirra gaʼes siʼachi hin yaadattu.
5 因為造你的是你的丈夫; 萬軍之耶和華是他的名。 救贖你的是以色列的聖者; 他必稱為全地之上帝。
Uumaan kee dhirsa keeti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha; Qulqullichi Israaʼel Furii kee ti; innis Waaqa guutummaa lafaa jedhama.
6 耶和華召你, 如召被離棄心中憂傷的妻, 就是幼年所娶被棄的妻。 這是你上帝所說的。
Waaqayyo akka waan ati akkuma niitii gatamtee garaan ishee gaddee, akka niitii dargaggeessaa kan jibbamteetti deebisee ofitti si waama” jedha Waaqni kee.
7 我離棄你不過片時, 卻要施大恩將你收回。
“Ani yeroo muraasaafan si dhiise; garuu gara laafina guddaadhaan deebisee sin fida.
8 我的怒氣漲溢, 頃刻之間向你掩面, 卻要以永遠的慈愛憐恤你。 這是耶和華-你的救贖主說的。
Ani dheekkamsa guddaadhaan yeroo muraasaaf fuula koo si dhokfadheen ture; garuu jaalala bara baraatiin, garaa siifin laafa” jedha Waaqayyo Furiin kee.
9 這事在我好像挪亞的洪水。 我怎樣起誓不再使挪亞的洪水漫過遍地, 我也照樣起誓不再向你發怒, 也不斥責你。
“Wanni kun anaaf akkuma bara Nohi, yeroo ani itti bishaan Nohi deebiʼee lafa irra hin garagalu jedhee kakadhe sanaa ti. Kanaafuu ani akkan sitti hin aarre, gonkumaas lammata akkan si hin ifanne kakadheera.
10 大山可以挪開, 小山可以遷移; 但我的慈愛必不離開你; 我平安的約也不遷移。 這是憐恤你的耶和華說的。
Tulluuwwan raafamanii, gaarran buqqifaman iyyuu, jaalalli hin geeddaramne kan ani siif qabu garuu hin raafamu; yookaan kakuun koo kan nagaa hin diigamu” jedha Waaqayyo inni garaa siif laafu sun.
11 你這受困苦、被風飄蕩不得安慰的人哪, 我必以彩色安置你的石頭, 以藍寶石立定你的根基;
“Yaa magaalaa miidhamte kan dambaliidhaan garagalfamtee nama si jajjabeessu dhabde, ani dhagaa gatii guddaatiin si ijaaree sanpeeriidhaanis si hundeessa.
12 又以紅寶石造你的女牆, 以紅玉造你的城門, 以寶石造你四圍的邊界。
Ani fiixee kee lula diimaadhaan, karrawwan kee dooqa calaqqisuun, dallaa kee hunda immoo dhagaawwan gati jabeeyyiidhaan nan ijaara.
13 你的兒女都要受耶和華的教訓; 你的兒女必大享平安。
Waaqayyo ilmaan kee hunda ni barsiisa; nagaan ijoollee keetiis guddaa taʼa.
14 你必因公義得堅立, 必遠離欺壓,不致害怕; 你必遠離驚嚇,驚嚇必不臨近你。
Ati qajeelummaadhaan hundeeffamta; cunqurfamuun sirraa fagaata; wanni si sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. Gooliin sirraa fageeffama; sitti iyyuu hin dhiʼaatu.
15 即或有人聚集,卻不由於我; 凡聚集攻擊你的,必因你仆倒。
Yoo namni tokko iyyuu lola sitti kaase ani keessaa hin qabu; namni lola sitti kaasu kam iyyuu harka sitti kennata.
16 吹噓炭火、打造合用器械的鐵匠是我所造; 殘害人、行毀滅的也是我所造。
“Kunoo, kan tumtuu sibiilaa kan cilee buufee ibidda bobeessee miʼa waraanaa tumee hojii isaatiif mijeessu sana uume anuma. Kan nama waa balleessu tokko akka inni balaa buusuuf uumes anuma;
17 凡為攻擊你造成的器械必不利用; 凡在審判時興起用舌攻擊你的, 你必定他為有罪。 這是耶和華僕人的產業, 是他們從我所得的義。 這是耶和華說的。
meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu; atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta. Kun dhaala tajaajiltoota Waaqayyoo ti; innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha” jedha Waaqayyo.

< 以賽亞書 54 >

A Dove is Sent Forth from the Ark
A Dove is Sent Forth from the Ark