< 以西結書 38 >

1 耶和華的話臨到我說:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 「人子啊,你要面向瑪各地的歌革,就是羅施、米設、土巴的王發預言攻擊他,
“Yaa ilma namaa, fuula kee gara Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaalii kan biyya Maagoogitti garagalfadhu; isaan mormuudhaanis raajii dubbadhuutii
3 說主耶和華如此說:羅施、米設、土巴的王歌革啊,我與你為敵。
akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Googi, bulchaa hangafticha Meshekii fi Tuubaal, ani sitti kaʼa.
4 我必用鉤子鉤住你的腮頰,調轉你,將你和你的軍兵、馬匹、馬兵帶出來,都披掛整齊,成了大隊,有大小盾牌,各拿刀劍。
Ani duubatti sin deebisa; haʼoo kee keessa hokkoo galchee loltoota kee hunda wajjin, fardeen kee, abbootii fardeenii kee kanneen hidhata waraanaa guutuu hidhatan, waldaa guddaa kanneen gaachana gurguddaa fi xixiqqaa qabatanii fi kanneen hundi isaanii goraadee qabatan wajjin sin baasa.
5 波斯人、古實人,和弗人,各拿盾牌,頭上戴盔;
Faaresi, Itoophiyaa fi Fuuxi kanneen hundi isaanii gaachanaa fi gonfoo sibiilaa qabatan isaan wajjin taʼu;
6 歌篾人和他的軍隊,北方極處的陀迦瑪族和他的軍隊,這許多國的民都同着你。
akkasumas Goomer loltoota ishee hunda wajjin, kaaba fagootii Beet Toogarmaa loltoota ishee hunda wajjin, saboota hedduus sitti dabalee nan baasa.
7 「那聚集到你這裏的各隊都當準備;你自己也要準備,作他們的大帥。
“‘Qophaaʼi; atii fi waldaan si biratti walitti qabame hundi qophaaʼaa; ajajaa isaaniis taʼi.
8 過了多日,你必被差派。到末後之年,你必來到脫離刀劍從列國收回之地,到以色列常久荒涼的山上;但那從列國中招聚出來的必在其上安然居住。
Guyyaa hedduu booddee ati lolaaf ni waamamta. Waggoota fuula duraa keessa ati biyyattii lola irraa dandamatte, kan namoonni ishee saboota baayʼee keessaa tulluuwwan Israaʼel irratti walitti qabaman, kan bara dheeraaf ontee turte sana ni weerarta Isaan saboota keessaa baafamaniiru; amma hundi isaanii nagaadhaan jiraatu.
9 你和你的軍隊,並同着你許多國的民,必如暴風上來,如密雲遮蓋地面。」
Atii fi loltoonni kee hundi, saboonni baayʼeen si wajjin jiranis akka bubbee ol ni baatu; ati akka duumessa biyyattii haguuguu ni taata.
10 主耶和華如此說:「到那時,你心必起意念,圖謀惡計,
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yaadni sammuu keetti ni dhufa; atis hammina ni malatta
11 說:『我要上那無城牆的鄉村,我要到那安靜的民那裏,他們都沒有城牆,無門、無閂,安然居住。
Ati akkana jetta; “Ani biyya gandoonni ishee dallaa hin qabne tokko nan weerara; ani namoota nagaa fi tasgabbiidhaan jiraatan jechuunis warra dallaa, balbalaa fi danqaraawwan hin qabne hunda nan dhaʼa.
12 我去要搶財為擄物,奪貨為掠物,反手攻擊那從前荒涼、現在有人居住之地,又攻擊那住世界中間、從列國招聚、得了牲畜財貨的民。』
Ani nan boojiʼa; nan saamas; namoota saboota keessaa walitti qabamanii iddoowwan diigamanitti deebiʼanii qubatan kanneen horii fi meeshaaleedhaan sooromanii handhuura biyyattii keessa jiraatanitti harka koo nan kaasa.”
13 示巴人、底但人、他施的客商,和其間的少壯獅子都必問你說:『你來要搶財為擄物嗎?你聚集軍隊要奪貨為掠物嗎?要奪取金銀,擄去牲畜、財貨嗎?要搶奪許多財寶為擄物嗎?』
Shebaa fi Dedaan, daldaltoonni Tarshiishii fi gandoonni ishee hundi akkana siin jedhu; “Ati boojiʼuuf dhuftee? Ati saamuuf, meetii fi warqee fudhattee deemuuf, horii fi meeshaalee fudhachuuf, boojuu hedduus qabachuuf tuuta kee walitti qabattee?”’
14 「人子啊,你要因此發預言,對歌革說,主耶和華如此說:到我民以色列安然居住之日,你豈不知道嗎?
“Kanaafuu yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii Googiin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Gaafas yeroo sabni koo Israaʼel nagaan jiraatutti ati waan kana hin qalbeeffattuu?
15 你必從本地,從北方的極處率領許多國的民來,都騎着馬,乃一大隊極多的軍兵。
Ati iddoo kee kan kaaba fagootii ni dhufta; saboonni baayʼeen kanneen hundi isaanii farda yaabbatan, waldaan guddaan, loltoonni jajjaboon si wajjin ni dhufu.
16 歌革啊,你必上來攻擊我的民以色列,如密雲遮蓋地面。末後的日子,我必帶你來攻擊我的地,到我在外邦人眼前,在你身上顯為聖的時候,好叫他們認識我。
Ati akkuma duumessa biyya haguuguutti saba koo Israaʼelitti ni kaata. Yaa Googi, akka saboonni yommuu ani karaa keetiin fuula isaanii duratti qulqullummaa koo argisiisutti na beekaniif, ani bara dhufuuf jiru keessa biyya kootti sin kaasa.
17 主耶和華如此說:我在古時藉我的僕人以色列的先知所說的,就是你嗎?當日他們多年預言我必帶你來攻擊以色列人。」
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Namni ani bara durii karaa tajaajiltoota koo raajonni Israaʼeliin waaʼee isaa dubbadhe sun siʼii mitii? Yeroo sana isaan akka ani isaanitti si kaasu bara dheeraaf ni raajan.
18 主耶和華說:「歌革上來攻擊以色列地的時候,我的怒氣要從鼻孔裏發出。
Gaafas waan kanatu taʼa; yeroo Googi biyya Israaʼel miidhutti aariin koo ni bobaʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
19 我發憤恨和烈怒如火說:那日在以色列地必有大震動,
Yeroo sana Israaʼel keessatti sochiin lafaa guddaan isaa akka taʼu, ani hinaaffaa fi dheekkamsa koo bobaʼaa sanaan nan dubbadha.
20 甚至海中的魚、天空的鳥、田野的獸,並地上的一切昆蟲,和其上的眾人,因見我的面就都震動;山嶺必崩裂,陡巖必塌陷,牆垣都必坍倒。」
Qurxummiin galaanaa, simbirroonni samii, bineensonni dirree, uumamawwan lafa irra munyuuqan, namoonni lafa irra jiraatan hundi argamuu kootti ni hollatu. Tulluuwwan ni jigu; ededni hallayyaa ni fottoqa; dallaan hundis ni jiga.
21 主耶和華說:「我必命我的諸山發刀劍來攻擊歌革;人都要用刀劍殺害弟兄。
Ani tulluuwwan koo hunda irratti Googitti goraadee nan waama, jedha Waaqayyo Gooftaan. Goraadeen nama hundaa obboleessa isaatti ni kaʼa.
22 我必用瘟疫和流血的事刑罰他。我也必將暴雨、大雹與火,並硫磺降與他和他的軍隊,並他所率領的眾民。
Ani adabbii dhaʼichaatii fi dhiiga dhangalaasuu isatti nan mura; isaa fi loltoota isaatti, saboota isa wajjin jiran hedduuttis bokkaa hamaa, cabbii fi dinyii bobaʼu nan roobsa.
23 我必顯為大,顯為聖,在多國人的眼前顯現;他們就知道我是耶和華。」
Kanaanis guddinaa fi qulqullina koo nan argisiisa; fuula saboota baayʼee durattis of nan beeksisa; ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’

< 以西結書 38 >