< 歷代志下 8 >

1 所羅門建造耶和華殿和王宮,二十年才完畢了。
Dhuma waggaa digdamaatti yeroo itti Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi mana ofii isaa ijaaretti,
2 以後所羅門重新修築希蘭送給他的那些城邑,使以色列人住在那裏。
Solomoon gandoota Huuraam isaaf kennee ture sana haaromsee ijaaree Israaʼeloota achi keessa ni qubachiise.
3 所羅門往哈馬瑣巴去,攻取了那地方。
Ergasii immoo Solomoon Hamaati Zoobaatti duulee ishee ni qabate.
4 所羅門建造曠野裏的達莫,又建造哈馬所有的積貨城,
Akkasumas gammoojjii keessatti Tadmoorii fi magaalaawwan waa itti kuusan kanneen duraan Hamaatitti ijaaree ture hunda ni ijaare.
5 又建造上伯‧和崙、下伯‧和崙作為保障,都有牆,有門,有閂;
Beet Horoon oliitii fi Beet Horoon gadii magaalaawwan daʼannoo godhee dallaa dhagaa, balbalawwanii fi danqaraawwan ittiin cufan itti tolche;
6 又建造巴拉和所有的積貨城,並屯車輛馬兵的城,與耶路撒冷、黎巴嫩,以及自己治理的全國中所願意建造的。
kana malees Baaʼilaatii fi magaalaawwan isaa kanneen waa itti kuusan hunda, magaalaawwan gaariiwwan isaatii fi magaalaawwan fardeen isaa hunda, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare.
7 至於國中所剩下不屬以色列人的赫人、亞摩利人、比利洗人、希未人、耶布斯人,
Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin jechuunis Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira.
8 就是以色列人未曾滅絕的,所羅門挑取他們的後裔作服苦的奴僕,直到今日。
Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni hin barbadeessin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise.
9 惟有以色列人,所羅門不使他們當奴僕做工,乃是作他的戰士、軍長的統領、車兵長、馬兵長。
Solomoon garuu hojii isaatiif jedhee Israaʼeloota hin garboomsine; isaan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaa turan.
10 所羅門王有二百五十督工的,監管工人。
Isaan akkasumas qondaaltota Solomoon Mootichaa kanneen nama hojjechiisan dhibba lamaa fi shantaman keessaa qondaaltota hangafoota turan.
11 所羅門將法老的女兒帶出大衛城,上到為她建造的宮裏;因所羅門說:「耶和華約櫃所到之處都為聖地,所以我的妻不可住在以色列王大衛的宮裏。」
Solomoonis, “Sababii iddoon taabonni Waaqayyoo seene hundi qulqulluu taʼeef, niitiin koo masaraa mootummaa Daawit Mooticha Israaʼel keessa jiraachuu hin qabdu” jedhee intala Faraʼoon sana magaalaa Daawit keessaa baasee gara mana isheef ijaare sanaatti ni fide.
12 所羅門在耶和華的壇上,就是在廊子前他所築的壇上,與耶和華獻燔祭;
Solomoon iddoo aarsaa kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo duratti ijaare sana irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof ni dhiʼeesse;
13 又遵着摩西的吩咐在安息日、月朔,並一年三節,就是除酵節、七七節、住棚節,獻每日所當獻的祭。
kanas akkuma seera waaʼee aarsaa kan guyyaa guyyaa kan Museen Sanbataaf, Ayyaana Baatii Haaraa fi ayyaanota waggaa keessaa sadaniif jechuunis Ayyaana Maxinoo, Ayyaana Torbanootaa fi Ayyaana Daasiif kenne sanaatti ni dhiʼeesse.
14 所羅門照着他父大衛所定的例,派定祭司的班次,使他們各供己事,又使利未人各盡其職,讚美耶和華,在祭司面前做每日所當做的;又派守門的按着班次看守各門,因為神人大衛是這樣吩咐的。
Innis akkuma seera abbaa isaa Daawititti gareewwan lubootaa hojii isaaniitti, Lewwota immoo akka isaan akkuma seera guyyaa guyyaatti tajaajila galataa kennanii fi akka isaan hojii lubootaa gargaaraniif filate. Akkasumas tokkoo tokkoo karraatti garee eegdota karraa ni ramade; Daawit namni Waaqaa sun waan kana ajajeetii.
15 王所吩咐眾祭司和利未人的,無論是管府庫或辦別的事,他們都不違背。
Isaanis waan mootichi waaʼee mankuusaa fi waaʼee waan biraa irratti lubootaa fi Lewwota ajaje irraa hin jalʼanne.
16 所羅門建造耶和華的殿,從立根基直到成功的日子,工料俱備。這樣,耶和華的殿全然完畢。
Hojiin Solomoon hundi gaafa hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufamee jalqabee hamma dhuma manichaatti haala tolaadhaan hojjetame. Akkasiinis manni qulqullummaa Waaqayyoo ni xumurame.
17 那時,所羅門往以東地靠海的以旬‧迦別和以祿去。
Ergasii Solomoon gara magaalaawwan Eziyoon Geberii fi Eelooti kanneen biyya Edoom keessa qarqara galaanaatti argaman sanaa dhaqe.
18 希蘭差遣他的臣僕,將船隻和熟悉泛海的僕人送到所羅門那裏。他們同着所羅門的僕人到了俄斐,得了四百五十他連得金子,運到所羅門王那裏。
Huuraamis dooniiwwan ajajjoonni ofii isaa kanneen galaanicha beekan ajajan ergeef. Isaanis namoota Solomoon wajjin dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii dhibba afurii fi shantama fidanii Solomoon Mootichatti kennan.

< 歷代志下 8 >