< 以斯拉記 1 >

1 波斯王塞魯士元年,耶和華為要應驗藉耶利米口所說的話,就激動波斯王塞魯士的心,使他下詔通告全國說:
Waaqayyo akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:
2 「波斯王塞魯士如此說:『耶和華天上的上帝已將天下萬國賜給我,又囑咐我在猶大的耶路撒冷為他建造殿宇。
“Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “‘Waaqayyo Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera.
3 在你們中間凡作他子民的,可以上猶大的耶路撒冷,在耶路撒冷重建耶和華-以色列上帝的殿(只有他是上帝)。願上帝與這人同在。
Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishee Yihuudaa keessaa sanaa ol baʼee mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqa Yerusaalem keessa jiraatu sanaa haa ijaaru.
4 凡剩下的人,無論寄居何處,那地的人要用金銀、財物、牲畜幫助他,另外也要為耶路撒冷上帝的殿甘心獻上禮物。』」
Warra hafanii iddoo kam iyyuu jiraatan hundaaf sabni biyya isaan keessa jiraatan sanaa kennaa fedhiidhaan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaaf kennuu irratti dabalee meetii fi warqee, miʼaa fi horii gumaachuudhaan isa haa gargaaran.’”
5 於是,猶大和便雅憫的族長、祭司、利未人,就是一切被上帝激動他心的人,都起來要上耶路撒冷去建造耶和華的殿。
Ergasii hangafoonni maatii Yihuudaa fi Beniyaam, luboonnii fi Lewwonni jechuunis namoonni Waaqni garaa isaanii kakaase hundi dhaqanii mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana ijaaruuf qophaaʼan.
6 他們四圍的人就拿銀器、金子、財物、牲畜、珍寶幫助他們,另外還有甘心獻的禮物。
Olloonni isaanii hundinuus kennaa fedhiidhaan kennan irratti dabalanii miʼa meetii fi warqee, qodaa fi horii akkasumas kennaawwan gatii guddaa baasan gumaachuudhaan isaan gargaaran.
7 塞魯士王也將耶和華殿的器皿拿出來,這器皿是尼布甲尼撒從耶路撒冷掠來、放在自己神之廟中的。
Kana malees Qiiros Mootichi miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen Nebukadnezar Yerusaalemii guurratee mana Waaqa isaa keessa kaaʼatee ture sana gad ni baase.
8 波斯王塞魯士派庫官米提利達將這器皿拿出來,按數交給猶大的首領設巴薩。
Qiiros mootichi Faares akka Mitredaat itti gaafatamaan qabeenyaa sun miʼa sana fidee Sheeshbazaar bulchaa Yihuudaatiif lakkaaʼu godhe.
9 器皿的數目記在下面:金盤三十個,銀盤一千個,刀二十九把,
Miʼoonni sunis: saanii warqee 30, saanii meetii 1,000, distii meetii 29,
10 金碗三十個,銀碗之次的四百一十個,別樣的器皿一千件。
waciitii warqee 30, waciitii meetii kan qadaada qabu 410, miʼa gosa biraa 1,000.
11 金銀器皿共有五千四百件。被擄的人從巴比倫上耶路撒冷的時候,設巴薩將這一切都帶上來。
Walumaa galatti miʼa warqeetii fi kan meetii 54,000 ture. Sheeshbazaaris miʼoota kanneen hunda yeroo boojiʼamtoota Baabilonii baasee Yerusaalemitti geessetti guuree deeme.

< 以斯拉記 1 >