< 以賽亞書 11 >
1 從耶西的本必發一條; 從他根生的枝子必結果實。
Lataan tokko jirma Isseey irraa ni lata; hidda isaa irraas dameen tokko ija naqata.
2 耶和華的靈必住在他身上, 就是使他有智慧和聰明的靈, 謀略和能力的靈, 知識和敬畏耶和華的靈。
Hafuurri Waaqayyoo, Hafuurri ogummaatii fi hubannaa, Hafuurri gorsaatii fi humnaa, Hafuurri beekumsaatii fi kan Waaqayyoon sodaachuu isa irra qubata;
3 他必以敬畏耶和華為樂; 行審判不憑眼見, 斷是非也不憑耳聞;
inni Waaqayyoon sodaachuutti ni gammada. Inni waanuma iji isaa arguun murtii hin kennu; yookaan waanuma gurra isaatiin dhagaʼuun hin murteessu;
4 卻要以公義審判貧窮人, 以正直判斷世上的謙卑人, 以口中的杖擊打世界, 以嘴裏的氣殺戮惡人。
garuu nama rakkataaf qajeelummaadhaan murteessa; hiyyeeyyii lafa irraatiifis murtii qajeelaadhaan murtii kenna. Inni ulee afaan isaatiin lafa rukuta; hafuura afaan isaatii baʼuun hamoota ni fixa.
Qajeelummaan teepha mudhii isaa ti; amanamummaan immoo sabbata mudhii isaa ti.
6 豺狼必與綿羊羔同居, 豹子與山羊羔同臥; 少壯獅子與牛犢並肥畜同群; 小孩子要牽引牠們。
Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin jiraata; qeerransi ilmoo reʼee bira ciisa; jabbiin, leencii fi horiin gabbataan walii wajjin bobbaʼu; mucaan xinnaan isaan bobbaasa.
7 牛必與熊同食; 牛犢必與小熊同臥; 獅子必吃草,與牛一樣。
Saan amaaketa wajjin soorata; ilmaan isaanii wal cina ciciisu; leencis akka sangaa cidii nyaata.
8 吃奶的孩子必玩耍在虺蛇的洞口; 斷奶的嬰兒必按手在毒蛇的穴上。
Daaʼimni boolla bofaa irra taphata; mucaan xinnaan boolla buutii keessa harka kaaʼa.
9 在我聖山的遍處, 這一切都不傷人,不害物; 因為認識耶和華的知識要充滿遍地, 好像水充滿洋海一般。
Isaan tulluuwwan koo qulqulloota hunda irratti waa hin miidhan yookaan waa hin balleessan; akkuma bishaan galaana guutu sana lafti Waaqayyoon beekuudhaan guutamtiitii.
10 到那日,耶西的根立作萬民的大旗;外邦人必尋求他,他安息之所大有榮耀。
Bara sana keessa hiddi Isseey akkuma faajjiitti uummataaf dhaabata; saboonni gara isaatti walitti qabamu; lafti inni boqotus ulfina qabeessa taʼa.
11 當那日,主必二次伸手救回自己百姓中所餘剩的,就是在亞述、埃及、巴忒羅、古實、以攔、示拿、哈馬,並眾海島所剩下的。
Gaafas Gooftaan yeroo lammaffaaf harka isaa diriirsee Asoor irraa, Gibxi Gadii irraa, Gibxi Olii irraa, Itoophiyaa irraa, Eelaam irraa, Baabilon irraa, Hamaatii fi biyyoota bishaan gidduu galaanaa irraa hambaawwan saba isaa walitti qabata.
12 他必向列國豎立大旗, 招回以色列被趕散的人, 又從地的四方聚集分散的猶大人。
Inni sabootaaf faajjii ol kaasee boojiʼamtoota Israaʼel walitti qaba; inni roga laafaa afran irraa saba Yihuudaa kan bittinnaaʼee ture walitti qaba.
13 以法蓮的嫉妒就必消散; 擾害猶大的必被剪除。 以法蓮必不嫉妒猶大, 猶大也不擾害以法蓮。
Hinaaffaan Efreem ni bada; diinonni Yihuudaas ni barbadeeffamu; Efreem gaafas Yihuudaatti hin hinaafu; yookaan Yihuudaan Efreemitti hin hammaatu.
14 他們要向西飛, 撲在非利士人的肩頭上, 一同擄掠東方人, 伸手按住以東和摩押; 亞捫人也必順服他們。
Isaan karaa lixa biiftuutiin gatiittii Filisxeemitti gad buʼu; tokko taʼaniis uummata baʼa biiftuu saamu. Isaan Edoomii fi Moʼaabin qabatu; warri Amoonis isaan jalatti bulu.
15 耶和華必使埃及海汊枯乾, 掄手用暴熱的風使大河分為七條, 令人過去不致濕腳。
Waaqayyo guutumaan guutuutti, galoo galaana Gibxi ni gogsa; inni bubbee isaa kan nama waxaluun harka isaa laga Efraaxiis irra sochoosa. Akka namoonni kopheen ceʼaniifis inni laga torbatti gargar isa qooda.
16 為主餘剩的百姓, 就是從亞述剩下回來的, 必有一條大道, 如當日以色列從埃及地上來一樣。
Akkuma gaafa isaan Gibxii baʼan Israaʼeliif taʼe sana, hambaa saba isaa kan Asoor irraa hafeef karaan guddaan ni argama.