< 以賽亞書 29 >
1 唉!亞利伊勒,亞利伊勒, 大衛安營的城, 任憑你年上加年, 節期照常周流。
Yaa Ariiʼeel, yaa Ariiʼeel, magaalaa Daawit keessa jiraate, siif wayyoo! Waggaa irratti waggaa dabalaa; ayyaanonni waggaas ittuma haa fufan.
2 我終必使亞利伊勒困難; 她必悲傷哀號, 我卻仍以她為亞利伊勒。
Taʼus ani Ariiʼeelin marsee nan qaba; isheen boossee ni wawwaatti; isheen anaaf akka Ariiʼeel taati.
3 我必四圍安營攻擊你, 屯兵圍困你, 築壘攻擊你。
Ani karaa hundaan naannoo kee nan qubadha; gamoowwaniinis sin marsa; tuullaa biyyoos sitti naannessee nan dhaaba.
4 你必敗落,從地中說話; 你的言語必微細出於塵埃。 你的聲音必像那交鬼者的聲音出於地; 你的言語低低微微出於塵埃。
Ati gad deebifamtee lafa irraa ni dubbatta; haasaan kee biyyoo keessaa guunguma. Sagaleen kee akka sagalee ekeraa lafa keessaa baʼa; haasaan kees biyyoo keessaa hasaasa.
5 你仇敵的群眾,卻要像細塵; 強暴人的群眾,也要像飛糠。 這事必頃刻之間忽然臨到。
Diinonni kee hedduun garuu akka awwaara bullaaʼee, gara jabeeyyiin baayʼeenis akka habaqii bubbeen fudhatee taʼu. Akkuma tasaa utuu hin beekaminis,
6 萬軍之耶和華必用雷轟、地震、大聲、旋風、暴風, 並吞滅的火焰,向她討罪。
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, bakakkaadhaan, sochii lafaatii fi waca guddaadhaan, bubbeedhaan, bubbee hamaa fi arraba ibidda waa fixuutiin ni dhufa.
7 那時,攻擊亞利伊勒列國的群眾, 就是一切攻擊亞利伊勒和她的保障, 並使她困難的, 必如夢景,如夜間的異象;
Ergasii tuunni saboota hundaa kan Ariiʼeeliin lolu, kan ishee fi daʼoo ishee jajjaboo dhaʼee marsee qabu, akkuma abjuu, akkuma mulʼata halkan keessaa taʼa;
8 又必像飢餓的人夢中吃飯, 醒了仍覺腹空; 或像口渴的人夢中喝水, 醒了仍覺發昏,心裏想喝。 攻擊錫安山列國的群眾也必如此。
kunis akkuma namni beelaʼe tokko akka waa nyaachaa jiru abjuudhaan argee yeroo dammaqutti garuu amma illee beela qabu sana, yookaan akkuma namni dheebote tokko akka waa dhugaa jiru abjuudhaan argee yeroo dammaqutti garuu amma illee dheebuudhaan gaggabu sana taʼa. Tuuta saboota hundaa kan Tulluu Xiyoon lolu irrattis akkasuma taʼa.
9 你們等候驚奇吧! 你們宴樂昏迷吧! 他們醉了,卻非因酒; 他們東倒西歪,卻非因濃酒。
Rifadhaa; dinqisiifadhaas; of jaamsaatii nama waa hin argine taʼaa; machaaʼaa; garuu daadhii wayiniitiin hin taʼin; gatantaraa; garuu dhugaatii jabaadhaan hin taʼin.
10 因為耶和華將沉睡的靈澆灌你們, 封閉你們的眼, 蒙蓋你們的頭。 你們的眼就是先知; 你們的頭就是先見。
Waaqayyo hirriba cimaa isinitti buuseera; ija keessan raajota, cufeera; mataa keessan ilaaltootas, haguugeera.
11 所有的默示,你們看如封住的書卷,人將這書卷交給識字的,說:「請念吧!」他說:「我不能念,因為是封住了。」
Mulʼanni kun hundi isiniif dubbii kitaaba maramaa irratti chaappeffame malee homaa miti. Yoo isin kitaaba kana nama dubbisuu dandaʼu tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Sababii kitaabichi chaappeffameef ani dubbisuu hin dandaʼu” jedhee deebisa.
12 又將這書卷交給不識字的人,說:「請念吧!」他說:「我不識字。」
Yookaan yoo isin kitaaba maramaa kana nama dubbisuu hin dandeenye tokkotti kennitanii, “Maaloo mee waan kana dubbisi” jettaniin inni, “Ani akkamitti akkan dubbisu hin beeku” jedhee deebisa.
13 主說:因為這百姓親近我, 用嘴唇尊敬我, 心卻遠離我; 他們敬畏我, 不過是領受人的吩咐。
Gooftaan akkana jedha: “Uummanni kun afaan isaatiin natti dhiʼaata; hidhii isaatiinis na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira. Waaqeffannaan isaan na waaqeffatanis seera namni barsiisu qofaan tolfame.
14 所以,我在這百姓中要行奇妙的事, 就是奇妙又奇妙的事。 他們智慧人的智慧必然消滅, 聰明人的聰明必然隱藏。
Kanaafuu ani amma illee dinqii irratti dinqii dabalee uummata kana nan dinqisiisa; ogummaan nama ogeessaa ni bada; hubannaan hubattootaas ni dhokata.”
15 禍哉!那些向耶和華深藏謀略的, 又在暗中行事,說: 誰看見我們呢? 誰知道我們呢?
Warra karoora isaanii Waaqayyo duraa dhokfachuuf jedhanii qileetti gad buʼaniif, warra hojii isaanii dukkana keessatti hojjetanii, “Eenyutu nu arga? Eenyutu beeka?” jedhanii yaadaniif wayyoo!
16 你們把事顛倒了, 豈可看窯匠如泥嗎? 被製作的物豈可論製作物的說: 他沒有製作我? 或是被創造的物論造物的說: 他沒有聰明?
Kun jalʼina keessan, suphee dhooftuu akka supheetti ilaaltu! Wanni tolchame tokko nama isa tolcheen “Inni na hin tolchine” jedhaa? Okkoteen tokko suphee dhooftuudhaan, “Inni homaa hin beeku” jechuu dandaʼaa?
17 黎巴嫩變為肥田, 肥田看如樹林, 不是只有一點點時候嗎?
Libaanoon yeroo gabaabaa keessatti lafa qotiisaa gabbatte hin taatuu? Lafti qonnaa gabbataan sunis bosona hin fakkaattuu?
18 那時,聾子必聽見這書上的話; 瞎子的眼必從迷矇黑暗中得以看見。
Gaafas duudaan dubbii kitaaba maramaa ni dhagaʼa; iji nama jaamaa dimimmisaa fi dukkana keessatti ni arga.
19 謙卑人必因耶和華增添歡喜; 人間貧窮的必因以色列的聖者快樂。
Namni gad of qabu ammas Waaqayyotti ni gammada; rakkattoonnis Qulqullicha Israaʼel sanaan ni gammadu.
20 因為,強暴人已歸無有, 褻慢人已經滅絕, 一切找機會作孽的都被剪除。
Gara jabeeyyiin ni badu; warri namatti qoosan ni barbadaaʼu; warri hammina hojjechuu jaallatan hundinuu ni balleeffamu;
21 他們在爭訟的事上定無罪的為有罪, 為城門口責備人的設下網羅, 用虛無的事屈枉義人。
warri dubbiin yakkamaa nama godhan, warri namicha mana murtiitti namaaf falmu dura kiyyoo kaaʼanii sobaan dhugaa baʼuudhaan murtii qajeelaa nama yakka hin qabnee jalʼisan ni balleeffamu.
22 所以,救贖亞伯拉罕的耶和華 論雅各家如此說: 雅各必不再羞愧, 面容也不致變色。
Kanaafuu Waaqayyo inni Abrahaamin fure sun mana Yaaqoobiin akkana jedha: “Yaaqoob siʼachi deebiʼee hin qaanaʼu; fuulli isaas siʼachi hin dukkanaaʼu.
23 但他看見他的眾子, 就是我手的工作在他那裏, 他們必尊我的名為聖, 必尊雅各的聖者為聖, 必敬畏以色列的上帝。
Isaan yeroo gidduu isaaniitti ijoollee isaanii hojii harka kootii sana arganitti, maqaa koo ni qulqulleessu; isaan qulqullummaa Qulqullicha Yaaqoob ni beeku; Waaqa Israaʼelis sodaachuudhaan ni jiraatu.
Warri dogoggoran hubannaa ni argatu; warri guungumanis qajeelfama ni fudhatu.”