< 撒母耳記上 16 >

1 耶和華對撒母耳說:「我既厭棄掃羅作以色列的王,你為他悲傷要到幾時呢?你將膏油盛滿了角,我差遣你往伯利恆人耶西那裏去;因為我在他眾子之內,預定一個作王的。」
Waaqayyos Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Saaʼol isa ani akka inni Israaʼel irratti mootii hin taaneef tuffadhe sanaaf hamma yoomiitti boossa? Gaanfa keetti zayitii guuttadhuutii deemi; ani gara Isseeyi nama Beetlihemitti sin erga. Ani ilmaan isaa keessaa isa tokko akka mootii taʼuuf filadheeraatii.”
2 撒母耳說:「我怎能去呢?掃羅若聽見,必要殺我。」耶和華說:「你可以帶一隻牛犢去,就說:『我來是要向耶和華獻祭。』
Saamuʼeel garuu, “Ani akkamittin deemuu dandaʼa? Saaʼol yoo waan kana dhagaʼe na ajjeesa” jedhe. Waaqayyo immoo akkana jedhe; “Goromsa tokko fudhadhuu dhaqiitii, ‘Ani Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuufin dhufe’ jedhi.
3 你要請耶西來吃祭肉,我就指示你所當行的事。我所指給你的人,你要膏他。」
Isseeyinis gara aarsaatti waami; ani waan ati gootu sitti argisiisa. Atis nama ani sitti argisiisu sana naa dibda.”
4 撒母耳就照耶和華的話去行。到了伯利恆,那城裏的長老都戰戰兢兢地出來迎接他,問他說:「你是為平安來的嗎?」
Saamuʼeelis waan Waaqayyo isa ajaje godhe. Yommuu inni Beetlihem gaʼetti maanguddoonni magaalaa sanaa hollachaa isa simachuu dhufanii, “Ati naguma dhuftee?” jedhanii isa gaafatan.
5 他說:「為平安來的,我是給耶和華獻祭。你們當自潔,來與我同吃祭肉。」撒母耳就使耶西和他眾子自潔,請他們來吃祭肉。
Saamuʼeelis deebisee, “Eeyyee naguma; ani Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuun dhufe. Isinis of qulqulleessaatii na wajjin gara aarsaa kottaa” jedhe. Ergasiis inni Isseeyii fi ilmaan isaa qulqulleessee gara aarsaatti isaan waame.
6 他們來的時候,撒母耳看見以利押,就心裏說,耶和華的受膏者必定在他面前。
Yeroo isaan achi gaʼanittis Saamuʼeel Eliiyaabin argee, “Dhugumaan namni Waaqayyo dibe as fuula Waaqayyoo dura dhaabateera” jedhee garaatti yaade.
7 耶和華卻對撒母耳說:「不要看他的外貌和他身材高大,我不揀選他。因為,耶和華不像人看人:人是看外貌;耶和華是看內心。」
Waaqayyo garuu Saamuʼeeliin, “Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. Waaqayyo waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; Waaqayyo garuu waan garaa keessa jiru ilaala” jedhe.
8 耶西叫亞比拿達從撒母耳面前經過,撒母耳說:「耶和華也不揀選他。」
Isseeyis ergasii Abiinaadaabin waamee akka inni fuula Saamuʼeel dura darbu godhe. Saamuʼeel garuu, “Waaqayyo isa kana hin filanne” jedhe.
9 耶西又叫沙瑪從撒母耳面前經過,撒母耳說:「耶和華也不揀選他。」
Isseey akka Shamaan darbu godhe; Saamuʼeel garuu, “Waaqayyo isa kanas hin filanne” jedhe.
10 耶西叫他七個兒子都從撒母耳面前經過,撒母耳說:「這都不是耶和華所揀選的。」
Isseey akka ilmaan isaa torbanuu fuula Saamuʼeel dura darban godhe; Saamuʼeel garuu, “Waaqayyo isaan kanneen hin filanne” jedhe.
11 撒母耳對耶西說:「你的兒子都在這裏嗎?」他回答說:「還有個小的,現在放羊。」撒母耳對耶西說:「你打發人去叫他來;他若不來,我們必不坐席。」
Innis, “Ilmaan kee hundi kanneenumaa?” jedhee Isseeyin gaafate. Isseeyis, “Quxxisuun hunda isaanii tokko jira; inni garuu hoolota tiksaa jira” jedhe. Saamuʼeelis, “Nama itti ergiitii isa fichisiisi; nu hamma inni dhufutti hin teenyuutii” jedhe.
12 耶西就打發人去叫了他來。他面色光紅,雙目清秀,容貌俊美。耶和華說:「這就是他,你起來膏他。」
Kanaaf Isseeyi nama itti ergee isa fichisiise. Innis diimaa, nama iji isaa miidhaguu fi nama dhaaba tolu ture. Waaqayyos, “Kaʼii isa dibi; inni ani filadhe isa kanaatii” jedhe.
13 撒母耳就用角裏的膏油,在他諸兄中膏了他。從這日起,耶和華的靈就大大感動大衛。撒母耳起身回拉瑪去了。
Kanaafuu Saamuʼeel gaanfa zayitii fuudhee fuula obboloota isaa duratti isa dibe; guyyaa sanaa jalqabee Hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawit irra buʼe. Saamuʼeelis gara Raamaa deeme.
14 耶和華的靈離開掃羅,有惡魔從耶和華那裏來擾亂他。
Hafuurri Waaqayyoos Saaʼol irraa fagaate; hafuurri hamaan Waaqayyo biraa ergame immoo Saaʼolin dhiphise.
15 掃羅的臣僕對他說:「現在有惡魔從上帝那裏來擾亂你。
Tajaajiltoonni Saaʼol akkana isaan jedhan; “Kunoo hafuurri hamaan Waaqa biraa ergamee si dhiphisaa jira.
16 我們的主可以吩咐面前的臣僕,找一個善於彈琴的來,等上帝那裏來的惡魔臨到你身上的時候,使他用手彈琴,你就好了。」
Egaa gooftaan keenya akka isaan nama baganaa taphachuu dandaʼu barbaadaniif tajaajiltoota isaa warra fuula isaa dura jiran haa ajaju. Innis yommuu hafuurri hamaan sun Waaqa biraa sitti dhufu baganaa siif taphata; sittis ni wayyaaʼa.”
17 掃羅對臣僕說:「你們可以為我找一個善於彈琴的,帶到我這裏來。」
Kanaafuu Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Nama akka gaariitti baganaa taphachuu dandaʼu tokko barbaadaatii naa fidaa” jedhe.
18 其中有一個少年人說:「我曾見伯利恆人耶西的一個兒子善於彈琴,是大有勇敢的戰士,說話合宜,容貌俊美,耶和華也與他同在。」
Tajaajiltoota sana keessaa tokko, “Kunoo ilma Isseey nama Beetlihem kan baganaa taphachuu beeku tokko ani argeera. Innis jagnaa fi loltuu dha. Nama dubbii beekuu fi miidhagaa dha. Waaqayyos isa wajjin jira” jedhee deebise.
19 於是掃羅差遣使者去見耶西,說:「請你打發你放羊的兒子大衛到我這裏來。」
Saaʼolis Isseeyitti ergamoota ergee, “Ilma kee Daawit isa hoolota bira jiru sana naa ergi” jedhe.
20 耶西就把幾個餅和一皮袋酒,並一隻山羊羔,都馱在驢上,交給他兒子大衛,送與掃羅。
Isseeyis harree tokko fidee buddeenaa fi daadhii wayinii qalqalloo tokko itti feʼee, ilmoo reʼee tokko wajjin ilma isaa Daawitin Saaʼoliif erge.
21 大衛到了掃羅那裏,就侍立在掃羅面前。掃羅甚喜愛他,他就作了掃羅拿兵器的人。
Daawit gara Saaʼol dhufee tajaajila isaa jalqabe. Saaʼol akka malee isa jaallate; Daawitis nama miʼa lolaa isaaf baatu taʼe.
22 掃羅差遣人去見耶西,說:「求你容大衛侍立在我面前,因為他在我眼前蒙了恩。」
Saaʼolis, “Akka inni na wajjin turee na tajaajiluuf Daawitiif eeyyami; ani isatti gammadeeraatii” jedhee Isseeyitti dhaame.
23 從上帝那裏來的惡魔臨到掃羅身上的時候,大衛就拿琴,用手而彈,掃羅便舒暢爽快,惡魔離了他。
Yommuu hafuurri hamaan Waaqa biraa Saaʼolitti dhufu hunda, Daawit baganaa isaa fudhatee taphata ture; Saaʼolis boqonnaa argata; itti wayyaaʼas ture. Hafuurri hamaan sunis isa dhiisee deema ture.

< 撒母耳記上 16 >