< 列王紀下 6 >
1 先知門徒對以利沙說:「看哪,我們同你所住的地方過於窄小,
Ilmaan raajotaa sun Elsaaʼiin akkana jedhan; “Kunoo, iddoon nu si wajjin wal geenyu nutti dhiphateera.
2 求你容我們往約旦河去,各人從那裏取一根木料建造房屋居住。」他說:「你們去吧!」
Akka nu Yordaanos dhaqnee tokkoon tokkoon keenya muka cirannee iddoo jiraannu achitti ijaarrannuuf nuu eeyyami.” Innis, “Dhaqaa” jedheen.
3 有一人說:「求你與僕人同去。」回答說:「我可以去。」
Isaan keessaa namni tokko, “Maaloo ati nu garboota kee wajjin hin deemtuu?” jedhee gaafate. Elsaaʼi immoo, “Nan deema” jedhee deebise.
4 於是以利沙與他們同去。到了約旦河,就砍伐樹木。
Innis isaan wajjin deeme. Isaan Yordaanos dhaqanii muka cirachuu jalqaban.
5 有一人砍樹的時候,斧頭掉在水裏,他就呼叫說:「哀哉!我主啊,這斧子是借的。」
Isaan keessaa tokko utuu muka muruutti jiruu qottoon muka isaa irraa buqqaʼee bishaan keessa buʼe. Namichi sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa koo; wanni kun waan ergifatamee dha!” jedhee iyye.
6 神人問說:「掉在哪裏了?」他將那地方指給以利沙看。以利沙砍了一根木頭,拋在水裏,斧頭就漂上來了。
Namni Waaqaa sunis “Qottoon eessa buʼe?” jedhee gaafate. Yommuu inni iddoo qottoon sun buʼe isa argisiisetti Elsaaʼi muka xinnaa tokko kutee achi keessa buusee akka sibiilli sun bishaan gubbaa deemu godhe.
Innis, “Ol fudhadhu” jedheen. Namichi sunis harka diriirfatee qottoo isaa fudhate.
8 亞蘭王與以色列人爭戰,和他的臣僕商議說:「我要在某處某處安營。」
Yeroo sanatti mootiin Sooriyaa Israaʼeliin wal lolaa ture. Innis erga ajajjoota loltoota isaatiin mariʼatee booddee, “Ani lafa akkasiitii fi lafa akkasii keessa qubata koo nan dhaabbadha” jedhe.
9 神人打發人去見以色列王,說:「你要謹慎,不要從某處經過,因為亞蘭人從那裏下來了。」
Namni Waaqaa sunis, “Sababii namoonni Sooriyaa achitti gad buʼaa jiraniif ati akka karaa sanaan hin dabarre of eeggadhu” jedhee mootii Israaʼelitti ergaa erge.
10 以色列王差人去窺探神人所告訴所警戒他去的地方,就防備未受其害,不止一兩次。
Kanaafuu mootiin Israaʼel gara iddoo namni Waaqaa sun waaʼee isaa dubbate sanaatti nama ergee ni toʼate. Elsaaʼis akka mootichi iddoowwan akkasii irraa of eeggatu ammumaa amma isa akeekkachiise.
11 亞蘭王因這事心裏驚疑,召了臣僕來,對他們說:「我們這裏有誰幫助以色列王,你們不指給我嗎?」
Wanni kun akka malee mootii Sooriyaa aarse. Innis ajajjoota loltoota isaa walitti waamee, “Isin amma nama nu keessaa mootii Israaʼeliif hojjechaa jiru natti hin himtanii?” jedhee gaafate.
12 有一個臣僕說:「我主,我王!無人幫助他,只有以色列中的先知以利沙,將王在臥房所說的話告訴以色列王了。」
Ajajjoota sana keessaa namni tokko akkana jedhe; “Yaa gooftaa koo mooticha, nu keessaa namni akkasii hin jiru; garuu Elsaaʼi raajicha Israaʼel keessa jiru sanatu dubbii ati diinqa kee keessatti dubbattu hunda mootii Israaʼelitti hima.”
13 王說:「你們去探他在哪裏,我好打發人去捉拿他。」有人告訴王說:「他在多坍。」
Mootichi Sooriyaas, “Akka ani nama itti ergee isa qabsiisuu dandaʼuuf dhaqaatii lafa inni jiru ilaalaa” jedhee ajaje. Oduun, “Inni Dootaan keessa jira” jedhu tokkos isatti himame.
14 王就打發車馬和大軍往那裏去,夜間到了,圍困那城。
Innis ergasii fardeen, gaariiwwanii fi waraana jabaa achitti ni erge. Isaanis halkaniin dhaqanii magaalaa sana marsan.
15 神人的僕人清早起來出去,看見車馬軍兵圍困了城。僕人對神人說:「哀哉!我主啊,我們怎樣行才好呢?」
Yommuu tajaajilaan nama Waaqaa sanaa guyyaa itti aanu ganama bariin gad baʼetti humni waraanaa tokko fardeenii fi gaariiwwaniin magaalaa sana marsee ture. Tajaajilaan sunis, “Wayyoo kaa, yaa gooftaa ko, maal goonu?” jedhee gaafate.
16 神人說:「不要懼怕!與我們同在的比與他們同在的更多。」
Raajiin sun immoo, “Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii” jedhee deebise.
17 以利沙禱告說:「耶和華啊,求你開這少年人的眼目,使他能看見。」耶和華開他的眼目,他就看見滿山有火車火馬圍繞以利沙。
Elsaaʼis, “Yaa Waaqayyo, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif” jedhee kadhate. Waaqayyos ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Elsaaʼitti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge.
18 敵人下到以利沙那裏,以利沙禱告耶和華說:「求你使這些人的眼目昏迷。」耶和華就照以利沙的話,使他們的眼目昏迷。
Diinni sun gara isaatti gad buunaan Elsaaʼi, “Jara kana jaamsi” jedhee Waaqayyoon kadhate. Kanaafuu Waaqni akkuma Elsaaʼi isa kadhate sana isaan jaamse.
19 以利沙對他們說:「這不是那道,也不是那城;你們跟我去,我必領你們到所尋找的人那裏。」於是領他們到了撒馬利亞。
Elsaaʼis, “Karaan sun kana miti; magaalaan sunis kana miti. Amma na duukaa buʼaa; anis nama isin barbaaddanitti isinan geessa” jedheen. Innis akkasiin Samaariyaatti isaan ni geesse.
20 他們進了撒馬利亞,以利沙禱告說:「耶和華啊,求你開這些人的眼目,使他們能看見。」耶和華開他們的眼目,他們就看見了,不料,是在撒馬利亞的城中。
Erga isaan magaalaa sana seenanii booddee Elsaaʼi, “Yaa Waaqayyo akka isaan arguu dandaʼaniif ija jara kanaa baniif” jedhe. Waaqayyos ija isaanii ni baneef; isaanis akka Samaariyaa keessa jiran ni argan.
21 以色列王見了他們,就問以利沙說:「我父啊,我可以擊殺他們嗎?」
Mootiin Israaʼelis isaan arginaan, “Yaa abbaa ko, ani isaan fixuu? Ani isaan fixuu?” jedhee Elsaaʼin ni gaafate.
22 回答說:「不可擊殺他們!就是你用刀用弓擄來的,豈可擊殺他們嗎?當在他們面前設擺飲食,使他們吃喝回到他們的主人那裏。」
Innis akkana jedhee deebise; “Isaan hin fixin; ati namoota boojite goraadee keetiin yookaan xiyya keetiin ni ajjeeftaa? Akka isaan nyaatanii dhuganii gara gooftaa isaaniitti deebiʼaniif nyaataa fi dhugaatii dhiʼeessiif.”
23 王就為他們預備了許多食物;他們吃喝完了,打發他們回到他們主人那裏。從此,亞蘭軍不再犯以色列境了。
Kanaafuu inni cidha guddaa qopheesseefii erga isaan nyaatanii dhuganii booddee of irraa isaan geggeesse; isaanis gara gooftaa isaaniitti deebiʼan. Namoonni Sooriyaas ergasii deebiʼanii biyya Israaʼel hin weerarre.
24 此後,亞蘭王便‧哈達聚集他的全軍,上來圍困撒馬利亞。
Yeroo gabaabaa booddee, Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa loltoota isaa hunda walitti qabatee dhaqee Samaariyaa marse.
25 於是撒馬利亞被圍困,有饑荒,甚至一個驢頭值銀八十舍客勒,二升鴿子糞值銀五舍客勒。
Beela akka malee hamaatu magaalaa sana keessa ture; waan magaalaan sun yeroo dheeraadhaaf marfamteef, mataan harree tokko meetii saqilii saddeettamatti, udaan gugee kiiloon tokko harka afur keessaa harki tokko meetii saqilii shanitti gurgurame.
26 一日,以色列王在城上經過,有一個婦人向他呼叫說:「我主,我王啊!求你幫助。」
Utuu mootiin Israaʼel dallaa dhagaa irraan darbuu dubartiin tokko, “Yaa gooftaa koo mooticha, na gargaari” jettee itti iyyite.
27 王說:「耶和華不幫助你,我從何處幫助你?是從禾場,是從酒醡呢?」
Mootichi immoo akkana jedhee deebiseef; “Yoo Waaqayyo si hin gargaarin ani eessaan gargaarsa siif arga? Oobdii midhaanii irraa moo? Iddoo wayinii itti cuunfan irraa?”
28 王問婦人說:「你有甚麼苦處?」她回答說:「這婦人對我說:『將你的兒子取來,我們今日可以吃,明日可以吃我的兒子。』
Ergasii, “Rakkoon kee maal?” jedhee ishee gaafate. Isheenis akkana jettee deebifteef; “Dubartiin kun, ‘Akka nu harʼa isa nyaannuuf mucaa kee nuu kenni; bor immoo mucaa koo nyaannaatii’ naan jette.
29 我們就煮了我的兒子吃了。次日我對她說:『要將你的兒子取來,我們可以吃。』她卻將她的兒子藏起來了。」
Kanaaf nu mucaa koo bilcheeffannee nyaanne. Guyyaa itti aanutti immoo ani, ‘Akka nu isa nyaannuuf mucaa kee nuuf kenni’ jedheen. Isheen garuu mucaa ishee ni dhokfatte.”
30 王聽見婦人的話,就撕裂衣服;(王在城上經過)百姓看見王貼身穿着麻衣。
Mootichi yommuu dubbii dubartii sanaa dhagaʼetti uffata isaa tarsaase. Utuu inni dallaa dhagaa irraan darbaa jiruu namoonni akka inni dhagna isaatti aansee wayyaa gaddaa uffatee jiru argan.
31 王說:「我今日若容沙法的兒子以利沙的頭仍在他項上,願上帝重重地降罰與我!」
Innis, “Yoo mataan Elsaaʼi ilma Shaafaax, edana isa irra bule, Waaqni na haa adabu; adabbiin sunis akka malee natti haa cimuu!” jedhe.
32 那時,以利沙正坐在家中,長老也與他同坐。王打發一個伺候他的人去;他還沒有到,以利沙對長老說:「你們看這兇手之子,打發人來斬我的頭;你們看着使者來到,就關上門,用門將他推出去。在他後頭不是有他主人腳步的響聲嗎?」
Yeroo kanatti Elsaaʼi mana isaa keessa taaʼaa ture; maanguddoonnis isa wajjin tataaʼaa turan. Mootichi ergamaa tokko of dura erge; garuu utuu ergamaan sun hin dhufinuu Elsaaʼi maanguddootaan akkana jedhe; “Isin akka namichi nama ajjeesu kun mataa narraa kutuuf nama erge argituu? Kunoo yoo ergamaan sun dhufe balbala cufaatii ol seenuu dhowwaa. Kotteen gooftaa isaa isa duubaan dhagaʼamaa jira mitii?”
33 正說話的時候,使者來到,王也到了,說:「這災禍是從耶和華那裏來的,我何必再仰望耶和華呢?」
Utuma inni amma iyyuu isaan wajjin haasaʼaa jiruu, ergamaan sun gara isaa dhufe. Mootichis, “Balaan kun Waaqayyo biraa dhufe. Ani siʼachi maaliifin Waaqayyoon eega?” jedhe.