< 撒母耳記上 23 >
1 有人告訴大衛說:「非利士人攻擊基伊拉,搶奪禾場。」
Daawit yommuu, “Kunoo, Filisxeemonni Qeyiilaatti waraana bananii oobdii saamaa jiru” jedhanii itti himanitti,
2 所以大衛求問耶和華說:「我去攻打那些非利士人可以不可以?」耶和華對大衛說:「你可以去攻打非利士人,拯救基伊拉。」
“Ani dhaqee Filisxeemota kanneen waraanuu?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Dhaqii Filisxeemota waraaniitii Qeyiilaa baraar” jedhee deebiseef.
3 跟隨大衛的人對他說:「我們在猶大地這裏尚且懼怕,何況往基伊拉去攻打非利士人的軍旅呢?」
Namoonni Daawit garuu, “Nu as Yihuudaa keessatti iyyuu sodaachaa jirra. Yoo loltoota Filisxeemotaa waraanuuf Qeyiilaa dhaqne immoo hammam haa sodaannu!” jedhaniin.
4 大衛又求問耶和華。耶和華回答說:「你起身下基伊拉去,我必將非利士人交在你手裏。」
Daawit ammas deebiʼee Waaqayyoon gaafate; Waaqayyos, “Qeyiilaatti gad buʼi; ani Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
5 大衛和跟隨他的人往基伊拉去,與非利士人打仗,大大殺敗他們,又奪獲他們的牲畜。這樣,大衛救了基伊拉的居民。
Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa Qeyiilaa dhaqanii Filisxeemota waraananii horii isaanii boojiʼan. Daawitis miidhaa guddaa Filisxeemotatti fidee akkasiin saba Qeyiilaa baraare.
6 亞希米勒的兒子亞比亞他逃到基伊拉見大衛的時候,手裏拿着以弗得。
Abiyaataar ilmi Ahiimelek sunis yeroo gara Qeyiilaa gara Daawititti baqatetti dirata fudhatee dhufe.
7 有人告訴掃羅說:「大衛到了基伊拉。」掃羅說:「他進了有門有閂的城,困閉在裏頭;這是上帝將他交在我手裏了。」
Akka Daawit Qeyiilaa dhaqe Saaʼolitti himan; innis, “Waan Daawit magaalaa karraa fi danqaraa qabdu keessa seenuudhaan ofitti cufeef Waaqni isa dabarsee natti kenneera” jedhe.
8 於是掃羅招聚眾民,要下去攻打基伊拉城,圍困大衛和跟隨他的人。
Saaʼolis akka isaan Qeyiilaatti gad buʼanii Daawitii fi namoota isaa marsaniif jedhee loltoota isaa hunda duulaaf walitti waammate.
9 大衛知道掃羅設計謀害他,就對祭司亞比亞他說:「將以弗得拿過來。」
Daawitis yeroo akka Saaʼol hammina isatti yaade beeketti Abiyaataar lubichaan, “Dirata sana as fidi” jedhe.
10 大衛禱告說:「耶和華-以色列的上帝啊,你僕人聽真了掃羅要往基伊拉來,為我的緣故滅城。
Ergasiis Daawit akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel akka Saaʼol gara Qeyiilaa dhufee sababii kootiif jedhee magaalattii barbadeessuuf karoorfate garbichi kee dhugumaan dhagaʼeera.
11 基伊拉人將我交在掃羅手裏不交?掃羅照着你僕人所聽的話下來不下來?耶和華-以色列的上帝啊,求你指示僕人!」耶和華說:「掃羅必下來。」
Jiraattonni Qeyiilaa isatti dabarsanii na kennuu? Akkuma garbichi kee dhagaʼe sana Saaʼol ni dhufaa? Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel mee garbicha keetti himi.” Waaqayyos, “Eeyyee inni ni dhufa” jedhe.
12 大衛又說:「基伊拉人將我和跟隨我的人交在掃羅手裏不交?」耶和華說:「必交出來。」
Daawit ammas, “Jiraattonni Qeyiilaa anaa fi namoota koo dabarsanii Saaʼolitti ni kennuu?” jedhee gaafate. Waaqayyos, “Eeyyee isin kennu” jedhe.
13 大衛和跟隨他的約有六百人,就起身出了基伊拉,往他們所能往的地方去。有人告訴掃羅,大衛離開基伊拉逃走;於是掃羅不出來了。
Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa kanneen gara dhibba jaʼa taʼan Qeyiilaadhaa kaʼanii gara dhaquu dandaʼan hunda dhaqan. Saaʼolis yommuu akka Daawit Qeyiilaa keessaa baqate dhagaʼetti achi hin dhaqne.
14 大衛住在曠野的山寨裏,常在西弗曠野的山地。掃羅天天尋索大衛,上帝卻不將大衛交在他手裏。
Daawitis daʼannoowwan gammoojjii keessaatii fi gaarran Gammoojjii Ziif keessa ture. Saaʼolis guyyuma guyyaan isa barbaadaa ture; Waaqni garuu dabarsee harka isaatti Daawitin hin kennine.
15 大衛知道掃羅出來尋索他的命。那時,他住在西弗曠野的樹林裏;
Daawit utuu Gammoojjii Ziif keessa iddoo Hooreshaa jedhamu tokko jiruu akka Saaʼol isa ajjeesuuf dhufe beeke.
16 掃羅的兒子約拿單起身,往那樹林裏去見大衛,使他倚靠上帝得以堅固,
Yoonaataan ilmi Saaʼolis Daawit bira Hooreshaa dhaqe; maqaa Waaqaatiinis isa jajjabeesse.
17 對他說:「不要懼怕!我父掃羅的手必不加害於你;你必作以色列的王,我也作你的宰相。這事我父掃羅知道了。」
Innis, “Hin sodaatin; abbaan koo Saaʼol harkumaanuu si hin tuqu. Ati mootii Israaʼel taata; ani immoo itti aanaa kee nan taʼa. Abbaan koo Saaʼol iyyuu waan kana ni beeka” jedheen.
18 於是二人在耶和華面前立約。大衛仍住在樹林裏,約拿單回家去了。
Isaan lamaanuu fuula Waaqayyoo duratti kakuu walii galan. Ergasii Yoonaataan mana ofii isaatti gale; Daawit immoo Hooreshaatti hafe.
19 西弗人上到基比亞見掃羅,說:「大衛不是在我們那裏的樹林裏山寨中、曠野南邊的哈基拉山藏着嗎?
Namoonni Ziif gara Gibeʼaa gara Saaʼol dhaqanii akkana jedhan; “Daawit kibba Yasemooniin gaara Hakiilaa irra daʼannoowwan Hooreshaa keessa dhokatee gidduu keenya jira mitii?
20 王啊,請你隨你的心願下來,我們必親自將他交在王的手裏。」
Yaa mootii, ati gaafa dhufuu feete kottu; nu isa dabarsinee sitti ni kennina.”
21 掃羅說:「願耶和華賜福與你們,因你們顧恤我。
Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Waan isin naa yaaddaniif Waaqayyo isin haa eebbisu.
22 請你們回去,再確實查明他的住處和行蹤,是誰看見他在那裏,因為我聽見人說他甚狡猾。
Dhaqaatii ittuma fufaa qophaaʼaa. Iddoo Daawit yeroo baayʼee dhaquu fi nama achitti isa argu illee hubadhaa. Akka inni nama daba hojjetu taʼe natti himaniiru.
23 所以要看準他藏匿的地方,回來據實地告訴我,我就與你們同去。他若在猶大的境內,我必從千門萬戶中搜出他來。」
Iddoo inni itti dhokatu hundumaa barbaadaatii oduu mirkanaaʼaa fidaa kottaa. Ergasii ani isin wajjin nan deema; yoo inni naannoo sana jiraate ani kumaatama Yihuudaa hunda keessaa barbaadee isa nan arga.”
24 西弗人就起身,在掃羅以先往西弗去。 大衛和跟隨他的人卻在瑪雲曠野南邊的亞拉巴。
Kanaafuu isaan kaʼanii Saaʼol dursanii Ziif dhaqan. Daawitii fi namoonni isaa gama kibba Yasemooniin Gammoojjii Maaʼoon kan Arabbaatti argamtu keessa turan.
25 掃羅和跟隨他的人去尋找大衛;有人告訴大衛,他就下到磐石,住在瑪雲的曠野。掃羅聽見,便在瑪雲的曠野追趕大衛。
Saaʼolii fi namoonni isaa Daawitin barbaaduu jalqaban; Daawitis yommuu waan kana itti himanitti gara kattaatti gad buʼee Gammoojjii Maaʼoon keessa ture. Saaʼolis yeroo waan kana dhagaʼetti Daawitin ariʼuuf Gammoojjii Maaʼoon seene.
26 掃羅在山這邊走,大衛和跟隨他的人在山那邊走。大衛急忙躲避掃羅;因為掃羅和跟隨他的人,四面圍住大衛和跟隨他的人,要拿獲他們。
Saaʼol gaara gubbaa karaa tokkoon deemaa ture; Daawitii fi namoonni isaa immoo Saaʼol duraa baqachuuf jedhanii ariifachaa tulluu sana irra karaa kaaniin deeman. Yeroo Saaʼolii fi namoonni isaa itti dhiʼaatanii Daawitii fi namoota isaa qabachuu gaʼanitti,
27 忽有使者來報告掃羅說:「非利士人犯境搶掠,請王快快回去!」
ergamaan tokko gara Saaʼol dhufee, “Dafiitii kottu! Filisxeemonni biyyattii weeraranii jiruutii” jedhe.
28 於是掃羅不追趕大衛,回去攻打非利士人。因此那地方名叫西拉‧哈瑪希羅結。
Saaʼolis Daawitin ariʼuu dhiisee Filisxeemotatti gara gale. Kanaafuu iddoon sun, “Kattaa gargar baʼumsaa” jedhame.
Daawitis achii deemee daʼannoowwan Een Gaadii keessa jiraate.