< 歷代志下 1 >
1 大衛的兒子所羅門國位堅固;耶和華-他的上帝與他同在,使他甚為尊大。
Sababii Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin turee fi sababii inni akka malee guddaa isa godheef Solomoon ilmi Daawit jabaatee mootummaa isaa irra bule.
2 所羅門吩咐以色列眾人,就是千夫長、百夫長、審判官、首領與族長都來。
Ergasiis Solomoon Israaʼeloota hundatti, ajajjoota kumaatti, ajajjoota dhibbaatti, abbootii murtiitti, hooggantoota Israaʼel hundattii fi hangafoota abbootiitti dubbate;
3 所羅門和會眾都往基遍的邱壇去,因那裏有上帝的會幕,就是耶和華僕人摩西在曠野所製造的。
sababii dunkaanni wal gaʼii kan Waaqaa inni Museen garbichi Waaqayyoo sun gammoojjii keessatti hojjete achi tureef Solomoonii fi yaaʼiin guutuun gara iddoo sagadaa kan gaara irraa kan Gibeʼoon jiru sanaa ni dhaqan.
4 只是上帝的約櫃,大衛已經從基列‧耶琳搬到他所預備的地方,因他曾在耶路撒冷為約櫃支搭了帳幕,
Daawitis taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii gara iddoo qopheesseef sanaatti ni fide; inni Yerusaalem keessatti dunkaana dhaabeefii tureetii.
5 並且戶珥的孫子、烏利的兒子比撒列所造的銅壇也在基遍耶和華的會幕前。所羅門和會眾都就近壇前。
Garuu iddoon aarsaa kan Bezaliʼeel ilmi Uuri, ilmi Huuri naasii irraa hojjete sun fuula dunkaana qulqulluu Waaqayyoo sanaa dura ture; kanaafuu Solomoonii fi yaaʼiin sun achitti Waaqa kadhatan.
6 所羅門上到耶和華面前會幕的銅壇那裏,獻一千犧牲為燔祭。
Solomoonis gara iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dunkaana wal gaʼii keessa fuula Waaqayyoo dura jiru sanaatti ol baʼee aarsaa gubamu 1,000 achi irratti ni dhiʼeesse.
7 當夜,上帝向所羅門顯現,對他說:「你願我賜你甚麼,你可以求。」
Waaqnis halkan sana Solomoonitti mulʼatee, “Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu” jedheen.
8 所羅門對上帝說:「你曾向我父大衛大施慈愛,使我接續他作王。
Solomoon immoo akkana jedhee Waaqaaf deebise; “Ati abbaa koo Daawitiif arjummaa guddaa goote; anas iddoo isaa buuftee mootii gooteerta.
9 耶和華上帝啊,現在求你成就向我父大衛所應許的話;因你立我作這民的王,他們如同地上塵沙那樣多。
Egaa yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, abdiin ati abbaa koo Daawitiif kennite sun fiixaan haa baʼu; ati saba akka biyyoo lafaa baayʼatu irratti mootii na gooteertaatii.
10 求你賜我智慧聰明,我好在這民前出入;不然,誰能判斷這眾多的民呢?」
Akka ani saba kana hoogganuuf ogummaa fi beekumsa naaf kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?”
11 上帝對所羅門說:「我已立你作我民的王。你既有這心意,並不求資財、豐富、尊榮,也不求滅絕那恨你之人的性命,又不求大壽數,只求智慧聰明好判斷我的民;
Waaqnis Solomooniin akkana jedhe; “Sababii wanni kun fedhii garaa keetii taʼee atis qabeenya, badhaadhummaa yookaan ulfina yookaan akka diinonni kee dhuman hin kadhatinii fi sababii ati bara dheeraa jiraachuuf utuu hin taʼin saba koo kan ani irratti mootii si godhe bulchuuf jettee ogummaa fi beekumsa kadhatteef,
12 我必賜你智慧聰明,也必賜你資財、豐富、尊榮。在你以前的列王都沒有這樣,在你以後也必沒有這樣的。」
ogummaa fi beekumsi siif ni kennama. Ani qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina mootonni si duraan turan tokko iyyuu takkumaa hin qabaatin yookaan kan mootonni siin duubaa tokko iyyuu hin qabaanne siifin kenna.”
13 於是,所羅門從基遍邱壇會幕前回到耶路撒冷,治理以色列人。
Solomoon ergasii iddoo sagadaa kan Gibeʼoon keessaa sanaa, fuula dunkaana wal gaʼii duraa kaʼee Yerusaalem dhaqe. Innis Israaʼel irratti mootii taʼe.
14 所羅門聚集戰車馬兵,有戰車一千四百輛,馬兵一萬二千名,安置在屯車的城邑和耶路撒冷,就是王那裏。
Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate.
15 王在耶路撒冷使金銀多如石頭,香柏木多如高原的桑樹。
Mootichi akka meetii fi warqeen Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe.
16 所羅門的馬是從埃及帶來的,是王的商人一群一群按着定價買來的。
Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite.
17 他們從埃及買來的車,每輛價銀六百舍客勒,馬每匹一百五十舍客勒。赫人諸王和亞蘭諸王所買的車馬,也是按這價值經他們手買來的。
Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan.