< 以西結書 8 >
1 第六年六月初五日,我坐在家中;猶大的眾長老坐在我面前。在那裏主耶和華的靈降在我身上。
Waggaa jaʼaffaatti, jiʼa jaʼaffaa keessa guyyaa shanaffaatti, utuu ani mana koo keessa taaʼee, maanguddoonni Yihuudaas fuula koo dura tataaʼanii jiranuu achumatti harki Waaqayyo Gooftaa narra buʼe.
2 我觀看,見有形像彷彿火的形狀,從他腰以下的形狀有火,從他腰以上有光輝的形狀,彷彿光耀的精金。
Anis milʼadhee fakkaattii akka fakkaattii namaa tokko nan arge. Innis waan mudhii isaa fakkaatuu gaditti ibidda fakkaata ture; achii olitti immoo bifti isaa sibiila ibiddaan diimeffamee ifu fakkaata ture.
3 他伸出彷彿一隻手的樣式,抓住我的一綹頭髮,靈就將我舉到天地中間,在上帝的異象中,帶我到耶路撒冷朝北的內院門口,在那裏有觸動主怒偶像的坐位,就是惹動忌邪的。
Innis waan harka fakkaatu tokkoon hiixatee rifeensa mataa kootii qabe. Hafuurris lafaa fi samii gidduutti ol na fuudhee mulʼata Waaqaatiin gara Yerusaalem, gara karra balbala kaabaa kan oobdii gara keessaatti, iddoo waaqni tolfamaan hinaaffaaf nama kakaasu sun dhaabatee jiruutti na geesse.
4 誰知,在那裏有以色列上帝的榮耀,形狀與我在平原所見的一樣。
Ulfinni Waaqa Israaʼel kan ani mulʼataan dirree keessatti argee ture sun achittis fuula koo dura ture.
5 上帝對我說:「人子啊,你舉目向北觀看。」我就舉目向北觀看,見祭壇門的北邊,在門口有這惹忌邪的偶像;
Innis, “Yaa ilma namaa, gara kaabaa ilaali” naan jedhe; anis milʼadhee karaa karra balbala kaabaa kan iddoo aarsaatiin waaqa tolfamaa kan hinaaffaa sana nan arge.
6 又對我說:「人子啊,以色列家所行的,就是在此行這大可憎的事,使我遠離我的聖所,你看見了嗎?你還要看見另有大可憎的事。」
Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, wantoota akka malee jibbisiisoo kanneen akka ani iddoo qulqulluu koo irraa fagaadhu na godhan kan manni Israaʼel asitti gochaa jiru kana ni argitaa? Ati garuu waan waan kana caalaa jibbisiisaa taʼe iyyuu ni argita.”
Ergasii inni gara karra oobdiitti na fide. Anis milʼadhee qaawwa keenyan manaa nan arge.
8 他對我說:「人子啊,你要挖牆。」我一挖牆,見有一門。
Innis, “Yaa ilma namaa, keenyan manaa uri” naan jedhe. Kanaafuu ani keenyan manaa sana uree balbala tokko achitti nan arge.
9 他說:「你進去,看他們在這裏所行可憎的惡事。」
Innis, “Ol seeniitii waan hamaa fi jibbisiisaa isaan asitti hojjechaa jiran kana ilaali” naan jedhe.
10 我進去一看,誰知,在四面牆上畫着各樣爬物和可憎的走獸,並以色列家一切的偶像。
Anis ol seeneen ilaale; kunoo ani gosa uumamawwan lafa irra looʼanii hunda, bineensota jibbisiisoo hundaa fi waaqota tolfamoo mana Israaʼel hunda keenyan manaa hunda irratti fakkeeffamanii nan arge.
11 在這些像前有以色列家的七十個長老站立,沙番的兒子雅撒尼亞也站在其中。各人手拿香爐,煙雲的香氣上騰。
Fuula isaanii duras maanguddoonni mana Israaʼel torbaatamni dhadhaabatanii turan; Yaazaniyaan ilmi Shaafaan immoo gidduu isaanii dhaabatee ture. Tokkoon tokkoon isaaniis harka isaaniitti girgiraa qabatanii turan; duumessi aara ixaanaa urgaaʼaanis ol baʼa ture.
12 他對我說:「人子啊,以色列家的長老暗中在各人畫像屋裏所行的,你看見了嗎?他們常說:『耶和華看不見我們;耶和華已經離棄這地。』」
Innis, “Yaa ilma namaa, waan maanguddoonni mana Israaʼel tokkoon tokkoon isaanii galma waaqeffannaa waaqa isaanii tolfamaa sanaa keessatti dukkana keessa hojjetan argiteertaa? Isaan, ‘Waaqayyo nu hin argu; Waaqayyo biyyattii dhiiseera’ jedhan.”
13 他又說:「你還要看見他們另外行大可憎的事。」
Ammas inni, “Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼan kan isaan hojjetan iyyuu ni argita” jedhe.
14 他領我到耶和華殿外院朝北的門口。誰知,在那裏有婦女坐着,為搭模斯哭泣。
Ergasii gara karra balbala kaabaa kan mana Waaqayyootti na fide; achittis dubartoota tataaʼanii waaqa tolfamaa Tamuuz jedhamuuf booʼaa jiran nan arge.
15 他對我說:「人子啊,你看見了嗎?你還要看見比這更可憎的事。」
Innis, “Yaa ilma namaa, kana argitaa? Ati wantoota kana caalaa jibbisiisoo taʼani iyyuu ni argita” naan jedhe.
16 他又領我到耶和華殿的內院。誰知,在耶和華的殿門口、廊子和祭壇中間,約有二十五個人背向耶和華的殿,面向東方拜日頭。
Ergasii immoo gara oobdii mana Waaqayyoo isa gara keessaatti na fide; achis balbala mana qulqullummaa dura gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduu namoota gara digdamii shaniitu ture. Isaanis dugda isaanii mana qulqullummaa Waaqayyootti, fuula isaanii immoo gara baʼa biiftuutti deebifatanii, gara baʼaatti garagalanii aduuf sagadaa turan.
17 他對我說:「人子啊,你看見了嗎?猶大家在此行這可憎的事還算為小嗎?他們在這地遍行強暴,再三惹我發怒,他們手拿枝條舉向鼻前。
Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati waan kana argitaa? Wantoota jibbisiisoo kanneen asitti hojjechuun isaanii mana Yihuudaatiif laayyoodhaa? Isaan gooliidhaan biyyattii guutanii yeroo hunda aariif na kakaasuu qabuu? Kunoo isaan funyaan isaaniitti damee kaaʼataniiru!
18 因此,我也要以忿怒行事,我眼必不顧惜,也不可憐他們;他們雖向我耳中大聲呼求,我還是不聽。」
Kanaafuu ani dheekkamsaan isaanitti nan dhufa; ija gara laafinaatiinis isaan hin ilaalu yookaan isaan hin baasu. Isaan gurra kootti iyyan iyyuu, ani isaan hin dhagaʼu.”