< 列王紀上 14 >

1 那時,耶羅波安的兒子亞比雅病了。
Yeroo sana Abiyaan ilmi Yerobiʼaam dhukkubsannaan
2 耶羅波安對他的妻說:「你可以起來改裝,使人不知道你是耶羅波安的妻,往示羅去,在那裏有先知亞希雅。他曾告訴我說,你必作這民的王。
Yerobiʼaam niitii ofii isaatiin akkana jedhe; “Ati niitii Yerobiʼaam taʼuun kee akka hin beekneef eenyummaa kee dhoksiitii kaʼii Shiiloo dhaqi. Ahiiyaan raajichi akka ani saba kana irratti mootii taʼu natti hime sun achi jiraatii.
3 現在你要帶十個餅,與幾個薄餅,和一瓶蜜去見他,他必告訴你兒子將要怎樣。」
Buddeena kudhan, maxinoo muraasaa fi damma okkotee tokko harkatti qabadhuu gara isaa dhaqi. Inni waan gurbaan kun taʼu sitti hima.”
4 耶羅波安的妻就這樣行,起身往示羅去,到了亞希雅的家。亞希雅因年紀老邁,眼目發直,不能看見。
Kanaafuu niitiin Yerobiʼaam waan inni jedheen sana gootee gara mana Ahiiyaa Shiiloo dhaqxe. Yeroo sana Ahiiyaan homaa hin argu ture; inni waan dulloomeef agartuun isaa dadhabee tureetii.
5 耶和華先曉諭亞希雅說:「耶羅波安的妻要來問你,因她兒子病了,你當如此如此告訴她。她進來的時候必裝作別的婦人。」
Waaqayyo garuu Ahiiyaadhaan akkana jedhe; “Niitiin Yerobiʼaam sababii ilmi ishee dhibameef waaʼee isaa si gaafachuuf dhufuutti jirti; ati akkanaa fi akkana jedhii deebisiif. Isheen yommuu dhuftu nama biraa of fakkeessitee dhufti.”
6 她剛進門,亞希雅聽見她腳步的響聲,就說:「耶羅波安的妻,進來吧!你為何裝作別的婦人呢?我奉差遣將凶事告訴你。
Ahiiyaan sagalee faana ishee dhageenyaan balbala irratti akkana jedheen; “Yaa niitii Yerobiʼaam ol seeni. Dubartii biraa of fakkeessuu yaaluun kee kun maaliif? Ani ergaa hamaa sitti himuuf ergameera.
7 你回去告訴耶羅波安說:『耶和華-以色列的上帝如此說:我從民中將你高舉,立你作我民以色列的君,
Dhaqiitii Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha jedhiitii Yerobiʼaamitti himi: ‘Ani saba keessaa si kaafadheen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe.
8 將國從大衛家奪回賜給你;你卻不效法我僕人大衛,遵守我的誡命,一心順從我,行我眼中看為正的事。
Ani mana Daawit irraa mootummaa tarsaaseen siif kenne; ati garuu akka garbicha koo Daawit kan ajajawwan koo eegee garaa isaa guutuun na duukaa buʼee waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe qofa hojjete sanaa hin taane.
9 你竟行惡,比那在你以先的更甚,為自己立了別神,鑄了偶像,惹我發怒,將我丟在背後。
Ati warra siin dura jiraatan hunda caalaa waan hamaa hojjetteerta. Ati ofii keetiif waaqota biraa fakkiiwwan baqfamanii hojjetaman tolfattee dheekkamsaaf na kakaafte; dugda kee duubattis na gatte.
10 因此,我必使災禍臨到耶羅波安的家,將屬耶羅波安的男丁,無論困住的、自由的都從以色列中剪除,必除盡耶羅波安的家,如人除盡糞土一般。
“‘Sababii kanaaf ani amma mana Yerobiʼaam irratti badiisa nan fida. Ani mana Yerobiʼaamii dhiira hunda, garbicha yookaan birmaduu Israaʼel keessaa nan balleessa. Ani akkuma namni tokko kosii gubee barbadeessutti mana Yerobiʼaam gubeen barbadeessa.
11 凡屬耶羅波安的人,死在城中的必被狗吃,死在田野的必被空中的鳥吃。這是耶和華說的。』
Nama maatii Yerobiʼaam taʼe kam iyyuu kan magaalaa keessatti duʼe sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼe kam iyyuu immoo allaattii samiitu nyaata. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii!’
12 所以你起身回家去吧!你的腳一進城,你兒子就必死了。
“Ati garuu mana keetti gali. Yeroo miilli kee magaalaa seenutti mucaan sun ni duʼa.
13 以色列眾人必為他哀哭,將他葬埋。凡屬耶羅波安的人,惟有他得入墳墓;因為在耶羅波安的家中,只有他向耶和華-以色列的上帝顯出善行。
Warri Israaʼel hundinuu booʼaniifii isa ni awwaalu. Waan Waaqayyo Waaqni Israaʼel mana Yerobiʼaam keessaa isa qofa irratti waan gaarii argeef, mana Yerobiʼaam keessaa namni awwaala argatu isa qofa taʼa.
14 耶和華必另立一王治理以色列。到了日期,他必剪除耶羅波安的家;那日期已經到了。
“Waaqayyo Israaʼel irratti mootii tokko ofii isaatiif ni kaafata; mootiin sunis maatii Yerobiʼaam kutee balleessa. Guyyaan isaas harʼa! Kunis ammuma taʼa.
15 耶和華必擊打以色列人,使他們搖動,像水中的蘆葦一般;又將他們從耶和華賜給他們列祖的美地上拔出來,分散在大河那邊;因為他們做木偶,惹耶和華發怒。
Waaqayyo Israaʼelin dhaʼee akkuma shambaqqoo bishaan keessaatti ni raasa. Sababii isaan utubaawwan Aasheeraa dhadhaabanii Waaqayyoon dheekkamsiisaniif inni biyya abbootii isaaniitiif kenne gaarii sana keessaa Israaʼelin buqqisee Laga Efraaxiisiin gamatti isaan ni bittinneessa.
16 因耶羅波安所犯的罪,又使以色列人陷在罪裏,耶和華必將以色列人交給仇敵。」
Innis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee akka Israaʼelis hojjetu godhe sanaatiif saba Israaʼel ni gata.”
17 耶羅波安的妻起身回去,到了得撒,剛到門檻,兒子就死了。
Niitiin Yerobiʼaam kaatee Tiirzaa dhaqxe. Akkuma isheen gulantaa balbalaa geesseen mucaan sun ni duʼe.
18 以色列眾人將他葬埋,為他哀哭,正如耶和華藉他僕人先知亞希雅所說的話。
Jarris isa awwaalan; Israaʼel hundinuus akkuma Waaqayyo karaa garbicha isaa Ahiiyaa raajichaatiin dubbate sana ni booʼaniif.
19 耶羅波安其餘的事,他怎樣爭戰,怎樣作王,都寫在以色列諸王記上。
Wanni Yerobiʼaam hojjete kan biraa, akki inni itti lolaa turee fi akki inni itti biyya bulchaa ture kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
20 耶羅波安作王二十二年,就與他列祖同睡。他兒子拿答接續他作王。
Innis waggaa digdamii lama bulchee ergasii abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Naadaab mootii taʼee iddoo isaa buʼe.
21 所羅門的兒子羅波安作猶大王。他登基的時候年四十一歲,在耶路撒冷,就是耶和華從以色列眾支派中所選擇立他名的城,作王十七年。羅波安的母親名叫拿瑪,是亞捫人。
Rehooboʼaam ilmi Solomoon biyya Yihuudaa keessatti mootii ture. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture; innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Waaqayyo Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte.
22 猶大人行耶和華眼中看為惡的事,犯罪觸動他的憤恨,比他們列祖更甚。
Yihuudaan fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjete. Isaanis cubbuu hojjetaniin hamma abbootiin isaanii hojjetan sana caalaa dheekkamsa isaa kakaasan.
23 因為他們在各高岡上,各青翠樹下築壇,立柱像和木偶。
Akkasumas iddoo ol kaʼaa hunda irrattii fi mukkeen babalʼaa hunda jalatti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, soodduuwwan dhagaatii fi siidaawwan Aasheeraa ofii isaaniitiif tolfatan.
24 國中也有孌童。猶大人效法耶和華在以色列人面前所趕出的外邦人,行一切可憎惡的事。
Manni sagadaa dhiirota sagaagalaniis biyya sana keessa ture; namoonni sun gochawwan jibbisiisoo kan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hunda keessatti hirmaatan.
25 羅波安王第五年,埃及王示撒上來攻取耶路撒冷,
Waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane.
26 奪了耶和華殿和王宮裏的寶物,盡都帶走,又奪去所羅門製造的金盾牌。
Innis qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan hunda guurratee gale.
27 羅波安王製造銅盾牌代替那金盾牌,交給守王宮門的護衛長看守。
Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne.
28 王每逢進耶和華的殿,護衛兵就拿這盾牌,隨後仍將盾牌送回,放在護衛房。
Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baatanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.
29 羅波安其餘的事,凡他所行的,都寫在猶大列王記上。
Wantoonni Rehooboʼaam bara mootummaa keessa taʼanii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
30 羅波安與耶羅波安時常爭戰。
Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture.
31 羅波安與他列祖同睡,葬在大衛城他列祖的墳地裏。他母親名叫拿瑪,是亞捫人。他兒子亞比央接續他作王。
Rehooboʼaamis abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti awwaalame. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

< 列王紀上 14 >