< 撒母耳記下 17 >

1 亞希多弗又對押沙龍說:「求你准我挑選一萬二千人,今夜我就起身追趕大衛,
Ahiitofelis Abesaaloomiin akkana jedhe; “Ani namoota kuma kudha lama filadhee halkanuma kana Daawitin nan ariʼa.
2 趁他疲乏手軟,我忽然追上他,使他驚惶;跟隨他的民必都逃跑,我就單殺王一人,
Anis yeroo inni dadhabee laafutti isa nan dhaʼa. Sodaa itti buusee akka namoonni isa wajjin jiran hundis baqatan nan godha. Ani mooticha qofa dhaʼee
3 使眾民都歸順你。你所尋找的人既然死了,眾民就如已經歸順你;這樣,也都平安無事了。」
namoota isaa hundas deebisee sittin fida. Duuti namicha ati barbaaddu sanaa deebiʼuu nama hundaa ti jechuu dha; ergasii namoonni hundinuu nagaan jiraatu.”
4 押沙龍和以色列的長老都以這話為美。
Karoorri kunis Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel hundatti waan gaarii fakkaate.
5 押沙龍說:「要召亞基人戶篩來,我們也要聽他怎樣說。」
Abesaaloom garuu, “Mee Huushaayi namicha gosa Arkii sanas waamaatii waan inni jedhu haa dhageenyu” jedhe.
6 戶篩到了押沙龍面前,押沙龍向他說:「亞希多弗是如此如此說的,我們照着他的話行可以不可以?若不可,你就說吧!」
Abesaaloom yeroo Huushaayi isa bira dhufetti, “Ahiitofel gorsa kana nuu kenneera. Waan inni jedhe kana haa goonuu? Yoo taʼuu baate immoo yaada kee nuu kenni” jedheen.
7 戶篩對押沙龍說:「亞希多弗這次所定的謀不善。」
Huushaayis deebisee Abesaaloomiin akkana jedhe; “Gorsi Ahiitofel kenne yeroo kanatti gaarii miti.
8 戶篩又說:「你知道,你父親和跟隨他的人都是勇士,現在他們心裏惱怒,如同田野丟崽子的母熊一般,而且你父親是個戰士,必不和民一同住宿。
Ati abbaa keetii fi namoota isaa ni beekta; isaan loltootaa fi warra akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamteetti nama sodaachisanii dha. Kana irratti abbaan kee muuxannoo waraanaa guddaa qaba; inni halkan halkan loltoota bira hin bulu.
9 他現今或藏在坑中或在別處,若有人首先被殺,凡聽見的必說:『跟隨押沙龍的民被殺了。』
Amma illee inni holqa keessa yookaan lafa biraa dhokatee jira taʼa. Yoo inni duraan dursee loltoota kee dhaʼe, namni waaʼee kanaa dhagaʼu kam iyyuu, ‘Loltoonni Abesaaloom duuka buʼan ni dhuman’ jedhee odeessa.
10 雖有人膽大如獅子,他的心也必消化;因為以色列人都知道你父親是英雄,跟隨他的人也都是勇士。
Ergasii immoo sababii Israaʼeloonni hundinuu akka abbaan kee nama waraanaa taʼee fi akka warri isa wajjin jiranis jajjaboo taʼan beekaniif loltoonni ciccimoon warri onneen isaanii akka onnee leencaa taʼe sodaadhaan dhuman.
11 依我之計,不如將以色列眾人-從但直到別是巴,如同海邊的沙那樣多-聚集到你這裏來,你也親自率領他們出戰。
“Egaa wanni ani si gorsu kana: Israaʼeloonni lakkoobsi isaanii akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu kanneen Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi si biratti walitti haa qabamaniitii ati isaan dura buʼii lolatti seeni.
12 這樣,我們在何處遇見他,就下到他那裏,如同露水下在地上一般,連他帶跟隨他的人,一個也不留下。
Akkasiin lafa inni jirutti isa dhoofna; akkuma Fixeensi ganamaa lafa irra buʼuttis isa irra buuna. Innis taʼu namoonni isaa tokko iyyuu lubbuun hin hafan.
13 他若進了哪一座城,以色列眾人必帶繩子去,將那城拉到河裏,甚至連一塊小石頭都不剩下。」
Yoo inni gara magaalaa sanaatti baqates, Israaʼeloonni hundinuu funyoo fidanii hamma dhagaan xinnaan tokko hin hafnetti magaalaa sana gara sululaatti harkifna.”
14 押沙龍和以色列眾人說:「亞基人戶篩的計謀比亞希多弗的計謀更好!」這是因耶和華定意破壞亞希多弗的良謀,為要降禍與押沙龍。
Abesaaloomii fi Israaʼeloonni hundinuu, “Gorsa Ahiitofel caalaa gorsa Huushaayi namicha gosa Arkii sanaatu wayya” jedhan. Waaqayyo Abesaaloomitti badiisa fiduuf jedhee gorsa Ahiitofel gaarii sana faayidaa dhabsiiseeraatii.
15 戶篩對祭司撒督和亞比亞他說:「亞希多弗為押沙龍和以色列的長老所定的計謀是如此如此,我所定的計謀是如此如此。
Huushaayiis akkana jedhee Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti hime; “Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee Abesaaloomii fi maanguddoota Israaʼel gorsee ture; ani garuu, ‘Akkanaa fi akkana godhaa’ jedheen isaan gorse.
16 現在你們要急速打發人去,告訴大衛說:『今夜不可住在曠野的渡口,務要過河,免得王和跟隨他的人都被吞滅。』」
Amma gara Daawititti ergamoota ergaatii, ‘Ati halkan kana holqawwan gammoojjii keessa hin bulin; utuu hin turin ceʼii deemi; yoo kanaa achii mootichii fi namoonni isa wajjin jiran hundinuu ni liqimfamtu’ jedhaa itti himaa.”
17 那時,約拿單和亞希瑪斯在隱‧羅結那裏等候,不敢進城,恐怕被人看見。有一個使女出來,將這話告訴他們,他們就去報信給大衛王。
Yeroo sanattis Yoonaataanii fi Ahiimaʼaz iddoo Een Roogeel jedhamu turan. Intalli xomboreen tokko dhaqxee isaanitti himti turte; isaan immoo dhaqanii Daawit mootichatti himu turan; isaan akka yeroo magaalaa seenanitti hin argamneef of eeggachaa turaniitii.
18 然而有一個童子看見他們,就去告訴押沙龍。他們急忙跑到巴戶琳某人的家裏;那人院中有一口井,他們就下到井裏。
Garuu dargaggeessi tokko isaan argee Abesaaloom itti hime. Kanaafuu lamaan isaanii iyyuu dafanii achii baʼanii mana namicha Bahuuriim keessa jiraatu tokkoo seenan. Namichi kunis dallaa isaa keessaa boolla qaba ture; isaanis boolla sana keessa lixan.
19 那家的婦人用蓋蓋上井口,又在上頭鋪上碎麥,事就沒有洩漏。
Niitiin namicha sanaas afaan boollichaa gubbaa waa diriirsitee midhaan achi irra afte. Namni tokko iyyuu waan kana hin beekne.
20 押沙龍的僕人來到那家,問婦人說:「亞希瑪斯和約拿單在哪裏?」婦人說:「他們過了河了。」 僕人找他們,找不着,就回耶路撒冷去了。
Namoonni Abesaaloom yommuu dubartittii bira mana dhufanitti, “Ahiimaʼazii fi Yoonaataan meerre?” jedhanii gaafatan. Dubartittiinis, “Isaan laga ceʼanii deemaniiru” jettee isaaniif deebifte. Jarris barbaadanii isaan dhaban; kanaafuu Yerusaalemitti deebiʼan.
21 他們走後,二人從井裏上來,去告訴大衛王說:「亞希多弗如此如此定計害你,你們務要起來,快快過河。」
Erga namoonni Abesaaloom deemanii booddee Ahiimaʼazii fi Yoonaataan boolla keessaa ol baʼanii Daawit mootichatti himuu dhaqan. Isaanis, “Ammuma kana kaʼiitii laga ceʼi; Ahiitofel, ‘Akkasii fi akkas godhaa’ jedhee sirratti isaan gorseeraa” jedhaniin.
22 於是大衛和跟隨他的人都起來,過約旦河。到了天亮,無一人不過約旦河的。
Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa hundi kaʼanii Yordaanosin ceʼan. Yeroo lafti bariitetti namni utuu Yordaanosin hin ceʼin hafe tokko iyyuu hin turre.
23 亞希多弗見不依從他的計謀,就備上驢,歸回本城;到了家,留下遺言,便吊死了,葬在他父親的墳墓裏。
Ahiitofelis yommuu akka gorsi isaa fudhatama dhabe beeketti harree isaa feʼatee gara magaalaa iddoo mana jireenya isaatti qajeele. Innis erga mana isaa tottolfatee booddee of fannise. Akkasiinis duʼee awwaala abbaa isaa keessatti awwaalame.
24 大衛到了瑪哈念,押沙龍和跟隨他的以色列人也都過了約旦河。
Daawit gara Mahanayiim deeme; Abesaaloom immoo namoota Israaʼel hunda wajjin Yordaanosin ceʼe.
25 押沙龍立亞瑪撒作元帥,代替約押。亞瑪撒是以實瑪利人 以特拉的兒子。以特拉曾與拿轄的女兒亞比該親近;這亞比該與約押的母親洗魯雅是姊妹。
Abesaaloomis Amaasaa qooda Yooʼaab ajajaa loltootaa godhee muude; Amaasaan kun ilma namicha gosa Israaʼel kan Yitraa jedhamu isa Abiigayiil haadha Yooʼaab, obboleettii Zeruuyaa, intala Naaʼaash sana fuudhee ture.
26 押沙龍和以色列人都安營在基列地。
Israaʼeloonnii fi Abesaaloom biyya Giliʼaad keessa qubatan.
27 大衛到了瑪哈念,亞捫族的拉巴人拿轄的兒子朔比,羅‧底巴人亞‧米利的兒子瑪吉,基列的羅基琳人巴西萊,
Yommuu Daawit Mahanayiim gaʼettis, Shoobiin ilmi Naahaash namichi gosa Amoon kan Rabbaadhaa dhufe, Maakiir ilmi Amiiʼeel kan Lodebaarii dhufee fi Barzilaayiin namichi gosa Giliʼaad kan Rogeliimii dhufe
28 帶着被、褥、盆、碗、瓦器、小麥、大麥、麥麵、炒穀、豆子、紅豆、炒豆、
afata, waciitii fi miʼoota suphee irraa hojjetaman fidan. Akkasumas akka isaan nyaataniif qamadii fi garbuu, daakuu fi akaayii, baaqelaa fi misira,
29 蜂蜜、奶油、綿羊、奶餅,供給大衛和跟隨他的人吃;他們說:「民在曠野,必飢渴困乏了。」
dammaa fi itittuu, hoolotaa fi baaduu aannan loon Daawitii fi namoota isaatiif fidan. Isaanis, “Namoonni lafa gammoojjiitti beelaʼaniiru, dadhabaniiru, dheebotaniirus” jedhanii turaniitii.

< 撒母耳記下 17 >