< 以賽亞書 10 >

1 禍哉!那些設立不義之律例的 和記錄奸詐之判語的,
Warra seera jalʼaa baasan, kanneen labsii cunqursaa labsaniif wayyoo;
2 為要屈枉窮乏人, 奪去我民中困苦人的理, 以寡婦當作擄物, 以孤兒當作掠物。
isaan murtii rakkattootaa jalʼisu; mirga hiyyeeyyii saba koos ni dhiibu; haadhota hiyyeessaa boojuu godhatu; ijoollee abbaa hin qabnes ni saamu.
3 到降罰的日子,有災禍從遠方臨到, 那時,你們怎樣行呢? 你們向誰逃奔求救呢? 你們的榮耀存留何處呢?
Isin yeroo badiisni fagoodhaa dhufu guyyaa adabbiitti maal gootu? Gargaarsa argachuuf eenyutti baqattu? Qabeenya keessan eessatti dhiiftu?
4 他們只得屈身在被擄的人以下, 仆倒在被殺的人以下。 雖然如此,耶和華的怒氣還未轉消; 他的手仍伸不縮。
Warra boojiʼaman jala gugguufuu yookaan warra ajjeefaman jalatti kufuu malee homtuu hin hafu. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
5 亞述是我怒氣的棍, 手中拿我惱恨的杖。
“Asooricha isa ulee aarii kootii taʼeef, isa bokkuun dheekkamsa kootii harka isaa jiruuf wayyoo!
6 我要打發他攻擊褻瀆的國民, 吩咐他攻擊我所惱怒的百姓, 搶財為擄物,奪貨為掠物, 將他們踐踏,像街上的泥土一樣。
Ani akka inni isaan saamuu fi boojiʼuuf akka inni akkuma dhoqqee karaa irraa lafatti isaan dhidhiituuf saba Waaqatti hin bulletti isa nan erga; uummata na aarsuttis isa nan ajaja.
7 然而,他不是這樣的意思; 他心也不這樣打算。 他心裏倒想毀滅, 剪除不少的國。
Garuu kun waan inni yaadu miti; yaadni akkasiis garaa isaa keessa hin jiru; kaayyoon isaa barbadeessuu dha; saba baayʼees fixuu dha.
8 他說:我的臣僕豈不都是王嗎?
Innis akkana jedha; ‘Ajajjoonni koo hundinuu mootota mitii?
9 迦勒挪豈不像迦基米施嗎? 哈馬豈不像亞珥拔嗎? 撒馬利亞豈不像大馬士革嗎?
Kaalnoon akkuma Karkemiish mitii? Hamaati akkuma Arfaad mitii? Samaariyaanis akkuma Damaasqoo mitii?
10 我手已經搆到有偶像的國; 這些國雕刻的偶像 過於耶路撒冷和撒馬利亞的偶像。
Akkuma harki koo mootummoota waaqota tolfamoo kanneen fakkiiwwan soofamoo kan Yerusaalemii fi Samaariyaa caalan qabe sana,
11 我怎樣待撒馬利亞和其中的偶像, 豈不照樣待耶路撒冷和其中的偶像嗎?
ani waanan Samaariyaa fi fakkiiwwan ishee godhe sana Yerusaalemii fi waaqota ishee tolfamoo hin godhuu?’”
12 主在錫安山和耶路撒冷成就他一切工作的時候,主說:「我必罰亞述王自大的心和他高傲眼目的榮耀。」
Gooftaan yeroo Tulluu Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti hojii isaa hunda fixatutti akkana jedha; “Ani sababii of jajuu garaa isaatii fi ilaalcha isaa kan of tuulummaan guutame sanaatiif jedhee mooticha Asoor nan adaba.
13 因為他說: 我所成就的事是靠我手的能力 和我的智慧, 我本有聰明。 我挪移列國的地界, 搶奪他們所積蓄的財寶; 並且我像勇士,使坐寶座的降為卑。
Inni akkana jedhaatii: “‘Ani jabina harka kootiin waan kana hojjedheera; ani sababiin hubannaa qabuuf, ogummaa kootiin hojjedheera. Ani daangaa sabootaa iddoodhaa buqqiseera; qabeenya isaanii illee saameera. Akkuma nama jabaa tokkoo ani mootota isaanii of jala galfadheera.
14 我的手搆到列國的財寶, 好像人搆到鳥窩; 我也得了全地, 好像人拾起所棄的雀蛋。 沒有動翅膀的; 沒有張嘴的,也沒有鳴叫的。
Akkuma namni tokko manʼee simbiraa keessa harka kaaʼu sana anis harka koo qabeenya sabootaa keessa nan kaaʼa; akkuma namoonni hanqaaquu dagatame walitti qaban sana, anis biyya hunda walitti nan qabe; kan qoochoo hurgufate, yookaan wacuuf afaan banate tokko iyyuu hin turre.’”
15 斧豈可向用斧砍木的自誇呢? 鋸豈可向用鋸的自大呢? 好比棍掄起那舉棍的, 好比杖舉起那非木的人。
Qottoon nama ittiin waa murutti ni kooraa? Yookaan wanni ittiin waa muran nama itti fayyadamutti of jajaa? Kunis akka waan uleen tokko nama isa qabatutti of mirmirsuu ti; yookaan akkuma bokkuun tokko akka waan muka hin taʼiniitti ol of guddisuu ti!
16 因此,主-萬軍之耶和華 必使亞述王的肥壯人變為瘦弱, 在他的榮華之下必有火着起, 如同焚燒一樣。
Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, loltoota gagabbatan kanatti dhukkuba nama huqqisu ni erga; ulfina isaa jalaanis ibiddi tokko akkuma arraba ibiddaa ni qabsiifama.
17 以色列的光必如火; 他的聖者必如火焰。 在一日之間,將亞述王的荊棘 和蒺藜焚燒淨盡;
Ifni Israaʼel ibidda, Qulqullichi isaanii sunis arraba ibiddaa taʼa; ibiddi sun guyyuma tokkoon qoraattii isaatii fi sokorruu isaa gubee balleessa.
18 又將他樹林和肥田的榮耀全然燒盡, 好像拿軍旗的昏過去一樣。
Akkuma namni tokko yeroo dhukkubsatu huqqatu sana, ibiddi sun ulfina bosonaa isaatii fi lafa qotiisaa gabbataa, lubbuu fi foonis ni barbadeessa.
19 他林中剩下的樹必稀少, 就是孩子也能寫其數。
Mukkeen bosona isaa keessatti hafan waan akka malee muraasa taʼaniif mucaan tokko galmeessuu ni dandaʼa.
20 到那日,以色列所剩下的和雅各家所逃脫的,不再倚靠那擊打他們的,卻要誠實倚靠耶和華-以色列的聖者。
Bara sana keessa hambaan Israaʼel, mana Yaaqoob keessaa warri hafan, dhugumaan Waaqayyo Qulqullicha Israaʼel abdatu malee lammata isa isaan dhaʼe sana hin abdatan.
21 所剩下的,就是雅各家所剩下的,必歸回全能的上帝。
Hambaan tokko, hambaan Yaaqoob gara Waaqa Jabaa sanaatti ni deebiʼa.
22 以色列啊,你的百姓雖多如海沙,惟有剩下的歸回。原來滅絕的事已定,必有公義施行,如水漲溢。
Yaa Israaʼel, yoo sabni kee akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu, hambaa qofatu deebiʼa. Badiisni qajeelummaadhaan guutame labsameera.
23 因為主-萬軍之耶和華在全地之中必成就所定規的結局。
Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu badiisa lafa hundatti labsame ni raawwata.
24 所以,主-萬軍之耶和華如此說:「住錫安我的百姓啊,亞述王雖然用棍擊打你,又照埃及的樣子舉杖攻擊你,你卻不要怕他。
Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaa saba koo warri Xiyoon keessa jiraattan, warra Asoor kanneen uleedhaan isin rukutan, kanneen akkuma warra Gibxi bokkuu ol isinitti fudhatan hin sodaatinaa.
25 因為還有一點點時候,向你們發的忿恨就要完畢,我的怒氣要向他發作,使他滅亡。
Aariin ani isinitti aare dafee qabbanaaʼa; dheekkamsi koos isaan balleessuuf itti garagala.”
26 萬軍之耶和華要興起鞭來攻擊他,好像在俄立磐石那裏殺戮米甸人一樣。耶和華的杖要向海伸出,把杖舉起,像在埃及一樣。
Waaqayyon Waan Hunda Dandaʼu sun, akkuma kattaa Hereeb biratti Midiyaanin qacceen garafe sana, akkuma biyya Gibxi keessatti godhe sana, ulee isaa bishaan irratti ol fudhata.
27 到那日,亞述王的重擔必離開你的肩頭;他的軛必離開你的頸項;那軛也必因肥壯的緣故撐斷。」
Gaafas baʼaan isaanii gatiittii keessan irraa, waanjoon isaaniis morma keessan irraa fuudhama; waan isin akka malee gabbattaniif waanjoon ni caccaba.
28 亞述王來到亞葉, 經過米磯崙, 在密抹安放輜重。
Isaan gara Ayyati seenan; Migroon keessa baʼan; nyaataa fi hidhata isaaniis Mikmaas keessatti kuuftan.
29 他們過了隘口, 在迦巴住宿。 拉瑪人戰兢; 掃羅的基比亞人逃跑。
Isaan karaa qalʼaa irra baʼanii, “Nu Gebaa qubannee bulla” jedhan. Raamaan ni sodaatti; Gibeʼaan Saaʼolis ni baqatti.
30 迦琳的居民哪,要高聲呼喊! 萊煞人哪,須聽! 哀哉!困苦的亞拿突啊。
Yaa intala Galiim, iyyi! Yaa Laayishaa dhaggeeffadhu! Yaa Anaatoot deebii isheef kenni!
31 瑪得米那人躲避; 基柄的居民逃遁。
Maadmenaan baqataa jirti; uummanni Geebiimis baqachuuf walitti qabama.
32 當那日,亞述王要在挪伯歇兵, 向錫安女子的山- 就是耶路撒冷的山-掄手攻他。
Isaan harʼa Noob gaʼu; isaan tulluu Intala Xiyoonitti, gaara Yerusaalemitti harka isaanii raasu.
33 看哪,主-萬軍之耶和華 以驚嚇削去樹枝; 長高的必被砍下, 高大的必被伐倒。
Kunoo Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, humna guddaadhaan dameewwan murmura; mukkeen gurguddaan ni cicciramu; mukkeen dhedheeroonis gad qabamu.
34 稠密的樹林,他要用鐵器砍下; 黎巴嫩的樹木必被大能者伐倒。
Inni bosona gobbuu qottoodhaan cira; Libaanoonis fuula Waaqa Jabaa duratti kufa.

< 以賽亞書 10 >