< 以賽亞書 44 >
1 我的僕人雅各, 我所揀選的以色列啊, 現在你當聽。
“Amma garuu yaa Yaaqoob garbicha ko, yaa Israaʼel kan ani si filadhe, dhaggeeffadhu.
2 造作你,又從你出胎造就你, 並要幫助你的耶和華如此說: 我的僕人雅各, 我所揀選的耶書崙哪, 不要害怕!
Waaqayyo inni si uume, kan gadameessa keessatti si tolche, inni si gargaaru sun akkana jedha: Yaa garbicha koo Yaaqoob, yaa Yishuruun kan ani si filadhe hin sodaatin.
3 因為我要將水澆灌口渴的人, 將河澆灌乾旱之地。 我要將我的靈澆灌你的後裔, 將我的福澆灌你的子孫。
Ani lafa dheebote irratti bishaan, lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii; ani ijoollee kee irratti Hafuura koo, sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa.
Isaan akkuma marga bishaan gidduutii fi akka muka alaltuu kan qarqara lagaa jiruutti ni lalisu.
5 這個要說:我是屬耶和華的; 那個要以雅各的名自稱; 又一個要親手寫:歸耶和華的, 並自稱為以色列。
Namni tokko, ‘Ani kan Waaqayyoo ti’ ofiin jedha; kan biraa maqaa Yaaqoobiin of waama; kaan immoo harka isaa irratti, ‘Ani kan Waaqayyoo ti’ jedhee barreeffata; maqaa Israaʼeliinis of waama.
6 耶和華-以色列的君, 以色列的救贖主-萬軍之耶和華如此說: 我是首先的,我是末後的; 除我以外再沒有真神。
“Waaqayyo Mootii fi Furiin Israaʼel Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaatis; ana malee Waaqni biraa hin jiru.
7 自從我設立古時的民, 誰能像我宣告,並且指明,又為自己陳說呢? 讓他將未來的事和必成的事說明。
Yoos kan akka koo eenyu? Mee inni hafuura haa baafatu. Inni waan erga ani saba koo kan durii hundeessee as taʼe, waan hamma ammaatti hin taʼin haa dubbatu; fuula koo durattis haa ibsu; waan gara fuulduraatti taʼu illee duraan dursee haa himu.
8 你們不要恐懼,也不要害怕。 我豈不是從上古就說明指示你們嗎? 並且你們是我的見證! 除我以外,豈有真神嗎? 誠然沒有磐石,我不知道一個!
Hin rifatinaa; hin sodaatinaa. Ani waan kana labsee bara dheeraan dura sitti hin himnee? Isin dhuga baatota koo ti. Ana malee Waaqni biraa jiraa? Lakkii, Kattaan biraa hin jiru; ani tokko iyyuu hin beeku.”
9 製造雕刻偶像的盡都虛空;他們所喜悅的都無益處;他們的見證無所看見,無所知曉,他們便覺羞愧。
Warri waaqota tolfamoo tolchan hundi gatii hin qaban; wanni isaan hawwan faayidaa hin qabu. Warri isaaniif falmanis jaamota; isaan beekumsa hin qaban; kanaafuu ni qaaneffamu.
Eenyutu waaqa tolfamaa fi fakkii homaa isa hin fayyadne tolcha?
11 看哪,他的同伴都必羞愧。工匠也不過是人,任他們聚會,任他們站立,都必懼怕,一同羞愧。
Isaa fi namni akka isaa ni qaaneffama; ogeeyyiin hojii harkaas namootuma malee homaa miti. Isaan hundi walitti qabamanii iddoo tokko haa dhaabatan; isaan ni naʼu; ni salphatus.
12 鐵匠把鐵在火炭中燒熱,用鎚打鐵器,用他有力的膀臂錘成;他飢餓而無力,不喝水而發倦。
Tumtuun meeshaa ittiin waa tumu harkatti qabatee cilee bobaʼu irratti ittiin hojjeta; inni burruusaan waaqa tolfamaa tolcha; irree isaa jabaadhaanis ni miidhagsa. Inni ni beelaʼa; humnas ni dhaba; bishaan hin dhugu; ni gaggabas.
13 木匠拉線,用筆劃出樣子,用鉋子鉋成形狀,用圓尺劃了模樣,仿照人的體態,做成人形,好住在房屋中。
Namni muka soofu funyoodhaan safara cilaattiidhaan mallattoo itti godha; qirixiidhaan qiriixee safartuudhaan mallattoo itti godha. Fakkii namaatiin hojjeta; akka inni galma waaqeffannaa keessa jiraatuufis miidhagina namaa itti tolcha.
14 他砍伐香柏樹,又取柞樹和橡樹,在樹林中選定了一棵。他栽種松樹,得雨長養。
Inni birbirsa mura; gaattiraa yookaan qilxuu filata. Akka inni mukkeen bosonaa keessatti guddatuuf ni dhiisa; yookaan hadheessa dhaaba; bokkaanis isa guddisa.
15 這樹,人可用以燒火;他自己取些烤火,又燒着烤餅,而且做神像跪拜,做雕刻的偶像向它叩拜。
Mukni sun qoraan bobeeffamu taʼa; namni muraasa isaa fudhatee bobeessee qaqqaammata; ibidda qabsiisee buddeena ittiin tolfata. Waaqa sobaas tolfatee waaqeffata; waaqa tolfamaas tolfatee gad jedhee sagadaaf.
16 他把一分燒在火中,把一分烤肉吃飽。自己烤火說:「啊哈,我暖和了,我見火了。」
Gartokkee mukkeen sanaa ni bobeessa; isa irratti nyaata bilcheeffata; foonis irratti waaddatee hamma quufutti nyaata. Ibidda qaqqaammachaas, “Ishoo! Ibiddi natti hoʼe; ibidda nan arga” jedha.
17 他用剩下的做了一神,就是雕刻的偶像。他向這偶像俯伏叩拜,禱告它說:「求你拯救我,因你是我的神。」
Mukkeen hafaniin immoo waaqa sobaa, waaqa isaa tolfamaa tolfata; gad jedhees ni sagadaaf. Isa kadhatees, “Situ Waaqa koo ti; na baraari” jedhaan.
18 他們不知道,也不思想;因為耶和華閉住他們的眼,不能看見,塞住他們的心,不能明白。
Isaan homaa hin beekan; homaa hin hubatanis; akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haguugameera; akka hin hubanneefis qalbiin isaanii cufameera.
19 誰心裏也不醒悟,也沒有知識,沒有聰明,能說:「我曾拿一分在火中燒了,在炭火上烤過餅;我也烤過肉吃。這剩下的,我豈要做可憎的物嗎?我豈可向木墩子叩拜呢?」
Namni tokko iyyuu itti hin yaadu; namni tokko iyyuu akkana jechuuf beekumsa yookaan hubannaa hin qabu; “Ani walakkaa isaa qoraan godhadheera; cilee isaa irratti buddeena tolfadhee foon ittiin waaddadhee nyaadheera. Ani amma waan hafe kanaan waan jibbisiisaa nan hojjedhaa? Ani gad jedhee jirmaaf sagaduu qabaa?”
20 他以灰為食,心中昏迷,使他偏邪,他不能自救,也不能說:「我右手中豈不是有虛謊嗎?」
Inni daaraa nyaata; garaan gowwoomfames karaa irraa isa jalʼiseera; inni of oolchuu yookaan, “Wanni harka koo mirgaa keessa jiru kun soba mitii?” jechuu hin dandaʼu.
21 雅各,以色列啊, 你是我的僕人,要記念這些事。 以色列啊,你是我的僕人, 我造就你必不忘記你。
“Yaa Yaaqoob, ati waan kana yaadadhu; yaa Israaʼel, ati garbicha koo ti. Ani si tolcheera; atis garbicha koo ti; yaa Israaʼel, ani si hin dagadhu.
22 我塗抹了你的過犯,像厚雲消散; 我塗抹了你的罪惡,如薄雲滅沒。 你當歸向我,因我救贖了你。
Ani yakka kee akkuma duumessaa, cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera. Ani si fureeraatii, ati gara kootti deebiʼi.”
23 諸天哪,應當歌唱, 因為耶和華做成這事。 地的深處啊,應當歡呼; 眾山應當發聲歌唱; 樹林和其中所有的樹都當如此! 因為耶和華救贖了雅各, 並要因以色列榮耀自己。
Yaa samiiwwan, Waaqayyo waan kana godheeraatii gammachuudhaan faarfadhaa; yaa qileewwan lafaa, gammachuudhaan iyyaa. Isin yaa tulluuwwan, bosonoonnii fi mukkeen keessan hundi ililchaa; Waaqayyo Yaaqoobin furee Israaʼel keessatti ulfina isaa ibseeraatii.
24 從你出胎,造就你的救贖主-耶和華如此說: 我-耶和華是創造萬物的, 是獨自鋪張諸天、鋪開大地的。 誰與我同在呢?
“Waaqayyo Furiin kee, kan gadameessa keessatti si tolche akkana jedha: Ani Waaqayyo Tolchaan waan hundaa isa samiiwwan diriirse, isa ofuma kootiin lafa illee diriirsee dha;
25 使說假話的兆頭失效, 使占卜的癲狂, 使智慧人退後, 使他的知識變為愚拙;
isa mallattoo raajota sobaa busheessee ilaaltota raatessu, isa ogeeyyii duubatti deebisee beekumsa isaanii faayidaa dhabsiisuu dha;
26 使我僕人的話語立定, 我使者的謀算成就。 論到耶路撒冷說:必有人居住; 論到猶大的城邑說:必被建造, 其中的荒場我也必興起。
isa dubbii garboota isaa mirkaneessee raajii ergamoota isaa fiixaan baasu, isa, ‘Isheen iddoo jireenyaa ni taati’ jedhee waaʼee Yerusaalem dubbate, isa, ‘Isaan ni ijaaramu, diigamaa isaaniis nan haaromsa’ jedhee waaʼee magaalaawwan Yihuudaa dubbatuu dha;
27 對深淵說:你乾了吧! 我也要使你的江河乾涸。
isa tuujubaan, ‘Ati gogi; ani lageen kee nan gogsa’ jedhu,
28 論塞魯士說:他是我的牧人, 必成就我所喜悅的, 必下令建造耶路撒冷, 發命立穩聖殿的根基。
isa Qiirosin, ‘Inni tiksee koo ti; fedhii koo hundas ni raawwata; inni waaʼee Yerusaalem, “Isheen deebifamtee haa ijaaramtu” waaʼee mana qulqullummaa immoo, “Hundeen isaa haa hundeeffamu” jedhee dubbatu sun anuma.’