< 創世記 26 >

1 在亞伯拉罕的日子,那地有一次饑荒;這時又有饑荒,以撒就往基拉耳去,到非利士人的王亞比米勒那裏。
Beela isa bara Abrahaam biyyichatti buʼe sana malee beelli biraa tokko ammas biyya sanatti buʼe; Yisihaaqis gara Geraaraa gara Abiimelek mooticha Filisxeem dhaqe.
2 耶和華向以撒顯現,說:「你不要下埃及去,要住在我所指示你的地。
Waaqayyos Yisihaaqitti mulʼatee akkana jedhe; “Biyya ani akka ati keessa jiraattuuf sitti himu keessa jiraadhu malee Gibxitti gad hin buʼin.
3 你寄居在這地,我必與你同在,賜福給你,因為我要將這些地都賜給你和你的後裔。我必堅定我向你父亞伯拉罕所起的誓。
Biyyuma kana jiraadhu; ani si wajjin nan taʼa; sin eebbisas; biyya kana hunda sii fi sanyii keetiif nan kennaatii. Ani kakuun abbaa kee Abrahaamiif kakadhe sana nan guuta.
4 我要加增你的後裔,像天上的星那樣多,又要將這些地都賜給你的後裔。並且地上萬國必因你的後裔得福-
Ani akkuma urjiiwwan samii sanyii kee nan baayʼisa; biyya kana hundas isaaniif nan kenna; saboonni lafa irra jiran hundinuus karaa sanyii keetiitiin eebbifamu.
5 都因亞伯拉罕聽從我的話,遵守我的吩咐和我的命令、律例、法度。」
Kunis waan Abrahaam dubbii koo dhagaʼee fedhii koo, ajaja koo, labsii kootii fi seera koo eegeef.”
6 以撒就住在基拉耳。
Yisihaaqis Geraaraa keessa jiraate.
7 那地方的人問到他的妻子,他便說:「那是我的妹子。」原來他怕說:「是我的妻子」;他心裏想:「恐怕這地方的人為利百加的緣故殺我」,因為她容貌俊美。
Innis yommuu namoonni biyya sanaa waaʼee niitii isaa isa gaafatanitti waan Ribqaan bareedduu taateef, “Namoonni naannoo kanaa sababii isheetiif na ajjeesu taʼa” jedhee yaaduudhaan, “Isheen niitii koo ti” jechuu sodaatee, “Isheen obboleettii koo ti” jedhe.
8 他在那裏住了許久。有一天,非利士人的王亞比米勒從窗戶裏往外觀看,見以撒和他的妻子利百加戲玩。
Erga Yisihaaq yeroo dheeraa achi jiraatee booddee, Abiimelek mootichi Filisxeemii foddaa keessaan gad ilaale; utuu Yisihaaq niitii isaa Ribqaa hooqsuu arge.
9 亞比米勒召了以撒來,對他說:「她實在是你的妻子,你怎麼說她是你的妹子?」以撒說:「我心裏想,恐怕我因她而死。」
Abiimelekis Yisihaaqin ofitti waamee, “Isheen dhugumaan niitii kee ti! Yoos ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jette ree?” jedheen. Yisihaaqis, “Waan ani sababii isheetiif lubbuu koo nan dhaba taʼa jedhee yaadeef” jedhee deebiseef.
10 亞比米勒說:「你向我們做的是甚麼事呢?民中險些有人和你的妻同寢,把我們陷在罪裏。」
Abiimelek immoo, “Wanni ati nutti hojjette kun maali? Utuu namoota kanneen keessaa tokko niitii kee wajjin ciisee jiraatee silaa ati yakka nutti fiddee turte” jedheen.
11 於是亞比米勒曉諭眾民說:「凡沾着這個人,或是他妻子的,定要把他治死。」
Kana irratti Abiimelek, “Namni namicha kana yookaan niitii isaa tuqu kam iyyuu dhugumaan ajjeefamuu qaba” jedhee nama hundaaf ajaja kenne.
12 以撒在那地耕種,那一年有百倍的收成。耶和華賜福給他,
Yisihaaqis biyya sanatti midhaan facaafatee waan Waaqayyo isa eebbiseef baruma sana keessa dachaa dhibba galfate.
13 他就昌大,日增月盛,成了大富戶。
Innis ni hore; hamma akka malee sooromuttis qabeenyi isaa ittuma fufee baayʼate.
14 他有羊群牛群,又有許多僕人,非利士人就嫉妒他。
Innis bushaayee, loowwanii fi hojjettoota hedduu qaba ture; Filisxeemonnis isatti hinaafan.
15 當他父親亞伯拉罕在世的日子,他父親的僕人所挖的井,非利士人全都塞住,填滿了土。
Kanaafuu Filisxeemonni boolla bishaanii hojjettoonni abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotan hundatti biyyoo naqanii duuchan.
16 亞比米勒對以撒說:「你離開我們去吧。因為你比我們強盛得多。」
Abiimelekis Yisihaaqiin, “Ati baayʼee nu caalaa jabaatteertaatii nurraa deemi” jedhe.
17 以撒就離開那裏,在基拉耳谷支搭帳棚,住在那裏。
Yisihaaq achii kaʼee sulula Geraaraa keessa qubatee achi jiraate.
18 當他父親亞伯拉罕在世之日所挖的水井因非利士人在亞伯拉罕死後塞住了,以撒就重新挖出來,仍照他父親所叫的叫那些井的名字。
Yisihaaqis boollawwan bishaanii bara abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotaman kanneen Filisxeemonni erga Abrahaam duʼee booddee duuchan sana deebisee bane; innis maquma abbaan isaa kenneefii ture sanaan isaan waame.
19 以撒的僕人在谷中挖井,便得了一口活水井。
Tajaajiltoonni Yisihaaq sulula sana keessatti lafa qotanii boolla bishaan burquu argatan.
20 基拉耳的牧人與以撒的牧人爭競,說:「這水是我們的。」以撒就給那井起名叫埃色,因為他們和他相爭。
Tiksoonni Geraaraa, “Bishaan kun kan keenya!” jedhanii tiksoota Yisihaaq wajjin wal lolan. Kanaafuu inni sababii wal falmaniif boolla bishaanii sana, “Eeseeq” jedhee moggaase.
21 以撒的僕人又挖了一口井,他們又為這井爭競,因此以撒給這井起名叫西提拿。
Ergasiis boolla bishaanii biraa qotan; isaan garuu boolla bishaanii sana irrattis wal lolan; kana irratti Yisihaaq boolla bishaanii sana “Sixinaa” jedhee moggaase.
22 以撒離開那裏,又挖了一口井,他們不為這井爭競了,他就給那井起名叫利河伯。他說:「耶和華現在給我們寬闊之地,我們必在這地昌盛。」
Innis achii kaʼee iddoo biraa dhaqee boolla bishaanii biraa achitti qote; namni tokko iyyuu isa irratti wal hin lolle. Innis, “Waaqayyo amma iddoo balʼaa nuu kenneera; nu biyyattii keessatti ni baayʼanna” jechuudhaan Rehooboot jedheen.
23 以撒從那裏上別是巴去。
Innis achii kaʼee gara Bersheebaatti ol baʼe.
24 當夜耶和華向他顯現,說:「我是你父親亞伯拉罕的上帝,不要懼怕!因為我與你同在,要賜福給你,並要為我僕人亞伯拉罕的緣故,使你的後裔繁多。」
Waaqayyos halkanuma sana isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa abbaa kee Abrahaam; ani waan si wajjin jiruuf hin sodaatin. Garbicha koo Abrahaamiif jedhees ani sin eebbisa; sanyii kees nan baayʼisa.”
25 以撒就在那裏築了一座壇,求告耶和華的名,並且支搭帳棚;他的僕人便在那裏挖了一口井。
Yisihaaq achitti iddoo aarsaa ijaaree maqaa Waaqayyoo waammate. Dunkaana isaas achi dhaabbate; tajaajiltoonni isaas iddoo sanatti boolla bishaanii qotatan.
26 亞比米勒,同他的朋友亞戶撒和他的軍長非各,從基拉耳來見以撒。
Ergasiis Abiimelek gorsaa isaa Ahuzaatii fi ajajaa loltoota isaa Fiikool wajjin Geraaraadhaa kaʼee gara Yisihaaq dhufe.
27 以撒對他們說:「你們既然恨我,打發我走了,為甚麼到我這裏來呢?」
Yisihaaq immoo, “Isin erga na jibbitanii of biraa na ariitanii maaliif gara koo dhuftan?” isaaniin jedhe.
28 他們說:「我們明明地看見耶和華與你同在,便說,不如我們兩下彼此起誓,彼此立約,
Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu akka Waaqayyo si wajjin jiru ifaan ifatti argineerra; kanaafuu nu, ‘Kakuun walii galtee gidduu keenya jechuunis nuu fi si gidduu jiraachuu qaba’ jenne; mee kottu si wajjin walii galtee godhannaa.
29 使你不害我們,正如我們未曾害你,一味地厚待你,並且打發你平平安安地走。你是蒙耶和華賜福的了。」
Kunis akkuma nu utuu waan gaarii malee waan hamaa sirraan hin gaʼin nagaan of irraa si geggeessine sana akka atis nu hin miineef. Ati amma illee nama Waaqayyo eebbisee dha.”
30 以撒就為他們設擺筵席,他們便吃了喝了。
Yisihaaqis nyaata isaaniif qopheesse; isaanis ni nyaatan; ni dhuganis.
31 他們清早起來彼此起誓。以撒打發他們走,他們就平平安安地離開他走了。
Namoonni sun guyyaa itti aanu ganama barraaqa kaʼanii walii kakatan. Yisihaaqis isaan geggeesse; jarris nagumaan isa biraa deeman.
32 那一天,以撒的僕人來,將挖井的事告訴他說:「我們得了水了。」
Guyyuma sana hojjettoonni Yisihaaq dhufanii waaʼee boolla bishaanii qotan sanaa isaatti himan. Isaanis, “Nu bishaan arganneerra!” jedhan.
33 他就給那井起名叫示巴;因此那城叫做別是巴,直到今日。
Innis boolla bishaanii sana, “Shibeʼaa” jedhee moggaase. Hamma harʼaatti maqaan magaalaa sanaa Bersheebaa jedhama.
34 以掃四十歲的時候娶了赫人比利的女兒猶滴,與赫人以倫的女兒巴實抹為妻。
Esaawu yeroo umuriin isaa waggaa afurtama guuteetti Yoodiiti intala Biʼeer namicha gosa Heeti akkasumas Baasmati intala Eeloon namicha gosa Heeti fuudhe.
35 她們常使以撒和利百加心裏愁煩。
Isaanis Yisihaaqii fi Ribqaa gaddisiisan.

< 創世記 26 >