< 以西結書 28 >

1 耶和華的話又臨到我說:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 「人子啊,你對泰爾君王說,主耶和華如此說: 因你心裏高傲,說:我是神; 我在海中坐神之位。 你雖然居心自比神, 也不過是人,並不是神!
“Yaa ilma namaa, bulchaa Xiiroosiin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati of tuulummaa garaa keetiitiin, “Ani waaqa; ani handhuura galaanaa keessa, teessoo waaqaa irra nan taaʼa” jette. Qaroo akka waaqaa of seetu iyyuu, ati nama malee waaqa miti.
3 看哪,你比但以理更有智慧, 甚麼祕事都不能向你隱藏。
Ati Daaniʼel caalaa ogeessaa? Icciitiin tokko iyyuu si jalaa hin dhokatuu?
4 你靠自己的智慧聰明得了金銀財寶, 收入庫中。
Ati ogummaa fi hubannaa keetiin qabeenya argatteerta; warqee fi meetii mankuusaa kee keessatti kuufatteerta.
5 你靠自己的大智慧和貿易增添資財, 又因資財心裏高傲。
Ati ogummaa guddaa daldala keessatti qabduun qabeenya kee baayʼifatteerta; sababii qabeenya keetiitiif immoo garaan kee of tuulummaadhaan guutameera.
6 所以主耶和華如此說: 因你居心自比神,
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Sababii ati qaroo akka waaqaa of seetuuf,
7 我必使外邦人, 就是列國中的強暴人臨到你這裏; 他們必拔刀砍壞你用智慧得來的美物, 褻瀆你的榮光。
ani namoota biyya ormaa saboota akka malee gara jabeeyyii sitti nan fida; isaan goraadee isaanii miidhagina keetii fi ogummaa keetti luqqifatanii ulfina kee guddaa sana balleessu.
8 他們必使你下坑; 你必死在海中, 與被殺的人一樣。
Isaan boolla keessa si buusu; atis garaa galaanaa keessatti duʼa hamaa duuta.
9 在殺你的人面前你還能說「我是神」嗎? 其實你在殺害你的人手中, 不過是人,並不是神。
Yoos ati fuula warra si ajjeesanii duratti, “Ani waaqa” ni jettaa? Ati harka warra si gorraʼanii keessatti namuma malee waaqa miti.
10 你必死在外邦人手中, 與未受割禮的人一樣, 因為這是主耶和華說的。」
Ati harka namoota biyya ormaatti duʼa nama dhagna hin qabatinii duuta. Ani dubbadheera, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
11 耶和華的話臨到我說:
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
12 「人子啊,你為泰爾王作起哀歌,說主耶和華如此說: 你無所不備, 智慧充足,全然美麗。
“Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiroos faarsii booʼiitii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Ati fakkeenya guutummaa ti; ogummaadhaan guutamteerta; miidhaginaanis hirʼina hin qabdu.
13 你曾在伊甸上帝的園中, 佩戴各樣寶石, 就是紅寶石、紅璧璽、金鋼石、 水蒼玉、紅瑪瑙、碧玉、 藍寶石、綠寶石、紅玉,和黃金; 又有精美的鼓笛在你那裏, 都是在你受造之日預備齊全的。
Ati iddoo biqiltuu Waaqaa, Eeden keessa turte; dhagaawwan gati jabeeyyiin hundi si bareechu; isaanis: lula diimaa, tophaaziyoon, almaazii fi maragdi, kirisooliixoos, sardooniksii fi yaasphiidi, sanpeer, baluurii fi biiralee. Diranni keetii fi faayni kee warqee irraa tolfaman; isaanis guyyaa ati uumamte qopheeffaman.
14 你是那受膏遮掩約櫃的基路伯; 我將你安置在上帝的聖山上; 你在發光如火的寶石中間往來。
Ati Kiirubii waa eegu taatee dibamte; anis kanumaafan si muude. Ati tulluu Waaqaa qulqullicha sana irra jiraatte; dhagaawwan ibiddaa gidduus deddeebite.
15 你從受造之日所行的都完全, 後來在你中間又察出不義。
Ati gaafa uumamtee jalqabdee hamma gaafa hamminni si keessatti argameetti jireenyi kee hirʼina hin qabu ture.
16 因你貿易很多, 就被強暴的事充滿,以致犯罪, 所以我因你褻瀆聖地, 就從上帝的山驅逐你。 遮掩約櫃的基路伯啊, 我已將你從發光如火的寶石中除滅。
Babalʼina daldala keetiitiin gooliidhaan guutamtee cubbuu hojjette. Kanaafuu yaa kiirubii eegumsaa, ani tulluu Waaqaa irraa dhagaawwan ibiddaa gidduudhaa si salphisee ariʼeen si baase.
17 你因美麗心中高傲, 又因榮光敗壞智慧, 我已將你摔倒在地, 使你倒在君王面前, 好叫他們目睹眼見。
Sababii miidhagina keetiitiif, ati koorteerta; sababii ulfina keetiitiif, ogummaa kee balleessite. Kanaafuu ani gara lafaattan si darbadhe; fuula moototaa durattis waan kolfaa si godhe.
18 你因罪孽眾多, 貿易不公, 就褻瀆你那裏的聖所。 故此,我使火從你中間發出,燒滅你, 使你在所有觀看的人眼前變為地上的爐灰。
Ati cubbuu kee hedduu fi shaqqaba daldala keetiitiin iddoowwan kee qulqulluu xureessiteerta. Kanaafuu ani akka ibiddi si keessaa baʼu nan godhe; innis gubee si fixe; anis fuula namoota si ilaalaa turan hundaa duratti lafa irratti daaraan si taasise.
19 各國民中,凡認識你的, 都必為你驚奇。 你令人驚恐, 不再存留於世,直到永遠。」
Saboonni si beekan hundinuu si arganii rifatan; dhumni kee suukaneessaa taʼeera; ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’”
20 耶和華的話臨到我說:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
21 「人子啊,你要向西頓預言攻擊她,
“Yaa ilma namaa, fuula kee Siidoonaatti garagalfadhuutii isheedhaan mormuudhaan raajii dubbadhu;
22 說主耶和華如此說: 西頓哪,我與你為敵, 我必在你中間得榮耀。 我在你中間施行審判、顯為聖的時候, 人就知道我是耶和華。
akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Yaa Siidoonaa, ani sitti kaʼeera; si keessatti ulfina nan argadha. Yeroo ani ishee adabee akka ani qulqulluu taʼe ishee keessatti of argisiisuutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
23 我必使瘟疫進入西頓, 使血流在她街上。 被殺的必在其中仆倒, 四圍有刀劍臨到她, 人就知道我是耶和華。」
Ani dhaʼicha isheetti ergee akka daandii ishee irra dhiigni lolaʼu nan godha. Namoonni goraadee karaa hundaan ishee marseen gorraʼaman ishee keessatti ni harcaʼu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
24 「四圍恨惡以色列家的人,必不再向他們作刺人的荊棘,傷人的蒺藜,人就知道我是主耶和華。」
“‘Sabni Israaʼel siʼachi olloota hamoo akka sokorruu nama waraananii akka qoraattii immoo nama madeessan hin qabaatu. Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beeku.
25 主耶和華如此說:「我將分散在萬民中的以色列家招聚回來,向他們在列邦人眼前顯為聖的時候,他們就在我賜給我僕人雅各之地,仍然居住。
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yeroo ani mana Israaʼel saboota isaan keessa bibittinnaaʼan keessaa walitti qabutti, ani akkan isaan gidduutti qulqulluu taʼe fuula sabootaa duratti of nan argisiisa. Ergasii isaan biyya ofii isaanii kan ani garbicha koo Yaaqoobiif kenne sana keessa ni jiraatu.
26 他們要在這地上安然居住。我向四圍恨惡他們的眾人施行審判以後,他們要蓋造房屋,栽種葡萄園,安然居住,就知道我是耶和華-他們的上帝。」
Isaan nagaadhaan achi jiraatanii manneen ijaarratanii wayiniis dhaabbatu; yeroo ani olloota isaanii kanneen isaan cunqursan adabutti, isaan nagumaan jiraatu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii taʼe ni beeku.’”

< 以西結書 28 >