< 撒母耳記上 17 >
1 非利士人招聚他們的軍旅,要來爭戰;聚集在屬猶大的梭哥,安營在梭哥和亞西加中間的以弗‧大憫。
Yeroo sana Filisxeemonni lolaaf humna isaanii walitti qabatanii Yihuudaa keessatti Sookootitti wal gaʼan. Isaanis Sakootii fi Azeeqaa gidduu Efes Damiim keessa qubatan.
2 掃羅和以色列人也聚集,在以拉谷安營,擺列隊伍,要與非利士人打仗。
Saaʼolii fi namoonni Israaʼel immoo wal gaʼanii Sulula Elaa keessa qubatan; Filisxeemota waraanuufis hiriiran.
3 非利士人站在這邊山上,以色列人站在那邊山上,當中有谷。
Filisxeemonni gaara tokko qabatan; Israaʼeloonni immoo tulluu kaan qabatan; gidduu isaanii immoo sululatu ture.
4 從非利士營中出來一個討戰的人,名叫歌利亞,是迦特人,身高六肘零一虎口;
Namichi beekamaan Gaatii dhufe kan maqaan isaa Gooliyaad jedhamu tokko qubata Filisxeemotaa keessaa gad baʼe. Hojjaan isaas dhundhuma jaʼaa fi taakkuu tokko ture.
Innis gonfoo naasii mataatti kaaʼatee qomee naasii kan saqilii kuma shan ulfaatu uffata ture;
miilla isaattis gambaallee naasii hidhatee gatiittii isaatti eeboo baadhata ture.
7 槍桿粗如織布的機軸,鐵槍頭重六百舍客勒。有一個拿盾牌的人在他前面走。
Somaan eeboo isaa furdaa akka muka wayya dhooftuun wayyaa itti martuu ture; sibiilli eeboo isaas saqilii dhibba jaʼa ulfaata ture. Baattuun gaachana isaas fuula isaa dura deema ture.
8 歌利亞對着以色列的軍隊站立,呼叫說:「你們出來擺列隊伍做甚麼呢?我不是非利士人嗎?你們不是掃羅的僕人嗎?可以從你們中間揀選一人,使他下到我這裏來。
Gooliyaadis loltoota Israaʼel kanneen waraanaaf hiriiranitti iyyee akkana jedhe; “Isin waraanaaf hiriirtanii baʼuun keessan maaliif? Ani nama Filisxeem, isin immoo tajaajiltoota Saaʼol mitii? Ofii keessanii nama tokko filadhaatii inni gara kootti gad haa buʼu.
9 他若能與我戰鬥,將我殺死,我們就作你們的僕人;我若勝了他,將他殺死,你們就作我們的僕人,服事我們。」
Yoo inni na lolee na ajjeesuu dandaʼe, nu isin jalatti bulla; yoo ani isa moʼadhee isa ajjeese garuu isin nu jalatti bultanii tajaajiltoota keenya taatu.”
10 那非利士人又說:「我今日向以色列人的軍隊罵陣。你們叫一個人出來,與我戰鬥。」
Filisxeemichis, “Ani harʼa Israaʼeliin nan morkadha! Akka wal lolluuf nama tokko naa kennaa” jedhe.
11 掃羅和以色列眾人聽見非利士人的這些話,就驚惶,極其害怕。
Saaʼolii fi Israaʼeloonni hundi yommuu dubbii kana dhagaʼanitti akka malee raafaman; ni sodaatanis.
12 大衛是猶大伯利恆的以法他人耶西的兒子。耶西有八個兒子。當掃羅的時候,耶西已經老邁。
Daawit ilma Isseeyi namicha Efraataa kan Beetlihem Yihuudaa sanaa ti. Isseeyis ilmaan saddeeti qaba ture; innis bara Saaʼol keessa nama dulloomee jaare ture.
13 耶西的三個大兒子跟隨掃羅出征。這出征的三個兒子:長子名叫以利押,次子名叫亞比拿達,三子名叫沙瑪。
Ilmaan Isseey hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii lafa waraanaa dhaqanii turan; maqaan isaaniis inni hangafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abiinaadaab, inni sadaffaan immoo Shamaa jedhama ture.
Daawit quxisuu hunda isaanii ture. Isaan hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii deeman;
Daawit garuu hoolota abbaa isaa tiksuuf jedhee Saaʼol biraa Beetlihemitti deddeebiʼaa ture.
Namichi Filisxeem sunis guyyaa afurtama ganama ganamaa fi galgala galgala dhufee isaanitti of mulʼisa ture.
17 一日,耶西對他兒子大衛說:「你拿一伊法烘了的穗子和十個餅,速速地送到營裏去,交給你哥哥們;
Isseey immoo ilma isaa Daawitiin akkana jedhe; “Akaayii kana irraa iifii tokkoo fi buddeena kurnan kana fuudhiitii ariitiidhaan obboloota keetiif iddoo qubata isaaniitti geessi.
18 再拿這十塊奶餅,送給他們的千夫長,且問你哥哥們好,向他們要一封信來。」
Baaduu kurnan kana immoo ajajaa kumaa isaaniitiif geessi. Haala obboloonni kee keessa jiran ilaaliitii oduu isaanii fidii kottu.
19 掃羅與大衛的三個哥哥和以色列眾人,在以拉谷與非利士人打仗。
Isaan Saaʼolii fi namoota Israaʼel wajjin Sulula Elaa keessatti Filisxeemota lolaa jiru.”
20 大衛早晨起來,將羊交託一個看守的人,照着他父親所吩咐的話,帶着食物去了。到了輜重營,軍兵剛出到戰場,吶喊要戰。
Daawitis tiksee biratti bushaayee dhiisee ganama barii kaʼee nyaata sana qabatee akkuma Isseey isa ajajetti kaʼee qajeele. Innis utuu loltoonni dhaadachaa hiriiraan adda waraanaatti yaaʼaa jiranuu lafa qubataa gaʼe.
Israaʼelii fi Filisxeemonni tarree tarreedhaan fuula walitti garagalfatan.
22 大衛把他帶來的食物留在看守物件人的手下,跑到戰場,問他哥哥們安。
Daawitis miʼa isaa eegduu miʼaa biratti dhiisee gara adda waraanaatti fiigee obboloota isaa nagaa gaafate.
23 與他們說話的時候,那討戰的,就是屬迦特的非利士人歌利亞,從非利士隊中出來,說從前所說的話;大衛都聽見了。
Utuma inni isaan wajjin haasaʼaa jiruu, Gooliyaad jagnichi Filisxeem namichi Gaati sun hiriira Filisxeemotaa keessaa dubbiidhuma kanaan dura dubbachaa ture sana dubbate; Daawitis isa dhagaʼe.
Israaʼeloonni hundinuu yommuu namicha arganitti sodaa guddaadhaan isa biraa baqatan.
25 以色列人彼此說:「這上來的人你看見了嗎?他上來是要向以色列人罵陣。若有能殺他的,王必賞賜他大財,將自己的女兒給他為妻,並在以色列人中免他父家納糧當差。」
Israaʼeloonnis, “Isin akka namichi kun as deddeebiʼaa jiru argituu? Inni dhugumaan Israaʼeliin morkachuuf dhufe. Mootiin nama isa ajjeesuuf qabeenya guddaa kenna. Intala isaa illee itti heerumsiisa; maatii abbaa isaas akka Israaʼel keessatti gibira hin gabbarre godha” waliin jechaa turan.
26 大衛問站在旁邊的人說:「有人殺這非利士人,除掉以色列人的恥辱,怎樣待他呢?這未受割禮的非利士人是誰呢?竟敢向永生上帝的軍隊罵陣嗎?」
Daawit namoota isa bira dhadhaabachaa turaniin, “Nama namicha Filisxeem kana ajjeesee Israaʼel irraa salphina kana fuudhuuf maaltu godhama? Filisxeemichi dhagna hin qabatin kun akka loltoota Waaqa jiraataa doorsisuuf inni eenyuu?” jedhee gaafate.
27 百姓照先前的話回答他說:「有人能殺這非利士人,必如此如此待他。」
Namoonnis, “Wanni nama isa ajjeesuuf godhamu kanuma” jedhanii dubbiidhuma duraan dubbachaa turan sana irra deebiʼanii itti himan.
28 大衛的長兄以利押聽見大衛與他們所說的話,就向他發怒,說:「你下來做甚麼呢?在曠野的那幾隻羊,你交託了誰呢?我知道你的驕傲和你心裏的惡意,你下來特為要看爭戰!」
Eliiyaab hangafni Daawit inni jalqabaa Daawit namoota wajjin dubbachaa akka jiru yommuu argetti aaree gubatee akkana jedhe; “Ati maal gochuu as gad buute? Hoolota muraasa sana gammoojjii keessatti eenyutti dhiiftee dhufte? Ani of tuulummaa keetii fi hammina garaa keetii nan beeka; ati waraana ilaaluu dhufteetii.”
29 大衛說:「我做了甚麼呢?我來豈沒有緣故嗎?」
Daawit immoo, “Ani amma maalin godhe? Ani dubbachuu illee hin dandaʼuu?” jedhe.
30 大衛就離開他轉向別人,照先前的話而問;百姓仍照先前的話回答他。
Ergasiis gara nama biraatti garagalee waanuma duraa sana gaafate; namoonnis akkuma jalqabaatti deebisaniif.
31 有人聽見大衛所說的話,就告訴了掃羅;掃羅便打發人叫他來。
Wanni Daawit jechaa tures dhagaʼamee Saaʼol qaqqabe; Saaʼolis isa waamsise.
32 大衛對掃羅說:「人都不必因那非利士人膽怯。你的僕人要去與那非利士人戰鬥。」
Daawitis Saaʼoliin, “Sababii namicha Filisxeem kanaatiif namni tokko iyyuu abdii hin kutatin; ani garbichi kee dhaqee isa nan waraana” jedhe.
33 掃羅對大衛說:「你不能去與那非利士人戰鬥;因為你年紀太輕,他自幼就作戰士。」
Saaʼolis Daawitiin, “Ati dhaqxee Filisxeemicha kana waraanuu hin dandeessu; ati ijoollee dha; inni immoo ijoollummaa isaatii jalqabee loltuu ture” jedhe.
34 大衛對掃羅說:「你僕人為父親放羊,有時來了獅子,有時來了熊,從群中啣一隻羊羔去。
Daawit garuu Saaʼoliin akkana jedhe; “Garbichi kee hoolota abbaa isaa tiksaa ture. Yeroo leenci yookaan amaakenni dhufee bushaayee keessaa tokko fudhatutti,
35 我就追趕牠,擊打牠,將羊羔從牠口中救出來。牠起來要害我,我就揪着牠的鬍子,將牠打死。
ani isa faana fiigee dhaʼee hoolaa sana afaan isaatii nan buusisan ture. Yoo inni natti gara gale immoo kokkee isaa qabee dhaʼee isa ajjeesa ture.
36 你僕人曾打死獅子和熊,這未受割禮的非利士人向永生上帝的軍隊罵陣,也必像獅子和熊一般。」
Ani garbichi kee leencaa fi amaaketa ajjeeseera; Filisxeemichi dhagna hin qabatin kunis akkuma tokkoo isaanii taʼa; inni loltoota Waaqa jiraataa doorsiseeraatii.
37 大衛又說:「耶和華救我脫離獅子和熊的爪,也必救我脫離這非利士人的手。」掃羅對大衛說:「你可以去吧!耶和華必與你同在。」
Waaqayyo inni irree leencaatii fi irree amaaketaa jalaa na baase sun harka Filisxeemicha kanaa jalaas na baasa.” Saaʼolis Daawitiin, “Dhaqi, Waaqayyo si wajjin haa taʼu” jedhe.
38 掃羅就把自己的戰衣給大衛穿上,將銅盔給他戴上,又給他穿上鎧甲。
Ergasiis Saaʼol uffata lolaa kan ofii isaa Daawititti uffise. Qomee sibiilaa itti uffisee gonfoo naasii mataa isaatti kaaʼeef.
39 大衛把刀跨在戰衣外,試試能走不能走;因為素來沒有穿慣,就對掃羅說:「我穿戴這些不能走,因為素來沒有穿慣。」於是摘脫了。
Daawitis sababii duraan itti fayyadamee hin beekneef uffata Saaʼol irratti goraadee hidhatee asii fi achi deemuu yaale. Innis Saaʼoliin, “Ani waanan duraan itti fayyadamee hin beekneef hidhadhee deemuu hin dandaʼu” jedhe. Kanaafuu of irraa baase.
40 他手中拿杖,又在溪中挑選了五塊光滑石子,放在袋裏,就是牧人帶的囊裏;手中拿着甩石的機弦,就去迎那非利士人。
Ergasii ulee isaa harkatti qabatee dhagaa soofamaa shan lagaa filatee kiisii korojoo tikseetti naqate; furrisa isaas harkatti qabatee gara Filisxeemichaatti dhiʼaate.
41 非利士人也漸漸地迎着大衛來,拿盾牌的走在前頭。
Namichi Filisxeem sunis namicha miʼa lolaa isaaf baatu of dura qajeelchee Daawititti dhiʼaate.
42 非利士人觀看,見了大衛,就藐視他;因為他年輕,面色光紅,容貌俊美。
Innis Daawitin ilaalee akka inni mucaa diimaa miidhagaa taʼe hubatee isa tuffate.
43 非利士人對大衛說:「你拿杖到我這裏來,我豈是狗呢?」非利士人就指着自己的神咒詛大衛。
Filisxeemichis, “Kan ati ulee qabattee natti dhuftu ani sareedhaa?” jedhee waaqota ofii isaatiin Daawitin abaare.
44 非利士人又對大衛說:「來吧!我將你的肉給空中的飛鳥、田野的走獸吃。」
Akkasumas, “As kottu; ani foon kee allaattii samiitii fi bineensota bosonaatiif nan kennaa!” jedheen.
45 大衛對非利士人說:「你來攻擊我,是靠着刀槍和銅戟;我來攻擊你,是靠着萬軍之耶和華的名,就是你所怒罵帶領以色列軍隊的上帝。
Kana irratti Daawit Filisxeemichaan akkana jedhe; “Ati kunoo goraadee, eeboo fi bodee qabatee natti dhufta; ani garuu maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu, Waaqa loltoota Israaʼel kan ati doorsifte sanaatiin sittin dhufa.
46 今日耶和華必將你交在我手裏。我必殺你,斬你的頭,又將非利士軍兵的屍首給空中的飛鳥、地上的野獸吃,使普天下的人都知道以色列中有上帝;
Harʼa Waaqayyo dabarsee harka kootti si kenna; anis si ajjeesee mataa kee sirraan kuta. Ani harʼa reeffa Filisxeemotaa allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; addunyaan hundis akka Israaʼel keessa Waaqni jiru ni beeka.
47 又使這眾人知道耶和華使人得勝,不是用刀用槍,因為爭戰的勝敗全在乎耶和華。他必將你們交在我們手裏。」
Namoonni asitti walitti qabaman hundi akka Waaqayyo goraadee fi eeboodhaan nama hin baafne ni baru; sababii lolli kun kan Waaqayyoo taʼeef inni dabarsee harka keenyatti isin kenna.”
48 非利士人起身,迎着大衛前來。大衛急忙迎着非利士人,往戰場跑去。
Yommuu Filisxeemichi isa dhaʼuuf dhufettis Daawit isa loluuf fiigee adda waraanaa seene.
49 大衛用手從囊中掏出一塊石子來,用機弦甩去,打中非利士人的額,石子進入額內,他就仆倒,面伏於地。
Harka isaas korojoo isaa keessa kaaʼee dhagaa tokko fudhatee furrisaan darbatee adda Filisxeemichaa dhaʼe. Dhagaan sunis adda isaa keessa bade; Filisxeemichis addaan lafatti gombifame.
50 這樣,大衛用機弦甩石,勝了那非利士人,打死他;大衛手中卻沒有刀。
Daawit akkasiin furrisaa fi dhagaadhaan Filisxeemicha moʼate; Daawit utuma goraadee of harkaa hin qabaatin Filisxeemicha dhaʼee ajjeese.
51 大衛跑去,站在非利士人身旁,將他的刀從鞘中拔出來,殺死他,割了他的頭。非利士眾人看見他們討戰的勇士死了,就都逃跑。
Daawit fiigee Filisxeemicha irra ejjete. Goraadee Filisxeemichaas manʼee keessaa luqqisee baafate. Erga isa ajjeesee booddees goraadee sanaan mataa isaa irraa kute. Filisxeemonni yommuu akka goonni isaanii duʼe arganitti of irra garagalanii baqatan.
52 以色列人和猶大人便起身吶喊,追趕非利士人,直到迦特和以革倫的城門。被殺的非利士人倒在沙拉音的路上,直到迦特和以革倫。
Ergasii namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihuudaa kaʼanii dhaadachaa hamma balbala Gaatii fi karra Eqroonitti Filisxeemota ariʼan. Reeffi Filisxeemotaas karaa Shaʼarayiimitti geessu irratti hamma Gaatii fi Eqroonitti harcaʼe.
53 以色列人追趕非利士人回來,就奪了他們的營盤。
Israaʼeloonni yommuu Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼanitti qubata isaanii saaman.
54 大衛將那非利士人的頭拿到耶路撒冷,卻將他軍裝放在自己的帳棚裏。
Daawitis mataa Filisxeemichaa fudhatee gara Yerusaalemitti fide; miʼa lolaa Filisxeemichaas dunkaana ofii isaatti galfate.
55 掃羅看見大衛去攻擊非利士人,就問元帥押尼珥說:「押尼珥啊,那少年人是誰的兒子?」押尼珥說:「我敢在王面前起誓,我不知道。」
Saaʼol yommuu akka Daawit Filisxeemicha loluuf deemu argetti, Abneer ajajaa waraana Israaʼeliin, “Abneer, gurbaan kun ilma eenyuu ti?” jedhe. Abneeris, “Yaa Mootii, duʼa kee ti ani hin beeku” jedhee deebise.
Mootichis, “Egaa akka gurbaan kun ilma eenyuu taʼe iyyaafadhuuttii bira gaʼi” jedheen.
57 大衛打死非利士人回來,押尼珥領他到掃羅面前,他手中拿着非利士人的頭。
Akkuma Daawit Filisxeemicha ajjeesee deebiʼeen, Abneer Daawitii mataa Filisxeemichaa harkatti qabatee jiru fuula Saaʼol duratti dhiʼeesse.
58 掃羅問他說:「少年人哪,你是誰的兒子?」大衛說:「我是你僕人伯利恆人耶西的兒子。」
Saaʼolis, “Gurbayyoo ati ilma eenyuu ti?” jedhee gaafate. Daawit immoo, “Ani ilma garbicha keetii ilma Isseeyi namicha Beetlihem sanaa ti” jedhee deebise.