< 以斯帖記 5 >
1 第三日,以斯帖穿上朝服,進王宮的內院,對殿站立。王在殿裏坐在寶座上,對着殿門。
Guyyaa sadaffaatti Asteer uffata ishee kan mootummaa uffatee dhaqxee oobdii masaraa mootichaa kan gara keessaa irra fuula galma mootichaa dura dhaabatte. Mootichi immoo galma sana keessa gara balbalaatti garagalee teessoo mootummaa isaa irra taaʼee ture.
2 王見王后以斯帖站在院內,就施恩於她,向她伸出手中的金杖;以斯帖便向前摸杖頭。
Mootichis utuu Asteer Mootittiin oobdii keessa dhaabachaa jirtuu argee isheetti gammadee bokkuu warqee kan harkatti qabatee ture sana isheef diriirse. Kanaafuu Asteer itti dhiʼaattee fiixee bokkuu sanaa tuqxe.
3 王對她說:「王后以斯帖啊,你要甚麼?你求甚麼,就是國的一半也必賜給你。」
Mootichi, “Yaa Asteer Mootittii maal siif godhu? Maal barbaadda? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif ni kennama” jedheen.
4 以斯帖說:「王若以為美,就請王帶着哈曼今日赴我所預備的筵席。」
Asteeris, “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, mootichi gara cidha ani isaaf qopheesse sanaa Haamaan wajjin harʼa haa dhufu” jettee deebifteef.
5 王說:「叫哈曼速速照以斯帖的話去行。」於是王帶着哈曼赴以斯帖所預備的筵席。
Mootichis, “Akka waan Asteer jette sana goonuuf dafaatii Hamaa fidaa” jedhe. Kanaafuu mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer qopheessite sanaa dhaqan.
6 在酒席筵前,王又問以斯帖說:「你要甚麼,我必賜給你;你求甚麼,就是國的一半也必為你成就。」
Utuma daadhii wayinii dhuganuu mootichi amma illee akkana jedhee Asteerin gaafate; “Mee wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maali? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif kennama.”
Asteeris akkana jettee deebifteef; “Wanni ani kadhadhuu fi gaaffiin koo kanaa dha:
8 我若在王眼前蒙恩,王若願意賜我所要的,准我所求的,就請王帶着哈曼再赴我所要預備的筵席。明日我必照王所問的說明。」
Yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee mootichis kadhannaa koo fudhatee waan ani isa gaafadhe naaf guutuun isa gammachiise, mootichii fi Haamaan cidha ani isaaniif qopheessu irratti bor haa argaman. Ani ergasii gaaffii mootichaa nan deebisa.”
9 那日哈曼心中快樂,歡歡喜喜地出來;但見末底改在朝門不站起來,連身也不動,就滿心惱怒末底改。
Gaafas Haamaan gammadee itti tolee gad baʼe. Inni garuu karra mootichaa duratti Mordekaayiin argee yommuu akka inni isaaf hin kaʼin yookaan isa hin sodaatin hubatetti Mordekaayiitti akka malee aare.
10 哈曼暫且忍耐回家,叫人請他朋友和他妻子細利斯來。
Taʼu illee Haamaan of qabee mana isaatti gale. Ergasiis michoota isaatii fi niitii isaa Zeresh walitti qabe;
11 哈曼將他富厚的榮耀、眾多的兒女,和王抬舉他使他超乎首領臣僕之上,都述說給他們聽。
Haamaanis qabeenya isaa guddaa sanaan, ilmaan isaa hedduu sanaan akkasumas ulfina mootichi isaaf kenne hundaa fi akkaataa itti mootichi qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaa kaanii olitti isa guddiseen isaanitti of jaje.
12 哈曼又說:「王后以斯帖預備筵席,除了我之外不許別人隨王赴席。明日王后又請我隨王赴席;
Haamaan itti fufee akkana jedhe; “Kana qofa miti; namni Asteer Mootittiin akka mooticha wajjin gara cidha qopheessite sanaa dhufu waamte anuma qofa. Boris akkasuma mooticha wajjin na affeerteerti.
13 只是我見猶大人末底改坐在朝門,雖有這一切榮耀,也與我無益。」
Taʼus wanni kun hundinuu utuu ani Mordekaayi Yihuudicha isaa karra mootichaa dura taaʼu arguu na hin gammachiisu.”
14 他的妻細利斯和他一切的朋友對他說:「不如立一個五丈高的木架,明早求王將末底改掛在其上,然後你可以歡歡喜喜地隨王赴席。」哈曼以這話為美,就叫人做了木架。
Niitiin isaa Zeresh fi michoonni isaa hundinuu, “Muka itti nama fannisan kan dhundhuma shantama ol dheeratu dhaabiitii akka Mordekaayi bor ganama irratti fannifamu mooticha gaafadhu. Ergasiis mooticha wajjin gara cidha sanaa dhaqii gammadi” jedhaniin. Yaadni kun Haamaanin gammachiise; innis muka sana dhaabe.