< 阿摩司書 3 >

1 以色列人哪,你們全家是我從埃及地領上來的,當聽耶和華攻擊你們的話:
Yaa saba Israaʼel, dubbii Waaqayyo isiniin mormuudhaan, maatii ani biyya Gibxii baasee fide hundaan mormuudhaan dubbate kana dhagaʼaa:
2 在地上萬族中,我只認識你們; 因此,我必追討你們的一切罪孽。
“Ani maatiiwwan lafa irra jiraatan hunda keessaa isin qofa filadheera; kanaafuu ani cubbuu keessan hundaaf isinan adaba.”
3 二人若不同心,豈能同行呢?
Yoo walii galan malee namoonni lama wajjin ni deemuu?
4 獅子若非抓食,豈能在林中咆哮呢? 少壯獅子若無所得,豈能從洞中發聲呢?
Leenci tokko yoo waan adamsu hin argatin bosona keessaa ni aadaa? Inni yoo waa qabate malee holqa isaa keessaa ni aadaa?
5 若沒有機檻,雀鳥豈能陷在網羅裏呢? 網羅若無所得,豈能從地上翻起呢?
Simbirri tokko lafa kiyyoon hin kaaʼaminitti kiyyoo keessa ni seentii? Kiyyoon tokko yoo wanni qabamu hin jirre akkasumatti lafaa ni utaalaa?
6 城中若吹角,百姓豈不驚恐呢? 災禍若臨到一城,豈非耶和華所降的嗎?
Yoo magaalaa keessatti malakanni afuufame, namoonni hin raafamanii? Balaan magaalaa tokkotti yoo dhufe, Waaqayyotu waan sana fide mitii?
7 主耶和華若不將奧祕指示他的僕人-眾先知, 就一無所行。
Dhugumaan Waaqayyo Gooftaan utuu tajaajiltoota isaa raajotatti hin mulʼisin waan tokko illee hin hojjetu.
8 獅子吼叫,誰不懼怕呢? 主耶和華發命,誰能不說預言呢?
Leenci aadeera; eenyutu hin sodaanne ree? Waaqayyo Gooftaan dubbateera; yoos eenyutu raajii hin dubbanne ree?
9 要在亞實突的宮殿中 和埃及地的宮殿裏傳揚說: 你們要聚集在撒馬利亞的山上, 就看見城中有何等大的擾亂與欺壓的事。
Daʼannoo Ashdoodiitii fi daʼannoo Gibxitti akkana jedhaa labsaa: “Tulluuwwan Samaariyaa irratti walitti qabamaa; jeequmsa guddaa ishee keessa jiruu fi cunqursaa uummata ishee keessa jiru ilaalaa.”
10 那些以強暴搶奪財物、 積蓄在自己家中的人 不知道行正直的事。 這是耶和華說的。
“Warri daʼannoo isaanii keessatti waan boojiʼamee fi waan saamame kuufatan akka itti waan qajeelaa hojjetan hin beekan” jedha Waaqayyo.
11 所以主耶和華如此說: 敵人必來圍攻這地, 使你的勢力衰微, 搶掠你的家宅。
Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Diinni biyya keessan marsa; jabina keessan gad buusa; daʼannoowwan keessanis ni saama.”
12 耶和華如此說:「牧人怎樣從獅子口中搶回兩條羊腿或半個耳朵,住撒馬利亞的以色列人躺臥在床角上或鋪繡花毯的榻上,他們得救也不過如此。」
Waaqayyo akkana jedha: “Akkuma tikseen tokko lafee miilla lamaanii yookaan fiixee gurraa qofa afaan leencaatii buusu sana, Israaʼeloonni Samaariyaa keessa, qarqara siree isaanii irra, Damaasqoo keessas siree isaanii dinkii irra taaʼan akkasuma ni baraaramu.”
13 主耶和華-萬軍之上帝說: 當聽這話,警戒雅各家。
“Waan kana dhagaʼaatii mana Yaaqoobitti dhugaa baʼaa” jedha Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu.
14 我討以色列罪的日子,也要討伯特利祭壇的罪; 壇角必被砍下,墜落於地。
“Guyyaa ani cubbuu isheetiif jedhee Israaʼelin adabutti, iddoowwan aarsaa Beetʼeel nan barbadeessa; gaanfawwan iddoo aarsaas caccabanii lafatti ni harcaʼu.
15 我要拆毀過冬和過夏的房屋。 象牙的房屋也必毀滅; 高大的房屋都歸無有。 這是耶和華說的。
Ani mana gannaatii fi mana bonaa nan diiga; manneen ilka arbaatiin miidhagfaman ni diigamu; manneen gurguddaanis ni balleeffamu” jedha Waaqayyo.

< 阿摩司書 3 >