< 何西阿書 12 >

1 以法蓮吃風,且追趕東風, 時常增添虛謊和強暴, 與亞述立約,把油送到埃及。
Efreem bubbee nyaata; inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga; sobaa fi gooliis ni baayʼisa. Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.
2 耶和華與猶大爭辯, 必照雅各所行的懲罰他, 按他所做的報應他。
Waaqayyo waan Yihuudaa himatu qaba; inni akkuma amala isaatti Yaaqoobin adaba; akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.
3 他在腹中抓住哥哥的腳跟, 壯年的時候與上帝較力,
Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe; erga guddatee immoo Waaqa wajjin walʼaansoo qabe.
4 與天使較力,並且得勝, 哭泣懇求, 在伯特利遇見耶和華。 耶和華-萬軍之上帝在那裏曉諭我們以色列人; 耶和華是他可記念的名。
Inni ergamaa Waaqaa wajjin walʼaansoo qabee moʼate; booʼees surraa kadhate. Inni Beetʼeelitti isa argatee achitti isa wajjin haasaʼe.
5
Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, maqaan isaa Waaqayyo!
6 所以你當歸向你的上帝, 謹守仁愛、公平,常常等候你的上帝。
Ati garuu Waaqa keetti deebiʼi; jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii yeroo hunda Waaqa kee eeggadhu.
7 以法蓮是商人, 手裏有詭詐的天平,愛行欺騙。
Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu nama gowwoomsuu jaallata.
8 以法蓮說: 我果然成了富足,得了財寶; 我所勞碌得來的, 人必不見有甚麼不義,可算為罪的。
Efreem akkana jedhee boona; “Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera. Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu balleessaa yookaan cubbuu tokko illee narratti argachuu hin dandaʼan.”
9 自從你出埃及地以來, 我就是耶和華-你的上帝; 我必使你再住帳棚,如在大會的日子一樣。
“Ani Waaqayyo Waaqa kee kan biyya Gibxii si baasee dha; ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee kanneen murteeffaman sanaatti deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.
10 我已曉諭眾先知, 並且加增默示, 藉先知設立比喻。
Ani raajotatti dubbadhee mulʼata hedduu kenneefii karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.”
11 基列人沒有罪孽嗎? 他們全然是虛假的。 人在吉甲獻牛犢為祭, 他們的祭壇好像田間犂溝中的亂堆。
Giliʼaad hamaadhaa? Sabni ishee faayidaa hin qabu! Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu? Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa kan qotame irra jiruu ni taʼa.
12 從前雅各逃到亞蘭地, 以色列為得妻服事人, 為得妻與人放羊。
Yaaqoob gara Sooriyaatti baqate; Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile; gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.
13 耶和華藉先知領以色列從埃及上來; 以色列也藉先知而得保存。
Waaqayyo biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf raajiitti fayyadame; inni karuma raajii sanaatiin isa kunuunse.
14 以法蓮大大惹動主怒, 所以他流血的罪必歸在他身上。 主必將那因以法蓮所受的羞辱歸還他。
Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase; Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana isumatti deebisa; arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.

< 何西阿書 12 >