< 歷代志下 34 >

1 約西亞登基的時候年八歲,在耶路撒冷作王三十一年。
Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche.
2 他行耶和華眼中看為正的事,效法他祖大衛所行的,不偏左右。
Inni fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme.
3 他作王第八年,尚且年幼,就尋求他祖大衛的上帝。到了十二年才潔淨猶大和耶路撒冷,除掉邱壇、木偶、雕刻的像,和鑄造的像。
Inni mootii taʼee waggaa saddeettaffaatti utuma umurii dargaggummaa keessa jiruu Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaduu jalqabe. Waggaa kudha lammaffaatti immoo Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan baqfamanii tolfaman ni balleesse.
4 眾人在他面前拆毀巴力的壇,砍斷壇上高高的日像,又把木偶和雕刻的像,並鑄造的像打碎成灰,撒在祭偶像人的墳上,
Qajeelfama isaatiinis iddoowwan aarsaa Baʼaal diigaman; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen achi irra turan caccabsee siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan hurreesse. Wantoota kanneenis daakee bulleessee awwaala warra isaaniif aarsaa dhiʼeessaa turanii irratti bittinneesse.
5 將他們祭司的骸骨燒在壇上,潔淨了猶大和耶路撒冷;
Lafee lubootaas iddoowwan aarsaa isaanii irratti guggube. Haala kanaanis Yihuudaa fi Yerusaalemin qulqulleesse.
6 又在瑪拿西、以法蓮、西緬、拿弗他利各城,和四圍破壞之處,都這樣行;
Magaalaawwan Minaasee, kan Efreemii fi Simiʼoon kanneen hamma Niftaalemitti jiranii fi akkasumas diigamaa naannoowwan isaanii keessatti
7 又拆毀祭壇,把木偶和雕刻的像打碎成灰,砍斷以色列遍地所有的日像,就回耶路撒冷去了。
iddoowwan aarsaa fi siidaawwan Aasheeraa ni jijjigse; waaqota tolfamoo daaraa godhe; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen guutummaa Israaʼel keessa jiran hundas ni caccabse. Ergasiis Yerusaalemitti deebiʼe.
8 約西亞王十八年,淨地淨殿之後,就差遣亞薩利雅的兒子沙番、邑宰瑪西雅、約哈斯的兒子史官約亞去修理耶和華-他上帝的殿。
Yosiyaas mootii taʼee waggaa kudha saddeettaffaatti erga biyyattii fi mana qulqullummaa qulqulleessee booddee mana Waaqayyo Waaqa isaa haaromsuuf Shaafaan ilma Azaliyaa, Maʼaseyaa bulchaa magaalaa fi Yooʼaa ilma Yooʼaahaaz galmeessaa sana erge.
9 他們就去見大祭司希勒家,將奉到上帝殿的銀子交給他;這銀子是看守殿門的利未人從瑪拿西、以法蓮,和一切以色列剩下的人,以及猶大、便雅憫眾人,並耶路撒冷的居民收來的。
Isaanis gara Hilqiyaa lubicha ol aanaa dhaqanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqaatiif fidame sana itti kennan; maallaqa kanas Lewwota balbala eegantu saboota Minaasee irraa, kan Efreem irraa, hambaawwan Israaʼel hunda irraa, saba Yihuudaa fi kan Beniyaam hunda irraa akkasumas jiraattota Yerusaalem irraa walitti qabe.
10 又將這銀子交給耶和華殿裏督工的,轉交修理耶和華殿的工匠,
Isaanis maallaqa sana namoota akka hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo toʼataniif muudamanitti imaanaa kennan. Namoonni kunneenis hojjettoota mana qulqullummaa haaromsanii akka duriitti deebisaniif ni kaffalu.
11 就是交給木匠、石匠,買鑿成的石頭和架木與棟樑,修猶大王所毀壞的殿。
Akkasumas akka isaan ijaarsa mootonni Yihuudaa akka diigamu godhan sanaaf dhagaa soofame, laaxaawwan, mukkeen sutaa fi dareeraawwan bitaniif ogeeyyii mukaa fi ijaartotatti maallaqa kennan.
12 這些人辦事誠實,督工的是利未人米拉利的子孫雅哈、俄巴底;督催的是哥轄的子孫撒迦利亞、米書蘭;還有善於作樂的利未人。
Namoonni sunis amanamummaadhaan hojicha hojjetan. Lewwota sanyii Meraarii keessaa Yahaatii fi Obaadiyaan akkasumas sanyii Qohaati keessaa Zakkaariyaasii fi Meshulaam akka jara sana hojjechiisaniif isaan irratti muudaman. Lewwonni meeshaa faarfannaa taphachuu beekan hundis
13 他們又監管扛抬的人,督催一切做工的。利未人中也有作書記、作司事、作守門的。
itti gaafatamtoota hojjettoota hojii humnaa taʼanii hojjettoota hojii garaa garaa illee toʼachaa turan. Lewwonni tokko tokkos barreessitoota, qondaaltotaa fi eegdota balbalaa turan.
14 他們將奉到耶和華殿的銀子運出來的時候,祭司希勒家偶然得了摩西所傳耶和華的律法書。
Utuma isaan maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana baasaa jiranuu Hilqiyaa lubichi Kitaaba Seera Waaqayyoo kan karaa Museetiin kenname sana arge.
15 希勒家對書記沙番說:「我在耶和華殿裏得了律法書。」遂將書遞給沙番。
Hilqiyaanis Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe; kitaabichas Shaafaanitti kenne.
16 沙番把書拿到王那裏,回覆王說:「凡交給僕人們辦的都辦理了。
Shaafaanis kitaabicha fuudhee mootichatti geessee akkana jedhe; “Qondaaltonni kee waan ajajaman hunda hojjechaa jiru.
17 耶和華殿裏的銀子倒出來,交給督工的和匠人的手裏了。」
Maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tures baasanii namoota hojii toʼatanii fi hojjettootatti imaanaa kennaniiru.”
18 書記沙番又對王說:「祭司希勒家遞給我一卷書。」沙番就在王面前讀那書。
Kana irrattis Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise.
19 王聽見律法上的話,就撕裂衣服,
Mootichis yommuu dubbii Seeraa sana dhagaʼetti uffata isaa tarsaase.
20 吩咐希勒家與沙番的兒子亞希甘、米迦的兒子亞比頓、書記沙番,和王的臣僕亞撒雅說:
Innis ajaja kana Hilqiyaatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Abdoon ilma Miikaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne:
21 「你們去為我、為以色列和猶大剩下的人,以這書上的話求問耶和華;因我們列祖沒有遵守耶和華的言語,沒有照這書上所記的去行,耶和華的烈怒就倒在我們身上。」
“Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, hambaawwan Israaʼel keessaatii fi Yihuudaatiif Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii Waaqayyoo hin eeginiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti dhangalaʼeera; isaan akka waan kitaaba kana keessatti barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
22 於是,希勒家和王所派的眾人都去見女先知戶勒大。戶勒大是掌管禮服沙龍的妻,沙龍是哈斯拉的孫子、特瓦的兒子。戶勒大住在耶路撒冷第二區;他們請問於她。
Hilqiyaa fi warri mootichi isa wajjin erge sun gara Huldaanaa raajittii jechuunis niitii Shaluum ilma Toqeʼaati, ilma Hasraat kan eegduu mana uffataa turte sanatti himuu dhaqan. Isheenis Yerusaalem keessa aanaa lammaffaa keessa jiraatti turte.
23 她對他們說:「耶和華-以色列的上帝如此說:『你們可以回覆那差遣你們來見我的人說,
Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa;
24 耶和華如此說:我必照着在猶大王面前所讀那書上的一切咒詛,降禍與這地和其上的居民;
‘Waaqayyo akkana jedha: Ani iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa jechuunis abaarsa kitaaba fuula mootii Yihuudaa duratti dubbifame sana keessatti barreeffame hunda nan fida.
25 因為他們離棄我,向別神燒香,用他們手所做的惹我發怒,所以我的忿怒如火倒在這地上,總不熄滅。』
Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’
26 然而差遣你們來求問耶和華的猶大王,你們要這樣回覆他說:『耶和華-以色列的上帝如此說:至於你所聽見的話,
Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa akkana jedha:
27 就是聽見我指着這地和其上居民所說的話,你便心裏敬服,在我面前自卑,撕裂衣服,向我哭泣,因此我應允了你。這是我-耶和華說的。
Sababii ati yeroo waan inni waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa waan hamaa dubbate dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqaa duratti gad of qabdeef, sababii ati fuula koo duratti gad of qabdee, uffata kee tarsaaftee boosseef ani si dhagaʼeera, jedha Waaqayyo.
28 我必使你平平安安地歸到墳墓,到你列祖那裏,我要降與這地和其上居民的一切災禍,你也不致親眼看見。』」他們就回覆王去了。
Ani amma abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’” Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan.
29 王差遣人招聚猶大和耶路撒冷的眾長老來。
Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame.
30 王和猶大眾人,與耶路撒冷的居民,並祭司利未人,以及所有的百姓,無論大小,都一同上到耶和華的殿;王就把殿裏所得的約書念給他們聽。
Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi Lewwota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef.
31 王站在他的地位上,在耶和華面前立約,要盡心盡性地順從耶和華,遵守他的誡命、法度、律例,成就這書上所記的約言;
Mootichis utubaa isaa bira dhaabatee akka Waaqayyoon duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee, dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffamaniifis akka ajajamu fuula Waaqayyoo duratti kakuu ni haaromse.
32 又使住耶路撒冷和便雅憫的人都服從這約。於是耶路撒冷的居民都遵行他們列祖之上帝的約。
Ergasiis akka namni Yerusaalemii fi Beniyaam keessa jiraatu hundi kakuu galu ni godhe; namoonni Yerusaalemis akkuma kakuu Waaqaa jechuunis Waaqa abbootii isaaniitti waan kana ni godhan.
33 約西亞從以色列各處將一切可憎之物盡都除掉,使以色列境內的人都事奉耶和華-他們的上帝。約西亞在世的日子,就跟從耶和華-他們列祖的上帝,總不離開。
Yosiyaasis guutummaa biyya Israaʼel keessaa waaqota jibbisiisoo ni balleesse; akka warri Israaʼel keessa jiran hundinuus Waaqayyo Waaqa isaanii waaqeffatan ni godhe. Isaan hamma inni lubbuun jiraatetti Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii duukaa buʼuu irraa duubatti hin deebine.

< 歷代志下 34 >