< 列王紀下 20 >

1 那時,希西家病得要死。亞摩斯的兒子先知以賽亞去見他,對他說:「耶和華如此說:『你當留遺命與你的家,因為你必死,不能活了。』」
Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii’” jedheen.
2 希西家就轉臉朝牆,禱告耶和華說:
Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate;
3 「耶和華啊,求你記念我在你面前怎樣存完全的心,按誠實行事,又做你眼中所看為善的。」希西家就痛哭了。
“Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
4 以賽亞出來,還沒有到中院,耶和華的話就臨到他,說:
Utuu Isaayyaas oobdii gara gidduu jiru sana keessaa hin baʼin dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe;
5 「你回去告訴我民的君希西家說:耶和華-你祖大衛的上帝如此說:『我聽見了你的禱告,看見了你的眼淚,我必醫治你;到第三日,你必上到耶和華的殿。
“Deebiʼii dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaas hoogganaa saba kootiitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani sin fayyisa. Ati ammaa jalqabdee guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baata.
6 我必加增你十五年的壽數,並且我要救你和這城脫離亞述王的手。我為自己和我僕人大衛的緣故,必保護這城。』」
Ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani sababii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.’”
7 以賽亞說:「當取一塊無花果餅來。」人就取了來,貼在瘡上,王便痊癒了。
Kana irratti Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaa” jedhe. Isaanis qopheessanii dhullaa isaa irra kaaʼaniif; innis ni fayye.
8 希西家問以賽亞說:「耶和華必醫治我,到第三日,我能上耶和華的殿,有甚麼兆頭呢?」
Hisqiyaasis, “Akka Waaqayyo na fayyisuu fi akka ani guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee Isaayyaasin gaafate.
9 以賽亞說:「耶和華必成就他所說的。這是他給你的兆頭:你要日影向前進十度呢?是要往後退十度呢?」
Isaayyaasis akkana jedhee deebise; “Akka Waaqayyo waan waadaa gale sana hojjetuuf mallattoon Waaqayyo siif kennu kunoo kanaa dha; gaaddidduun tokko tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti haa deemuu moo yookaan tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti haa deebiʼuu?”
10 希西家回答說:「日影向前進十度容易,我要日影往後退十度。」
Hisqiyaas immoo, “Tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti deemuun gaaddidduu tokkoof waan salphaa dha; qooda kanaa akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhi” jedhe.
11 先知以賽亞求告耶和華,耶和華就使亞哈斯的日晷向前進的日影,往後退了十度。
Kana irratti Isaayyaas raajichi iyyee Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gulantaa Aahaaz irra gara fuula duraatti deemee ture sana irraa tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhe.
12 那時,巴比倫王巴拉但的兒子米羅達‧巴拉但聽見希西家病而痊癒,就送書信和禮物給他。
Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsate dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef.
13 希西家聽從使者的話,就把他寶庫的金子、銀子、香料、貴重的膏油,和他武庫的一切軍器,並他所有的財寶,都給他們看。他家中和他全國之內,希西家沒有一樣不給他們看的。
Hisqiyaasis ergamoota sana simatee waan mankuusa isaa keessa ture hunda jechuunis meetii, warqee, urgooftuu fi zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.
14 於是先知以賽亞來見希西家王,問他說:「這些人說甚麼?他們從哪裏來見你?」希西家說:「他們從遠方的巴比倫來。」
Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate. Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa dhufan” jedhee deebise.
15 以賽亞說:「他們在你家裏看見了甚麼?」希西家說:「凡我家中所有的,他們都看見了;我財寶中沒有一樣不給他們看的。」
Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate. Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan. Wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen.
16 以賽亞對希西家說:「你要聽耶和華的話,
Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi:
17 日子必到,凡你家裏所有的,並你列祖積蓄到如今的,都要被擄到巴比倫去,不留下一樣。這是耶和華說的。
Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo.
18 並且從你本身所生的眾子,其中必有被擄去在巴比倫王宮裏當太監的。」
Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.”
19 希西家對以賽亞說:「你所說耶和華的話甚好!若在我的年日中有太平和穩固的景況,豈不是好嗎?」
Hisqiyaasis, “Dubbiin Waaqayyoo kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin hin jiraatuu?” jedhee yaadee tureetii.
20 希西家其餘的事和他的勇力,他怎樣挖池、挖溝、引水入城,都寫在猶大列王記上。
Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa, jabinni isaa hundii fi akki inni itti haroo fi ujummoo ittiin bishaan harkisanii gara magaalaatti fidan hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
21 希西家與他列祖同睡。他兒子瑪拿西接續他作王。
Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

< 列王紀下 20 >